Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Yesuus barattoonni isaa Mootummichi haa dhufu jedhanii akka kadhatan barsiiseera. Haalli gaddisiisaan lafa irratti argamu fedha Waaqayyoo akka hin taanee fi mootummaan rakkoowwan kana sirreessuu dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe beeka ture. Mootummaan Waaqayyoo maal raawwata?

WANTOOTA MOOTUMMAAN WAAQAYYOO RAAWWATE

Mata duree darbe irratti mallattoowwan Yesuus kenne ilaalleerra. Mallattoon kun Yesuus Kiristoos Mootii taʼuudhaan Mootummaan Waaqayyoo samii irratti hundeeffamuu isaa ragaa ijaan argamu dha.

Kitaabni Qulqulluun Yesuus yeroo aangoo qabatetti Seexanaa fi jinniiwwan isaa samii keessaa akka ariʼe dubbata. Yeroo ammaatti sochiin isaanii lafa irratti kan daangeffame siʼa taʼu, bara 1914 irraa jalqabee rakkoowwan hammaachaa kan dhufan sababa kanaatiini.—Mulʼata 12:7, 9.

Haalli addunyaa kanaa ittuma hammaachaa kan deeme taʼus, Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuudhaan namoota addunyaa irratti argamaniif gargaarsa gochaa jira. Barumsa Kitaaba Qulqulluu addunyaa maratti kennamaa jiru isa Yesuus raajiidhaan dubbateef galanni haa gaʼuutii, namoonni hedduun seerawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu barachaa fi jireenya isaanii keessatti hojii irra oolchaa jiru. (Isaayaas 2:2-4) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman hojiidhaaf barsiifata gaarii qabaachuu, jireenya maatii isaanii fooyyessuu fi karaa madaallii isaa eegeen qabeenyatti gammaduu barataniiru. Namoonni kun yeroo ammaatti of fayyadaa kan jiran siʼa taʼu, jireenya namoota Waaqayyo Mootummaa isaa jalatti akka bulan barbaadu taʼuufis barachaa jiru.

ITTI AANSUUDHAAN MOOTUMMAAN WAAQAYYOO MAAL RAAWWATA?

Yesuus samii irratti bulchaa kan jiru taʼus, mootummoonni ilmaan namootaa amma iyyuu lafa irratti bulchaa jiru. Haa taʼu malee Waaqayyo, “Diinota kee gidduutti mo’i” jechuudhaan Yesuusiin ajajeera. (Faarfannaa 110:2) Dhiheenyatti Yesuus mormitoota hundumaa guutummaatti ni balleessa, warra Waaqayyoof ajajamuuf fedhii qabaniif immoo boqonnaa argamsiisa.

Yeroo sanatti Mootummaan Waaqayyoo wantoota armaan gadii irratti tarkaanfii fudhata:

  • Amantii sobaa balleessa. Amantiiwwan waaʼee Waaqayyoo soba barsiisanii fi jireenyi namootaa ulfaataa akka taʼu godhan ni balleeffamu. Kitaabni Qulqulluun amantii sobaa dubartii ejjituu wajjin wal fakkeessa. Badiisni amantii sobaa namoota baayʼee kan naasisu taʼa.—Mulʼata 17:15, 16.

  • Bulchiinsa namootaa ni balleessa. Mootummaan Waaqayyoo tarkaanfii fudhachuudhaan, bulchiinsa ilmaan namootaa hunda ni balleessa.—Mulʼata 19:15, 17, 18.

  • Namoota hamoo ni balleessa. Namoonni wanta hamaa raawwachuuf kutatanii kaʼanii fi Waaqayyoof ajajamuu didan hoo maal taʼu? “Warri jalʼoonni . . . biyyicha keessaa in balleeffamu.”—Fakkeenya 2:22.

  • Seexanaa fi jinniiwwan ni balleessa. Seexannii fi jinniiwwan, ‘sana booda saboota dogoggorsuu’ hin dandaʼan.—Mulʼata 20:3, 10.

Warra Mootummaa Waaqayyootti amanan hundumaatiif kun hiika maalii qaba?

WANTA MOOTUMMAAN WAAQAYYOO ILMAAN NAMOOTAATIIF GODHU

Yesuus Mootii taʼee samii keessatti bulchuudhaan, wanta bulchiinsi ilmaan namootaa raawwachuu dandaʼu kam irra iyyuu caalu ni raawwata. Namoonni 144,000 taʼan warri ilmaan namootaa gidduudhaa filatamanii isaa wajjin bulchan isa ni gargaaru. (Mulʼata 5:9, 10; 14:1, 3) Yesuus fedhiin Waaqayyoo lafa irratti raawwatamuu isaa ni mirkaneessa. Mootummaan Waaqayyoo namoota lafa irra jiraataniif maal godha?

  • Dhukkubaa fi duʼa balleessa. “Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru,” akkasumas “duutis kana booda hin jiru.”— Isaayaas 33:24; Mulʼata 21:4.

  • Nagaa fi tasgabbii dhugaa fida. “Nagaan ilmaan keetii guddaa in taʼa,” akkasumas “Isaan adduma addaan muka waynii isaanii jala, harbuu isaanii jalas in taaʼu; namni tokko illee isaan hin sodaachisu.”—Isaayaas 54:13; Miikiyaas 4:4.

  • Namoonni hojii gammachiisaa akka argatan godha. “Warri ani foʼadhes isa harka isaaniitiin itti dadhabanii hojjetan in nyaatu. Isaan si’achi akkasumaan dadhabanii hin hojjetan.”—Isaayaas 65:22, 23.

  • Rakkoowwan naannoo ni fura. “Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee, akka arfaasee in daraara.”—Isaayaas 35:1.

  • Jireenya bara baraa akka argataniif namoota ni barsiisa. “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa Waaqa dhugaa tokkicha taatee fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.”—Yohaannis 17:3.

Waaqayyo eebbawwan kana akka argattu barbaada. (Isaayaas 48:18) Mata dureen itti aanu warra jireenya gara fuulduraatti argamu argatan keessaa tokko taʼuuf amma maal gochuu akka dandeessu ibsa.