Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nageenya Dubartootaa​—⁠Yaada Kitaaba Qulqulluu

Nageenya Dubartootaa​—⁠Yaada Kitaaba Qulqulluu

 Addunyaa maratti dubartoonnii fi shamarran miidhaan isaan irra gaʼa. Miidhaan akkasii si irra gaʼaa jiraa? Taanaan nageenyi kee Waaqayyoon kan yaaddessu maaliif akka taʼee fi miidhaa dubartoota irra gaʼu ilaalchisee tarkaanfii akkamii akka fudhatu baradhu.

 “Ijoollummaa kootti obboleessi koo hangafaa yeroo hundumaa na reeba, akkasumas na arrabsa ture. Ergan heerumee boodammoo amaatiin koo miidhaa na irraan geessisti turte. Ishiinis taate abbiyyuun koo akka garbittiitti na ilaalu. Kanaan kan kaʼes of ajjeesuuf yaadaan ture.” —Maduu, a Hindii.

 Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, “Addunyaa maratti miidhaan dubartoota irra gaʼu baramaa taʼaa dhufeera” jechuudhaan ibseera. Yeroo taʼe tokkotti yoo xinnaate dubartoota sadii keessaa tokko miidhaan qaamaa ykn saalaa akka isaan irra gaʼu tilmaamama.

 Kun si irra gaʼeera taanaan, bakka deemtu hundatti arrabsoon, miidhaan qaamaa ykn miidhaan saalaa na irra jettee sodaatta taʼa. Dubartii taʼuu keetiin kan kaʼe miidhaan yoo si irra gaʼe, namoonni hedduun, ‘Dubartoonni gatii hin qaban’ jedhanii akka yaadan sitti dhagaʼama taʼa. Garuu dhuguma dubartoonni Waaqayyo duratti iddoo guddaa qabuu?

Kitaabni Qulqulluun nageenya dubartootaatiif bakka guddaa kenna

Waaqayyoo dubartootaaf ilaalcha akkamii qaba?

 Caqasa: ‘Waaqayyo dhiiraa fi dubartii godhee isaan uume.’—Uumama 1:27.

 Hiika: Waaqayyo dhiiraa fi dubartii uume. Lamaanuu qaama kabajni isaaniif malu akka taʼanitti ilaala. Kana malees, abbaan manaa ishiitti dheekkamuu ykn ishii miidhuudhaan qoruu fi ishii toʼachuu mannaa, ‘akkuma of jaallatutti haadha manaa isaa akka jaallatu’ isa irraa eega. (Efesoon 5:33; Qolosaayis 3:19) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, nageenyi dubartootaa Waaqayyoon ni yaaddessa.

 “Ijoollummaa kootti, firoonni koo miidhaa saalaa narraan geessisaniiru. Yeroo umuriin koo waggaa 17 taʼus, hogganaan koo isaa wajjin yoon saalqunnamtii raawwachuu baadhe hojiidhaa akka na ariʼu na doorsisaa ture. Yeroon gaʼeessa taʼummoo, abbaan manaa koo, warri isaa fi ollaawwan isaa na salphisu turan. Yeroo booda garuu, waaʼee Yihowaa b isa Uumaa keenya taʼeen baradhe. Inni dubartootaaf kabaja qaba. Kunis akka inni na jaallatuu fi isa duratti gatii guddaa akkan qabu naaf mirkaneesseera.”—Maariyaa, Arjantiinaa.

Miira kana akka dandamattu maaltu si gargaaruu dandaʼa?

 Caqasa: “Michuun obboleessa caalaa namatti maxxanu jira.”—Fakkeenya 18:24.

 Hiika: Michuu gaariin si deggera. Akka si gargaaru yoo sitti dhagaʼame, miira kee nama amanuu dandeessu tokkotti himadhu.

 “Waggoota 20f miidhaan saalaa na irra gaʼaa akka ture nama tokkottillee hin himne. Kanaan kan kaʼes nan gadda, nan dhiphadha, akkasumas abdiin kutadha ture. Wanta na irra gaʼaa ture nama na dhaggeeffachuuf fedhii qabu tokkotti yommuun himu garuu, boqonnaa guddaatu natti dhagaʼame.”—Eliif, Turkiyee.

 Caqasa: “[Waaqayyo] isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 Pheexiros 5:7.

 Hiika: Yeroo kadhattu Waaqayyo dhugumaan si dhagaʼa. (Faarfannaa 55:22; 65:2) Waaqayyo waan sii yaaduuf, iddoo guddaa akka qabdu akka hubattu si gargaaruu dandaʼa.

 “Waaʼee Yihowaa barachuun koo miidhaa cimaa na irra gaʼe irraa akkan fayyuu na gargaaruu jalqabeera. Amma wanta natti dhagaʼamu kadhannaadhaan Waaqayyotti himachuu nan dandaʼa. Inni akkuma michuu miira koo naaf hubatuuti.”—Aanaa, Beeliiz.

Yeroon itti Waaqayyo miidhaa dubartoota irra gaʼu hambisu jiraa?

 Caqasa: “Yaa Yihowaa . . . namni lafa irraa inni duʼu sana booda akka isaan hin sodaachisneef, ati mucaa abbaa hin qabnee fi warra caccabaniif haqaan ni murteessita.” —Faarfannaa 10:17, 18.

 Hiika: Waaqayyo dhiheenyatti gara jabinaa fi hammeenya dubartootarratti raawwatamu dabalatee jalʼina haqaa hunda ni dhabamsiisa.

 “Yihowaan dhiheenyatti miidhaa dubartootaa fi shamarran irra gaʼu akka dhabamsiisu barachuun koo, akkuma qoricha yeroodhaaf boqonnaa kennuu naaf taʼeera. Nagaan sammuu akka natti dhagaʼamu godheera.”—Roobertaa, Meeksikoo.

 Abdii Kitaabni Qulqulluun kennu, sababii abdii inni kennetti amanuu itti dandeessu fi Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii akkamitti si gargaaruu akka dandaʼan caalaatti barachuuf, dhufee akka si haasofsiisu gaafadhu.

 Mara duree maxxanfamuu dand⁠a⁠ʼu kana buufadhu.

a Maqaawwan jijjiiramaniiru.

b Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.