Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Gaaʼelaa Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Gaaʼelaa Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Waaqayyo dhiiraa fi dubartii jalqabaa erga uumee booda gaaʼelaan akka walitti hidhaman isaan godhe. Gaaʼela kan hundeesse dhiirrii fi dubartiin tokko hariiroo addaa akka qabaatanii fi hundee maatii akka taʼaniif ture.—Uumama 1:27, 28; 2:18.

 Waaqayyo hiriyoonni gaaʼelaa gammadoo akka taʼan barbaada. (Fakkeenya 5:18) Kitaaba Qulqulluu keessatti ulaagaa gaaʼelli ittiin geggeeffamuu fi qajeelfamoota milkaaʼina argachuuf isaan gargaaran kenneera.

Mata duree kana keessatti

 Ulaagaan Waaqayyo gaaʼelaaf baase maalfaʼi?

 Jalqaba irratti Waaqayyo gaaʼela kan hundeesse dhiiraa tokkoo fi dubartii tokko gidduutti ture. (Uumama 2:24) Waaqayyo haadhotii manaa hedduu fuudhuu, saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti godhamu ykn seeraan utuu wal hin fuudhin waliin jiraachuu hin heyyamu. (1 Qorontos 6:9; 1 Tasalonqee 4:3) Yesuus duuka buutonni isaa ulaagaa Waaqayyo jalqaba gaaʼelaaf baase akka hordofan isaan barsiiseera.—Maarqos 10:6-8.

 Akka ilaalcha Waaqayyootti gaaʼelli diigamuu hin qabu. Dhiirrii fi dubartiin tokko yommuu gaaʼela godhatan, hamma lubbuudhaan jiranitti waliif amanamoo taʼuu fi waliin jiraachuuf waada waliif galu. Waaqayyo waadaa galan kana akka eegan isaan irraa barbaada.—Maarqos 10:9.

 Gargar baʼuu fi wal hiikuu

 Abbaan manaa fi haati manaa tokko yeroon itti kopha kophaa taʼuuf dirqaman jira; fakkeenyaaf maatii isaanii gargaarsi hatattamaa barbaachisu kunuunsuuf fagaatanii deemuu dandaʼu. Haa taʼu malee, rakkina gaaʼela keessatti uumamuun kan kaʼe gargar baʼuu Kitaabni Qulqulluun hin deggeru. Kanaa mannaa hiriyoonni gaaʼelaa haala akkasii keessa jiran rakkina isaanii furuuf akka carraaqan isaan jajjabeessa.—1 Qorontos 7:10.

 Kitaabni Qulqulluun wal hiikuuf sababa taʼuu kan dandaʼu ejja qofa akka taʼe ibsa. (Maatewos 19:9) Kanaafuu abbaan manaa fi haati manaa tokko ejji utuu hin raawwatamiin gargar baʼuuf ykn wal hiikuuf yoo murteessan, lamaan isaanii iyyuu nama kan biraa wajjin wal qorachuufis taʼe gaaʼela godhachuuf walaba miti.—Maatewos 5:32; 1 Qorontos 7:11.

 Gaaʼelli tokko waaqayyo biratti fudhatama argachuuf seeraan galmaaʼuu qabaa?

 Waaqayyo Kiristiyaanonni gaaʼela ilaalchisee seera mootummaatiif akka ajajaman isaan irraa barbaada. (Tiitoo 3:1) Yeroo dandaʼamu hundatti hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela isaanii galmeessisuun isaanii, abbootii taayitaa fi ulaagaa Waaqayyo gaaʼelli dhaabbataa akka taʼu baaseef kabaja akka qaban argisiisa. a

 Gaʼee fi itti gaafatama abbaan manaa fi haati manaa qaban ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

  •   Itti gaafatama adda addaa isaaniif kenname. Abbaan manaa fi haati manaa jaalalaa fi kabaja waliif qabaachuu qabu. (Efesoon 5:33) Fedhii saalaa walii isaanii karaa jaalala qabuun guutuu fi gocha amanamummaa hirʼisu kam irraa iyyuu fagaachuu qabu. (1 Qoronto 7:3; Ibroota 13:4) Ijoollee yoo qabaatan immoo abbaan manaa fi haati manaa itti gaafatamummaa isaan guddisuuf qaban hirachuu qabu.—Fakkeenya 6:20.

     Kitaabni Qulqulluun hiriyoonni gaaʼelaa hojii alaa fi mana keessaa hojjetan akkamitti hirachuu akka qaban balʼinaan hin ibsu. Wanta maatii isaaniitiif caalaatti gaarii taʼe waliin murteessuu dandaʼu.

  •   Gaʼee abbaa manaa. Kitaabni Qulqulluun, ‘abbaan manaa mataa haadha manaa isaa ti’ jedha. (Efesoon 5:23) Matadha yommuu jedhu, maatii isaatiif qajeelfama kennuu fi murtoo haadha manaa fi ijoollee isaa fayyadu murteessuu qaba jechuu dha.

     Fedhii qaamaa, miiraa fi hafuuraa maatii isaa guutuuf carraaquu qaba. (1 Ximotewos 5:8) Abbaan manaa ishii wajjin hojjechuudhaan, akkasumas yommuu murtoo godhutti ilaalchaa fi miira ishii tilmaama keessa galchuudhaan amalaa fi dandeettii haadha manaa isaatiif iddoo guddaa akka kennu argisiisa. (Fakkeenya 31:11, 28) Kitaabni Qulqulluun abbaan manaa itti gaafatama isaa karaa jaalala qabuun baʼachuu akka qabu dubbata.—Qolosaayis 3:19.

  •   Gaʼee haadha manaa. Kitaabni Qulqulluun, “haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu” jedha. (Efesoon 5:33) Haati manaa gaʼee inni abbaa manaatiif kenne yommuu kabajju Waaqayyo ni gammada.

     Gaʼeen haadha manaa, abbaan manaa ishii murtoo gaarii akka godhu gargaaruu fi matummaa isaa deggeruu dha. (Uumama 2:18) Kitaabni Qulqulluun haadha mana itti gaafatamummaa gaaʼela keessatti qabdu raawwattu gaarii akka taate dubbata.—Fakkeenya 31:10.

 Waaqayyo yeroo harʼaatti hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee akka godhatan barbaadaa?

 Lakki. Bara duriitti Waaqayyo waaqeffattoonni isaa tokko tokko ijoollee akka godhatan ajajee ture. (Uumama 1:28; 9:1) Haa taʼu malee, ajajni kun Kiristiyaanotaaf hin hojjetu. Yesuus hordoftoonni isaa ijoollee akka godhatan matumaa ajajee hin beeku. Barattoonni isaa jalqabaas hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee akka godhatan dubbatanii hin beekan. Hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee godhachuu ilaalchisee ofuma isaanii murteessuu dandaʼu.

 Kitaabni Qulqulluun gaaʼela koo keessatti kan na gargaaru akkamitti?

 Kitaabni Qulqulluun hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela isaanii haala gaariidhaan akka jalqaban qajeelfamoota isaan gargaaran qabateera. Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu hiriyoonni gaaʼelaa rakkina akka hambisan ykn akka moʼanis isaan gargaaruu dandaʼu.

 Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu hiriyoonni gaaʼelaa wantoota armaan gadii akka godhan isaan gargaaruu dandaʼa.

a Gaaʼela aadaadhaan ykn gosaan raawwatamu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu beekuuf, Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2006, fuula 21, keeyyata 12 ilaali.