Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaabni Qulqulluun Araada Qoricha Sammuu Hadoochu Fudhachuu Moʼuuf Si Gargaaruu Dandaʼaa?

Kitaabni Qulqulluun Araada Qoricha Sammuu Hadoochu Fudhachuu Moʼuuf Si Gargaaruu Dandaʼaa?

 Waggaa waggaadhaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman qoricha sammuu hadoochu fudhachuu dabalatee, miidhaa wantoonni araada nama qabsiisan kallattiidhaan ykn karaa al kallattii taʼeen geessisaniin lubbuu isaanii dhabu. Rakkinni kun yeroo dhibee weerara KOOVIID-19 kanatti immoo garmalee dabaleera. Gorsi Kitaabni Qulqulluun kennu namoonni hedduun araada qoricha sammuu hadoochuu fudhachuu akka moʼan isaan gargaareera. Atis rakkina kanaa wajjin qabsoo gochaa jirta yoo taʼe, gorsi kun siinis si gargaaruu dandaʼa. a

Mata duree kana keessatti

 Araada moʼuuf gorsi Kitaaba Qulqulluu akka nu gargaaru gochuu kan qabnu maaliifi?

 Qorattoonni namoonni araada qoricha sammuu hadoochu fudhachuutiin kan qabaman yeroo baayʼee kophummaan, dhiphinnii fi gaddi waan isaanitti dhagaʼamuuf akka taʼe bira gaʼaniiru. Kitaabni Qulqulluun amantii rakkoowwan araadaan akka qabamtu godhan karaa buʼa qabeessa taʼeen moʼuuf si dandeessu akka qabaattu si gargaara. Kana malees, Waaqayyoo wajjin michummaa cimaa qabaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ibsa. (Faarfannaa 25:14) Gargaarsa isaatiin, rakkoowwan ofuma keetiin moʼuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamu illee moʼuu ni dandeessa.—Maarqos 11:22-24.

 Tarkaanfiiwwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afurii fi araada moʼuuf gargaaran

  1.  1. Waaʼee Yihowaa beekuuf carraaqqii godhi. b (Yohaannis 17:3) Inni Uumaa dha, akkasumas Madda humna daangaa hin qabnee ti. Kana malees, Inni Abbaa kee isa samii jaalala qabeessa taʼedha dha. Isaa wajjin hariiroo cimaa akka qabaattuuf humna isaatti fayyadamee si gargaaruu barbaada. (Isaayyaas 40:29-31; Yaaqoob 4:8) Jaalala isaa irraa fayyadamuuf yoo filatte, gara fuulduraatti jireenya dinqisiisaa akka qabaattu waadaa siif gala.—Ermiyaas 29:11; Yohaannis 3:16.

  2.  2. Yihowaan akka si gargaaru gaafadhu. Nama “qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu” taʼuuf, Waaqayyo araada kee moʼuuf akka si gargaaru kadhannaadhaan isa gaafadhu. (Roomaa 12:1) Hafuura qulqulluu isaa ykn humna isaa isa hojii irra jirutti fayyadamee, ‘humna humna caalu’ siif kenna. (2 Qorontos 4:7; Luqaas 11:13) Humni kun immoo qoricha sammuu hadoochu fudhachuu akka dhiistuu fi “namummaa haaraa” isa Waaqayyoon gammachiisu uffachuuf si gargaara.—Qolosaayis 3:9, 10.

  3.  3. Sammuu kee yaadawwan Waaqayyootiin guuti. (Isaayyaas 55:9) Inni ‘humna sammuu kee hojjechiisuun akka haareffamtu’ gochuu ykn akkaataa itti yaaddu jijjiiruudhaan araada kana irraa bilisa akka taatu si gargaaruu dandaʼa. (Efesoon 4:23) Yaadawwan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessa waan jiraniif, yeroo hunda dubbisuun kee baayʼee barbaachisaa dha. (Faarfannaa 1:1-3) Namoonni hedduun gargaarsa Kitaaba Qulqulluu akka hubatan isaaniif taasifameen faayidaa argataniiru. (Hojii Ergamootaa 8:30, 31) Dhugaa Baatonni Yihowaa barumsa Kitaaba Qulqulluu mariidhaan taasifamu tola barsiisu. Kana malees, walgaʼiiwwan keenya irratti wanta Kitaabni Qulqulluun jedhuu fi barumsa isaa akkamitti jireenya keenya keessatti hojii irra akka oolchinu waan qorannuuf irratti akka argamtu si affeerra.

  4.  4. Michoota gaarii filadhu. Michoonni kee araada kee moʼuun akka sitti salphatu ykn akka sitti ulfaatu gochuu irratti dhiibbaa guddaa si irraan geessisuu dandaʼu. (Fakkeenya 13:20) Waaqayyo namoota isa waaqeffatan gidduudhaa michoota akka argattu qophii godheera, michummaa isaanii irraas akka fayyadamtu ni barbaada. (Faarfannaa 119:63; Roomaa 1:12) Namoota bohaartii irratti isaan daawwattu, dhaggeeffattu ykn waaʼee isaanii dubbistuu wajjin michuu taʼuu waan dandeessuuf, wanta itti bohaartu of eeggannoodhaan filachuu si barbaachisa. Murtoo wanta sirrii taʼe raawwachuuf goote si jalaa laaffisu kam irraa iyyuu fagaadhu.—Faarfannaa 101:3; Amoos 5:14.

 Caqasoota Kitaaba Qulqulluu araada moʼuuf si gargaaruu dandaʼan

 Faarfannaa 27:10: “Abbaan kiyyaa fi haati tiyya yoo na dhiisan illee, Yihowaan na simata.”

 “Abbaa koo kanan hin beekne taʼuun koo, nama gatii hin qabne akkan taʼe akka natti dhagaʼamu godheera. Yihowaan Waaqa dhugumaan jiruu fi baayʼee na jaallatu taʼuu isaa yommuun beeku garuu, jireenyi koo kaayyoo qabaate, araada koos injifachuun dandaʼe.”—Wiilbii, Heeyitii irraa.

 Faarfannaa 50:15: “Yeroo dhiphinaatti na waammadhu. Ani sin oolcha.”

 “Caqasni kun yeroo araadni koo natti deebiʼutti illee yeroo baayʼee jabaadhee akkan itti fufu na gargaareera. Yihowaan waadaa gale eegeera.”—Seerhii, Yuukreen.

 Fakkeenya 3:5, 6: “Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami, hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin. Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi, innis daandii kee wal siif qixxeessa.”

 “Caqasni kun ofitti utuu hin taʼin, Yihowaatti akkan amanamu na gargaareera. Humna inni naa kenneen jireenya koo guutummaatti jijjiiruu dandaʼeera.”—Miisheel, Xaaliyaanii.

 Isaayyaas 41:10: “Ani sii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatin. Waaqa kee waanan taʼeef, hin dhiphatin. Ani sin jabeessa, eeyyee, sin gargaara, ani dhugumaan harka qajeelummaa koo isa mirgaatiin cimsee sin qaba.”

 “Qoricha sammuu hadoochu fudhachuu yommuun dhiisutti dhiphina guddaatu natti dhagaʼama. Caqasni kun Waaqayyo dhiphina koo dandamachuuf akka na gargaaru amanee akkan fudhadhu na taasiseera, na gargaareeras.”—Andii, Afriikaa Kibbaa.

 1 Qorontos 15:33, miiljalee: “Hin dogoggorinaa. Hiriyummaa gadheen naamusa gaarii mancaasa.”

 “Qoricha sammuu hadoochu akkan fudhadhuu fi araada akka natti taʼu kan godhan hiriyoota gadhee dha. Araada koo irraa bilisa baʼuu kanan dandaʼe, michummaan hiriyoota gadhee wajjin qabu dhiisee, namoota naamusa qulqulluu qabanii fi jireenya isaanii dinqisiifadhu wajjin michummaa yeroon uumetti ture.”—Ayizaak, Keeniyaa.

 2 Qorontos 7:1: “Wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu.”

 “Caqasni kun qaama koo qulqulleessuu, araada koo moʼuu fi of miidhuu dhiisuuf qabsoo gochuu koo akkan itti fufu na jajjabeesseera.”—Roozaa, Kolombiyaa.

 Filiphisiyus 4:13: “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.”

 “Ofuma kootiin araada kana dhiisuu akka hin dandeenye waanan hubadhee tureef, Waaqayyo akka na gargaaru kadhannaan dhiheesse. Innis humna araada koo moʼuuf na barbaachisu naaf kenneera.”—Paatriiziiyaa, Xaaliyaanii.

 Muuxannoowwan dabalataa: Gargaarsa Kitaaba Qulqulluutiin araada injifachuu

 Joseef Ireenboogen naannoo yakki babalʼatetti waan guddateef, dhugaatii alkoolii dhuguun, tamboo xuuxuun, maariwaanaa fi heeroyinii fudhachuun araada isatti taʼee ture. Garmalee fayyadamuu isaatiin kan kaʼe yeroo baayʼee duʼuu jala gaʼee ture. Yaanni Kitaaba Qulqulluu tokko jijjiirama gochuu akka dandaʼu amanee akka fudhatu isa taasiseera. Muuxannoo isaa mata duree “Ofis Taʼe Dubartoota Kabajuu Baradheera” jedhu irraa dubbisuu dandeessa.

 Dimiitrii Karshanoov araada dhugaatii alkoolii qabu irraa bilisa baʼuuf yeroo hedduu yaalii gochuun isa barbaachiseera. Wanta gama kanaan milkaaʼina akka argatu isa gargaare beekuuf, viidiyoo ‘Akkaataa Jireenyaa Kootti hin Gammanne’ jedhu daawwachuu dandeessa.

 Kitaabni Qulqulluun araada moʼuuf yaalii fayyaa gochuu ni dhowwaa?

 Lakki. Kitaabni Qulqulluun kun barbaachisaa taʼuu isaa yommuu ibsu, “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu” jedha. (Maatewos 9:12) Haaluma wal fakkaatuun, dhaabbanni Ameerikaa qoricha sammuu hadoochu toʼatu (National Institute on Drug Abuse) tokko, “Araadni qoricha sammuu hadoochu dhukkuba baayʼee cimaa taʼe dha, araada kana dhiisuuf fedhii qabaachuu ykn of toʼachuu qofti gaʼaa miti” jedheera. Gargaarsi Waaqayyo kennu fedhii namni tokko of toʼachuuf qabu ykn kutannoo nama tokkoo caalaa humna guddaa akka qabu beekamaa dha. Taʼus, namoonni gorsa Kitaaba Qulqulluu hordofuudhaan wantoota araada namatti taʼan irraa walaba baʼuu dandaʼan hedduun, gargaarsi yaalii fayyaa isaan barbaachisee ture. c Fakkeenyaaf, namni Aalan jedhamu akkana jedheera: “Yeroon araada dhugaatii alkoolii dhiisuuf yaalii gochaa turetti, dhukkubbii qaamaa cimaatu natti dhagaʼama ture. Gargaarsa karaa hafuuraa argachaa ture malees, gargaarsi yaalii fayyaa akka na barbaachisu kanan hubadhe yeroo kanatti ture.”

 Kitaabni Qulqulluun yaalii fayyaatiif qoricha sammuu hadoochu fudhachuu ni dhowwaa?

 Lakki. Kitaabni Qulqulluun, dhukkuba fayyisuuf ykn dhukkubbii nama duʼuu jala gaʼe tokkotti dhagaʼamu hirʼisuuf dhugaatii alkoolii fayyadamuun akka dandaʼamu ibsa. (Fakkeenya 31:6; 1 Ximotewos 5:23) Haa taʼu malee, akkuma dhugaatii alkoolii qorichawwan dhukkubbii hirʼisuuf fudhataman araada cimaa namatti taʼuu dandaʼu. Kanaafuu, miidhaa qorichawwan dhukkubbii hirʼisuuf akka fudhannuuf ogeeyyiin fayyaa nuuf ajajan geessisuu dandaʼan beekuu fi of eeggannoodhaan itti fayyadamuun keenya baayʼee barbaachisaa dha.—Fakkeenya 22:3.

a Mata dureen kun waaʼee araada qoricha sammuu hadoochu fudhachuu moʼuu irratti kan xiyyeeffatu taʼus, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu as irratti ibsaman namoota rakkoowwan kan biroo, kanneen akka araada dhugaatii alkoolii, tamboo, nyaata, qumaara, poornoogiraafii ykn miidiyaa hawaasaa irraa bilisa baʼuuf qabsoo godhan gargaaruu ni dandaʼu.

b Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyoo ti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.

c Dhaabbileen yaalii fayyaa kennan, hospitaalonnii fi sagantaawwan fooyyaʼiinsa argachuuf gargaaran hedduun jiru. Namni hundi filannoo qabu of eeggannoodhaan madaaluu fi yaaliin inni kam caalaatti gaarii akka taʼe murtoo mataa isaa gochuu qaba.—Fakkeenya 14:15.