Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Kadhannaa Kee Akka Dhagaʼu Akkamitti Mirkanaaʼaa Taʼuu Dandeessa?

Waaqayyo Kadhannaa Kee Akka Dhagaʼu Akkamitti Mirkanaaʼaa Taʼuu Dandeessa?

Yihowaan Waaqa ‘kadhannaa namaa dhagaʼu’ dha. (Faarfannaa 65:2) Iddoo fi yeroo kamitti iyyuu sagalee ol kaasnees taʼe, callisnee isatti dubbachuu ni dandeenya. Yihowaan “Abbaa” jennee akka isa waamnu barbaada; inni dhugumaan abbaa qabaachuu dandeenyu kam iyyuu ni caala. (Maatewos 6:9) Yihowaan jaalalaan kakaʼee akkamitti kadhachuu fi akka inni nuuf dhagaʼu gochuu akka dandeenyu nu barsiiseera.

MAQAA YESUUSIIN YIHOWAATTI KADHANNAA DHIHEESSAA

“Isin wanta akkamii iyyuu Abbaa yoo kadhattan, inni maqaa kootiin isiniif ni kenna.”—Yohaannis 16:23.

Jechoonni Yesuus akka argisiisanitti, Yihowaan kadhannaa akka isatti dhiheessinu kan barbaadu karaa fakkiiwwanii, qulqullootaa, maleekotaa ykn akaakiliiwwan keenya duʼaniin utuu hin taʼin, maqaa Yesuus Kiristoosiini dha. Maqaa Yesuusiin Waaqayyotti yommuu kadhannaa dhiheessinu gaʼee guddaa Yesuus qabu akka hubanne argisiisna. Yesuus, “Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu” jedheera.—Yohaannis 14:6.

GARAADHAA DUBBADHAA

“Garaa keessan isaaf banaa.”—Faarfannaa 62:8.

Yommuu Yihowaatti kadhannaa dhiheessinu, akka abbaa jaalala qabeessa tokkootti isatti dubbachuu qabna. Kitaaba irraa dubbisuu ykn wanta yaadatti qabanne irra deddeebinee dubbachuu mannaa, kabajaa fi garaadhaa isatti dubbachuu qabna.

FEDHA WAAQAYYOO WAJJIN KARAA WAL SIMUUN KADHADHAA

“Wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.”—1 Yohaannis 5:14.

Kitaaba Qulqulluu keessatti Yihowaan wanta nuuf godhuu fi wanta akka isaaf goonu barbaadu dubbateera. Kadhannaan keenya isa biratti fudhatama akka argatuuf, “akka fedhii isaatti” kadhachuu qabna. Kana gochuuf akka nu gargaaruuf, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan akka gaariitti isa beekuu qabna. Taanaan, kadhannaan keenya kan isa gammachiisu taʼa.

WAAʼEE MAALII KADHACHUU DANDEENYA?

Wanta Isin Barbaachisuuf Kadhadhaa. Wanta guyyaa guyyaadhaan nu barbaachisuuf, jechuunis nyaata, uffataa fi mana jireenyaatiif kadhachuu dandeenya. Kana malees, ogummaa murtoo sirrii gochuuf nu barbaachisuu fi jabina rakkina dandamachuuf nu dandeessisu akka nuu kennu kadhachuu dandeenya. Amantii qabaachuuf, dhiifama argachuu fi gargaarsa Waaqayyoo argachuuf kadhachuu dandeenya.—Luqaas 11:3, 4, 14; Yaaqoob 1:5, 17.

Warra Kaaniif Kadhadhaa. Warri ijoollee isaaniitiif yaadan, ijoolleen isaanii yommuu wal jaallatan ni gammadu. Yihowaanis ijoolleen isaa warri lafa irraa akka waliif yaadan barbaada. Hiriyaa gaaʼelaa keenyaaf, maatii keenyaaf, ijoollee keenyaa fi michoota keenyaaf kadhachuun sirrii dha. Yaaqoob baratichi, “waliif kadhadhaa” jedhee barreesseera.—Yaaqoob 5:16.

Galateeffadhaa. Kitaabni Qulqulluun waaʼee Uumaa keenyaa akkas jedha: ‘Wanta gaarii gochuudhaan, jechuunis samii irraa bokkaa roobsuudhaan, waqtiilee firii qaban isiniif kennuudhaan, akkasumas nyaata akka quuftanii fi garaan keessan gammachuudhaan akka guutamu godheera.’ (Hojii Ergamootaa 14:17) Wanta Waaqayyo nuuf godhe hundumaa yommuu yaadnu kadhannaadhaan isa galateeffachuuf kakaana. Dhugaa dha, galateeffannaa Waaqayyoof qabnu akkaataa jireenyaa keenyaanis argisiisuu qabna. Qolosaayis—3:15.

OBSA QABAADHAA, KADHACHUU KEESSANIS ITTI FUFAA

Yeroo tokko tokko kadhannaa garaadhaa dhiheessineef, yeruma sana deebii waan hin arganneef, abdii kutachuu dandeeya. Maarree Waaqayyo kadhannaa keenyaaf xiyyeeffannaa hin kennu jennee murteessuu qabnaa? Matumaa! Mee muuxannoowwan armaan gadii kadhachuu keenya itti fufuu akka qabnu argisiisan haa ilaallu.

Istiiv, inni mata duree jalqabaa irratti caqasame, “Kadhannaan utuu na hin gargaarre taʼee, waggoota hedduu dura jireenyatti abdii nan kutadhan ture” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera. Akka jijjiiramu kan isa gargaare maali dha? Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe, akkasumas kadhachuu fi kanas itti fufuun barbaachisaa taʼuu isaa hubate. Istiiv akkas jedheera: “Gargaarsan michoota koo irraa argadhu hundaaf kadhannaadhaan Waaqayyoon nan galateeffadha. Amma yeroo kam iyyuu caalaa gammachuu qaba.”

Jeenii ishiin Waaqayyo kadhannaa ishii dhagaʼuun akka ishiif hin malle itti dhagaʼamaa ture hoo? Akkas jetteetti: “Yeroon baayʼee dhiphadhutti, gatii akka hin qabne kan natti dhagaʼamu maaliif akka taʼe hubachuuf akka na gargaaru cimseen Waaqayyoon kadhadha.” Kun kan ishii gargaare akkamitti? “Waaqayyotti dubbachuun koo wantootaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf, darbees garaan koo yoo natti murteesse iyyuu, inni akkasitti akka na hin ilaalle hubachuuf na gargaareera. Kana malees, abdii utuu hin kutatiin yaalii gochuu koo akkan itti fufu na gargaareera.” Buʼaan isaa hoo maal ture? “Kadhannaan, Yihowaan wanta inni barbaadu raawwachuuf yaaluu koo hamman itti fufetti, inni qaama dhugumaan jiru, jaalala qabeessa, kan namaaf yaadu, Abbaa fi Michuu yeroo na barbaachisutti gargaarsa naaf godhu akka taʼe na hubachiiseera.”

“Izaabeel ilmi ishii Jeeraard qaama miidhamaa taʼus, jireenyatti yommuu gammadu arguudhaan “Inni deebii kadhannaa koo isa hunda irra caalu” akka taʼe hubadheera jetteetti

Muuxannoo Izaabeelis haa ilaallu. Yeroo ulfa turtetti, mucaan ishii qaama miidhamaa taʼee akka dhalatu doktarri ishii ishiitti hime. Ishiinis baayʼee dhiphatte. Namoonni tokko tokko ulficha akka baastu illee ishii gorsaniiru. Akkas jetteetti: “Dhiphina natti dhagaʼamuun kan kaʼe, duʼuuf akkan jedhu natti dhagaʼamee ture.” Maal goote ree? “Gargaarsa Waaqayyoo argachuuf irra deddeebiʼeen kadhadhe” jetteetti. Yeroo booda ilma ishii Jeeraard jedhamuu fi miidhama qaamaa qabu deesse. Izaabeel Waaqayyo kadhannaa ishiitiif deebii akka kenne itti dhagaʼameeraa? Eeyyee! Karaa kamiini? Akkas jetteetti: “Ilmi koo inni umuriin isaa 14 taʼe qaama miidhamaa taʼus, jireenyatti yommuu gammadu nan arga. Inni deebii kadhannaa koo isa hunda irra caalu, jechuunis eebba guddaa Yihowaan naaf kenne akka taʼe hubadheera.”

Jechoonni garaadhaa maddan akkasii yaada Faarfatichi, “Yaa Yihowaa, ati garuu gaaffii garraamotaa ni dhageessa. Garaa isaanii ni cimsita, xiyyeeffannaas isaaniif ni kennita” jedhee dubbate akka yaadnu nu taasisu. (Faarfannaa 10:17) Kun kadhachuu keenya itti fufuuf sababii gaarii dha!

Kitaabni Qulqulluun kadhannaawwan Yesuus dhiheesse hedduu qabateera. Isaan keessaa inni baayʼee beekamaan isa inni barattoota isaa barsiise dha. Kadhannaa kana irraa maal baranna?