Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

E+/taseffski/via Getty Images (Stock photo. Posed by model.)

DAMMAQINAAN EEGAA!

Dargaggoonni Baayʼeen Dhibee Sammuutiif Saaxilamaa Jiru—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Dargaggoonni Baayʼeen Dhibee Sammuutiif Saaxilamaa Jiru—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Wiixata, Guraandhala 13, 2023​tti, Wiirtuun Toʼannaa fi Ittisa Dhukkubaa (CDC) Yuunaayitid Isteetis fayyaa sammuu dargaggoota Yuunaayitid Isteetis keessa jiraatanii ilaalchisee gabaasa tokko baasee ture. Ijoollee barumsa sadarkaa lammaffaa hordofan keessaa dhibbeentaa 40 ol kan taʼan yeroo dheeraadhaaf akka gaddanii fi akka abdii kutatan gabaaseera.

 Hoggantuu Dhimmoota Dargaggootaa fi Fayyaa Barattootaa CDC kan taʼan Doktar Kaatliin Iiziyar akkana jedhaniiru: “Waggoottan 10 darbanitti fayyaan sammuu dargaggootaa caalaatti hammaachaa dhufuu isaa kan hubanne taʼus, lakkoofsi shamarran dhibee sammuutiin dararamaa jiranii fi of ajjeesuu yaadanii isa yeroo kamiyyuu caalaa dabaleera.”

 Gabaasicharratti akka ibsametti:

  •   Shamarran 10 keessaa 1 (jechuunis, dhibbeentaan 14) utuu isaan hin barbaadin saalqunnamtii akka raawwatan dhiibbaan isaanirratti godhameera. Doktar Iiziyar akkana jedhaniiru: “Kun baayʼee nama naasisa. Shamarran 10 beektan keessaa yoo xinnaate tokko (tarii isaa olis taʼuu dandaʼa) dirqisiifamtee gudeedamteetti.”

  •   Shamarran 3 keessaa 1 (jechuunis, dhibbeentaa 30 kan taʼan) waaʼee of ajjeesuu cimsanii yaadanii beeku.

  •   Shamarran 5 keessaa 3 (jechuunis, dhibbeentaa 57) kan taʼan yeroo dheeraadhaaf miirri gaddaa fi abdii kutannaa isaanitti dhagaʼamaa tureera.

 Gabaasa akkasii dhagaʼuun baayʼee nama gaddisiisa. Silaa umuriin dargaggummaa yeroo gammachiisaa taʼuu qaba ture. Maarree, dargaggoonni dhiphina yeroo ammaatti isaan mudachaa jiru dandamachuuf maaltu isaan gargaara? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Dargaggoonni Kitaaba Qulqulluurraa gargaarsa argachuu ni dandaʼu

 Kitaabni Qulqulluun yeroo keessa jiraannu sirriitti ibsa. Yeroon kun [yeroo] addaa baayʼee rakkisaa taʼe” akka taʼe dubbata. (2 Ximotewos 3:1-5) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun gorsa yeroon itti hin darbine nuu kenna; addunyaa maratti dargaggoonni miliyoonaan lakkaaʼaman gorsa kana hordofuun isaanii rakkina garaa garaa akka dandamatan isaan gargaareera. Mata dureewwan Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan armaan gadii ilaali.

 Gargaarsa dargaggoota of ajjeesuuf yaadaa jiraniif taʼu

 Gargaarsa dargaggoota dhiphina sammuu, gaddaa fi miira sirrii hin taane wajjin walʼaansoo gochaa jiraniif taʼu

 Gargaarsa dargaggoota ijoollee abbaa humnaa taʼanirraa miidhaan isaanirra gaʼee fi karaa intarneetii doorsisni isaanirra gaʼeef taʼu

 Gargaarsa dargaggoota miidhaan saalaa isaanirra gaʼaa jiruuf taʼu

Gorsa Kitaabni Qulqulluun warraaf kennu

 Kitaabni Qulqulluun warraafis gorsa ni kenna; gorsi kunis rakkina jireenya keessatti isaan mudatu akka dandamatan yeroo ijoollee isaanii gargaaranitti isaan fayyada. Mata dureewwan Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan armaan gadii ilaali.