Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Faarfannaa 23:4—“Ani Bowwaa Dukkanaaʼaa Sodaachisaa Keessa Yoon Adeeme Iyyuu”

Faarfannaa 23:4—“Ani Bowwaa Dukkanaaʼaa Sodaachisaa Keessa Yoon Adeeme Iyyuu”

 “Ati anaa wajjin waan jirtuuf, sulula dukkanaaʼaa keessa yoon deeme illee, miidhaan na irra gaʼa jedhee hin sodaadhu; uleen ittiin tiksituu fi uleen ittiin qajeelchitu na jajjabeessu.”—Faarfannaa 23:4, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Ani bowwaa dukkanaaʼaa sodaachisaa keessa yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabanni kee ana in jajjabeessu.”—Faarfannaa 23:4, Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1997.

Hiika Faarfannaa 23:4 a

 Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo haalawwan rakkisoon isaan mudatanitti illee gargaarsaa fi kunuunsa isaa ni argatu. Caqasni kun kunuunsa Yihowaan tajaajiltoota isaatiif godhu, kunuunsa tikseen tokko hoolota isaatiif godhuu wajjin walbira qabee ibsa. b Haalawwan rakkisoo caqasa kana irratti ibsaman kanneen akka sulula dukkanaaʼaa ykn dukkanaa fi balaawwan duʼaaf nama saaxilan yommuu isaan mudatanitti illee kophaa isaanii akka taʼan isaanitti hin dhagaʼamu. Waaqayyo isaanii wajjin akka jirutti waan yaadaniif, eegumsa akka qaban isaanitti dhagaʼama.

 Bara duriitti tikseen tokko hoolota isaa bineensota isaan adamsan irraa eeguuf ulee isaatti fayyadama ture. Akkasumas hoolota isaa qajeelchuuf ykn balaa irraa eeguuf ulee dheeraa karaa tokkoon hookkoo qabutti fayyadama. Haaluma wal fakkaatuun, Waaqni keenya Yihowaan akkuma Tiksee jaalala qabeessa tajaajiloota isaatiif eegumsa godhuu fi isaan qajeelchuu ti. Yommuu haalawwan baayʼee rakkisoo taʼan isaan mudatanitti illee, Yihowaan karaawwan garaa garaatiin kunuunsa isaaniif godha.

  •   Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼee fi barreeffamaan jirutti fayyadamee isaan barsiisa, akkasumas isaan jajjabeessa.—Roomaa 15:4.

  •   Kadhannaa isaanii dhagaʼuudhaan, nagaa sammuu fi miiraa isaaniif kenna.—Filiphisiyus 4:6, 7.

  •   Tajaajiltoota isaatti fayyadamee isaan jajjabeessa.—Ibroota 10:24, 25.

  •   Wantoota hamoo yeroo ammaatti isaan irra gaʼaa jiran balleessuudhaan, gara fuulduraatti wantoota gaggaarii akka isaaniif fidu abdii amansiisaa isaaniif kenneera.—Faarfannaa 37:29; Mulʼata 21:3-5.

Yaada naannoo Faarfannaa 23:4⁠tti argamu

 Faarfannaa 23 kan barreesse, Daawit isa ijoollummaa isaatti tiksee turee fi yeroo booda immoo mootii saba Israaʼel durii ture dha. (1 Saamuʼel 17:34, 35; 2 Saamuʼel 7:8) Faarfannaan kun Yihowaan akkuma tikseen tokko hoolota isaatiif godhu, tajaajiltoota isaa akka geggeessu, akka sooruu fi akka haaromsu ibsuudhaan jalqaba.—Faarfannaa 23:1-3.

 Daawit Faarfannaa 23:4 irratti eegumsa Waaqayyoo yommuu ibsu, bamaqaa “inni” jedhu irraa gara “ati” jedhutti jijjiireera. Jijjiiramni xiqqoon kun Daawit Yihowaa wajjin hariiroo cimaa akka qabu ibsa. Daawit Waaqayyo akka isaaf yaaduu fi rakkoowwan isa irra gaʼan akka beeku hubateera. Kanaan kan kaʼes Daawit hin sodaanne.

 Lakkoofsota itti aanan lamaan irratti, jechuunis Faarfannaa 23 lakkoofsa 5 fi 6 irratti fakkeenyi sun tiksee fi hoolota isaa irraa gara keessummeessaa fi keessummaa isaatti jijjiirameera. Yihowaan akkuma keessummeessaa arjaa taʼe tokkootti, akka keessummaa kabajamaatti Daawitiin simateera. Diinonni Daawit illee Waaqayyoo akka isa hin kunuunsine gochuu hin dandaʼan. Daawit, Waaqayyo bara jireenya isaa hundumaatti gaarummaa fi jaalala akka isatti argisiisu amanannaa qabu ibseera.

 Ibsi Faarfannaa 23 irratti argamu Waaqayyo tajaajiltoota isaa jaalalaan kunuunsuu isaa akka itti fufu argisiisa.—1 Pheexiros 2:25.

a Kitaabonni Qulqulluun tokko tokko faarfannaa kana Faarfannaa 22 jedhu. Walumaa galatti Faarfannaawwan 150 kan jiran taʼus, Kitaabonni Qulqulluun tokko tokko lakkoofsota boqonnaa kan barreessan Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa Maasoreetonni qopheessan irratti hundaaʼuudhaani; kaan immoo lakkoofsota boqonnaa kan barreessan Saptuujantii isa Dh.K.D. jaarraa lammaffaatti Afaan Ibrootaa irraa gara Afaan Giriikiitti hiikame hordofuudhaani.

b Waaqayyo inni maqaan isaa Yihowaa jedhamu, yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu keessatti Tiksee jaalala qabeessa akka taʼetti ibsameera. Tajaajiltoonni isaa immoo hoolota eegumsii fi deeggarsi isaa isaan barbaachisu akka taʼanitti ibsamaniiru.—Faarfannaa 100:3; Isaayyaas 40:10, 11; Ermiyaas 31:10; Hisqiʼel 34:11-16.