Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoollee fi Weebsaayitii Hawaasaa—Kutaa 1: Ijoolleen Koo Weebsaayitii Hawaasaa Fayyadamuu Qabuu?

Ijoollee fi Weebsaayitii Hawaasaa—Kutaa 1: Ijoolleen Koo Weebsaayitii Hawaasaa Fayyadamuu Qabuu?

 Qorannoo godhamee ture tokko irratti, ijoolleen dhibbentaa 97 taʼan weebsaayitii hawaasaa akka fayyadaman argisiisa. Ijooleen keessanis weebsaayitii kanatti fayyadamuuf hawwuu? Taanaan wantoonni irratti yaaduu qabdan tokko tokko jiru.

Mata duree kana keessatti

 Akkaataa ijoolleen keessan yeroo isaaniitti fayyadaman

 Weebsaayitiin HelpGuide jedhamu akkana jedheera: “Weebsaayitiin hawaasaa xiyyeeffannaa kee akka hatu, yeroo hunda intarneetii wajjin akka taatuu fi wanti haaraan yoo jiraate ilaaluuf irra deddeebitee iskiriinii kee akka ilaaltu gochuuf kan qophaaʼe dha.

 “Weebsaayitii hawaasaa daqiiqaa muraasaaf ilaaluuf banus, saʼaatii tokkoo olin dabarsa. Moobaayilii kee lafa keessee wanta faayidaa qabu gara biraa hojjechuuf barbaaduun baayʼee ulfaataa taʼa.”—Liin, 20.

 Akkana jedhii of gaafadhu: Ijoolleen koo weebsaayitii hawaasaa yeroo hammamiitiif itti fayyadamuu akka qaban qajeelfama ani kenneef hordofuuf of toʼachuu ni dandaʼuu? Ijoolleen koo qajeelfama ofiif baasuudhaan haala kanaa wajjin deemuuf of toʼachuu ni dandaʼuu?

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Kan deddeebitan . . . akka warra ogeeyyiitti taʼuu isaa of eeggannoodhaan hubadhaa; . . . yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.”—Efesoon 5:15, 16.

Ijoolleen kee qajeelfama utuu hin qabaatin weebsaayitii hawaasaatti akka fayyadaman heyyamuu jechuun leenjii utuu hin argatin farda akka gulufan heyyamuu jechuu dha

Ilaalcha ijoolleen keessan michummaadhaaf qaban

  Jechi “miidiyaalee hawaasaa” jedhu namoonni itti fayyadaman michoota ykn namoota beekanii wajjin wal arguu akka dandaʼan argisiisa. Haa taʼu malee, yeroo hedduu hariiroon kun michooma dhugaa miti.

 “Dargaggoonni baayʼeen namoota isaan hordofan hedduu argachuun isaanii namoota kana beekuu baatan illee kan isaaniif yaadan godhanii dogoggoraan akka yaadan hubadheera.”—Paatriishiiyaa, 17.

 Akkana jedhii of gaafadhu: Ijoolleen koo intarneetii irratti beekamummaa argachuun hamma kana barbaachisaa akka hin taane hubataniiru? Intarneetiidhaan utuu hin taʼin qaamaan wal arguudhaan michoota horachuu ni dandaʼuu?

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17.

Miidhaa miiraa ijoollee keessan irra gaʼu

 Qorattoonni weebsaayitii hawaasaatti garmalee fayyadamuun, yeroo baayʼee kophummaan akkan namatti dhagaʼamu, yaaddoo, kana irra iyyuu darbee dhiphina akka nama qabsiisu hubataniiru.

  “Utuu atii fi michoonni kee kaan hin argamin, surraa wanta michoonni kee hojjechaa jiran argisiisu ilaaluun matumaa nama hin gammachiisu.”—Seeriinaa, 19.

 Akkana jedhii of gaafadhu: Ijoolleen koo ofittummaa, wal dorgommii ykn weebsaayitii hawaasaa irraa wanta warri kaan hojjetan ilaaluudhaan gar malee miidhamuu irraa fagaachuuf gaʼumsa qabuu?

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Egaa wal morkii kakaasuu fi walitti hinaafuudhaan of tuuluu haa dhiisnu.”—Galaatiyaa 5:26.

Wanta ijoolleen keessan intarneetiidhaan hojjetan

 Weebsaayitiin hawaasaa intarneetiidhaan wanta gadhee dubbachuuf ykn namoonni kaan wanta gadhee akka dubbataniif, seeksitiingi (ergaa, suuraa ykn viidiyoo saalqunnamtii jajjabeessu karaa moobaayilii erguu) fi poornoogiraafii ilaaluuf nama saaxiluu dandaʼa. Ijoolleen keessan wantoota kana raawwachuuf kakaʼuu baatani illee wantoota kanaaf saaxilamuu dandaʼu.

 “Qabiyyeen weebsaayitii hawaasaa wanta miidhaa hin geessisne fakkaatus, salphaatti jijjiiramuu akka dandaʼu hubadheera. Jechoota gurratti hin tollee fi muuziqaa wantoota sirrii hin taane akka rawwatan jajjabeessan kan qabate dha.”—Liindaa, 23.

  Akkana jedhii of gaafadhu: Ijoolleen koo intarneetii sirriitti fayyadamuuf gaʼumsa qabuu? Ijoolleen koo wantoota sirrii hin taane yommuu arganitti of toʼachuudhaan irraa fagaachuu ni dandaʼuu?

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Halalummaan, xuraaʼummaan akaakuu hundumaa yookiin sassatni isin gidduutti hin dubbatamin; gochi qaanessaan yookiin dubbiin gowwummaa yookiin qoosaa jibbisiisaan.”—Efesoon 5:3, 4.

Weebsaayitiin hawaasaa barbaachisaa dhaa?

 Weebsaayitiin hawaasaa wanta jireenyaaf barbaachisaa taʼe miti; namni tokko gammachuu qabaachuuf weebsaayitiin hawaasaa isa hin barbaachisu. Dargaggoota kanaan dura itti fayyadamaa turanii fi amma garuu dhiisuuf murteessan dabalatee, dargaggoonni weebsaayitii hawaasaa malee jiraachuutti gammadan hedduun jiru.

 “Weebsaayitii hawaasaatti fayyadamuun obboleettii koo hammam akka miidhe ergan argee booda itti fayyadamuu dhiisuufan murteesse. Yeroo sanaa kaasee gammachuu guddaa argadheera; jireenya caalaatti gaarii taʼe jiraachaa akkan jirus natti dhagaʼama.”—Naataan, 17.

 Yaada ijoo: Ijoolleen kee weebsaayitii hawaasaatti akka fayyadaman heyyamuu kee dura yeroo murtaaʼaa kennameefitti sirriitti kan fayyadamanii fi michoota gaarii filachuu kan dandaʼan taʼuu isaanii, akkasumas qabiyyee sirrii hin taane irraa fagaachuuf gaʼumsa kan qaban taʼuu isaanii mirkaneeffadhu.

  Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni abshaalli . . . tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.”—Fakkeenya 14:15.