Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoollee fi Weebsaayitii hawaasaa—Kutaa 2: Dargaggoonni Karaa Miidhaa hin Geessisneen Weebsaayitii Hawaasaa Akka Fayyadaman Barsiisuu

Ijoollee fi Weebsaayitii hawaasaa—Kutaa 2: Dargaggoonni Karaa Miidhaa hin Geessisneen Weebsaayitii Hawaasaa Akka Fayyadaman Barsiisuu

 Balaa qabu irratti erga yaadanii booda, warri hedduun ijoolleen isaanii weebsaayitii hawaasaa akka hin fayyadamne dhowwaniiru. Haa taʼu malee, ijoolleen keessan weebsaayitii hawaasaa akka fayyadaman yoo heyyamtan, karaa miidhaa hin geessisnee fi ogummaadhaan Intarneetiitti fayyadamuu akka baratan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

Mata duree kana keessatti

 Wantoota ijoolleen keessan dursa kennaniif

 Wanta beekuu qabdan: Weebsaayitiin hawaasaa araada waan namatti taʼuuf, ijoolleen keessan weebsaayitii hawaasaa irratti yeroo hangamii akka dabarsan toʼachuun barbaachisaa taʼu danda’a.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasaa beekaa].”—Filiphisiyus 1:10.

 Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Ijoolleen keessan yeroo rafuu qabanitti, yeroo hojii manaa mana barumsaatii isaaniif kennamu hojjechuu ykn yeroo maatii isaanii wajjin dabarsuu qabanitti weebsaayitii hawaasaa ni fayyadamuu? Qorattoonni, dargaggoonni umurii waggoota kurnanii keessa jiran saʼaatii sagal rafuun akka isaan barbaachisu dubbatu; dargaggoonni saʼaatii dheeraadhaaf weebsaayitii hawaasaa fayyadaman garuu saʼaatii torbaa gadi rafu.

 Maal gochuu dandeessu? Ijoollee keessanii wajjin wantoota dursi kennamuufii qaban irratti mariʼadhaa, akkasumas saʼaatii weebsaayitii hawaasaa irratti dabarsan daangessuun isaanii maaliif barbaachisaa akka taʼe waliin mariʼadhaa. Seera hojii irra ooluu danda’u, kan akka halkan kutaa ciisichaa isaaniitti meeshaan elektirooniksii akka hin heyyamamne ibsu baasaa. Galmi keessan ijoolleen keessan amala of to’achuu isa yeroo nama guddaa taʼanitti isaan fayyadu akka horatan gargaaruu dha.—1 Qorontos 9:25.

 Miira ijoollee keessanii

 Wanta beekuu qabdan: Dargaggoonni suuraawwan ediitii taʼanii fi suuraawwan hiriyoonni isaanii yeroo bashannanan qofa kaʼan argisiisu ilaaluun isaanii kophummaanii fi dhiphinnii akka isaanitti dhagaʼamu, akkasumas akka gaddan gochuu danda’a.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hinaaffaa . . . of irraa fageessaa.”—1 Pheexiros 2:1.

 Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Ijoolleen keessan weebsaayitii hawaasaatti fayyadamuun isaanii bifaa fi qaama isaanii warra kaanii wajjin wal bira qabanii akka ilaalan isaan godhaa? Ijoolleen keessan namoonni kaan hundi jireenya gaarii akka jiraatan, isaan garuu jireenya gaarii hin taane akka jiraatan isaanitti dhagaʼamaa?

 Maal gochuu dandeessu? Warra kaanii wajjin wal bira of qabuun isaanii balaa akkamii akka qabu irratti mariʼadhaa. Kun caalaatti dhiibbaa kan geessisu ijoollee dhiiraa caalaa shamarran irratti akka taʼe hubadhaa, shamarran waa’ee hariiroo fi dhaabbii qaama isaanii caalaatti dhiphatu. Darbee darbee ijoolleen keessan yeroo muraasaaf weebsaayitii hawaasaatti akka hin fayyadamne yaada isaaniif dhiheessuu dandeessu. Dargaggeessi Jaakoob jedhamu akkana jedheera: “Appilikeeshinoota weebsaayitii hawaasaa koo yeroo muraasaaf nan balleessa. Kunis wantootan dursa kennuuf, akkasumas ilaalchan ofii fi namoota kaaniif qabu irratti sirreeffama gochuuf na gargaareera.”

 Amala ijoolleen keessan yeroo Intarneetii fayyadaman argisiisan

 Wanta beekuu qabdan: Weebsaayitii hawaasaa fayyadamuun namoota hedduu wajjin jiraachuu wajjin wal fakkaachuu danda’a. Wal hubachuu dhabuunii fi walitti buʼuun ni jiraata.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Jibba guddaa, aarii, dheekkamsa, iyya, arrabsoo . . . of irraa fageessaa . . . Gaarummaa walitti argisiisaa.”—Efesoon 4:31, 32.

 Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Ijoolleen keessan weebsaayitii hawaasaatti fayyadamuun isaanii hamii, walitti buʼiinsa ykn dubbii hamaa akka dubbatan isaan taasisaa?

 Maal gochuu dandeessu? Ijoolleen keessan Intarneetii irratti amala gaarii akka argisiisan isaan gargaaraa. Kitaabni Digital Kids jedhamu akkana jedheera: “Warra kan taane, kallattiidhaanis taʼe intarneetiidhaan gara jabinni haala akkamii keessatti iyyuu matumaa fudhatama akka hin qabne ifatti ijoollee keenya barsiisuuf dirqamni nu irra jira.”

 Weebsaayitiin hawaasaa dirqama barbaachisaa miti; kana malees, ijoolleen isaanii akka itti fayyadaman kan heyyaman warra hunda miti. Ijoolleen keessan weebsaayitii hawaasaatti akka fayyadaman yoo heyyamtan garuu, itti fayyadama isaanii daangessuuf, michummaa gaarii uumuu fi wantoota qabiyyee sirrii hin taane qaban irraa fagaachuuf gaʼeessota akka taʼan mirkaneeffachuu qabdu.