Dhimma ijoo ta'etti seeni

“Yesuusitti Amani”—Fayyuuf Yesuusitti Amanuun Gaʼaa Dhaa?

“Yesuusitti Amani”—Fayyuuf Yesuusitti Amanuun Gaʼaa Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kiristiyaanonni Yesuus cubbuu ilmaan namootaatiif jedhee akka duʼe ni amanu. (1 Pheexiros 3:18) Haa taʼu malee, fayyinni Yesuus Fayyisaa akka taʼe amanuu caalaa wanta gaafatu qaba. Jinniiwwan Yesuus “Ilma Waaqayyoo” akka taʼe ni amanu; taʼus fayyina utuu hin taʼin, badiisatu isaan eeggata.—Luqaas 4:41; Yihudaa 6.

 Fayyuuf maal gochuun qaba?

  •   Yesuus cubbuu keenyaaf jedhee lubbuu isaa aarsaa gochuu isaa amanuu qabda. (Hojii Ergamootaa 16:30, 31; 1 Yohaannis 2:2) Kun immoo Yesuus nama dhugumaan jiraate akka taʼee fi wanti Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaa dubbatu hundi sirrii taʼuu isaa amanuu dabalata.

  •   Wanta Kitaabni Qulqulluun dhugumaan barsiisu baradhu. (2 Ximotewos 3:15) Kitaabni Qulqulluun Phaawulos ergamaa fi Siilaas namicha eegduu mana hidhaa ture tokkoon, “Gooftaa Yesuusitti amani, ati . . . ni [fayyita]” akka jedhan dubbata. Achiis “dubbii Yihowaa” a isa barsiisuu jalqaban. (Hojii Ergamootaa 16:31, 32) Yaanni kun eegduun mana hidhaa sun barumsa buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo hin arganne utuu taʼee dhugumaan Yesuusitti amanuu hin dandaʼu ture jechuu dha. Beekumsa dhugaa Kitaabota Qulqulluu irratti hundaaʼe argachuun isa barbaachisa ture.—1 Ximotewos 2:3, 4.

  •   Yaada geddaradhu. (Hojii Ergamootaa 3:19) Yaada geddarachuu, jechuunis ilaalchaa fi amala dogoggoraa kanaan dura qabduuf garaadhaa gadduu qabda. Yaada geddarachuun kee gochawwan Waaqayyoon gaddisiisan raawwachuu dhiisuu fi ‘hojiiwwan yaada geddarachuu kee argisiisan hojjechuu’ keetiin warra kaan duratti ifatti mulʼata.—Hojii Ergamootaa 26:20.

  •   Cuuphami. (Maatewos 28:19) Yesuus warri barattoota isaa taʼan akka cuuphaman dubbateera. Eegduun mana hidhaa olitti caqasame cuuphamee ture. (Hojii Ergamootaa 16:33) Haaluma wal fakkaatuun, Pheexiros ergamaan dhugaa waaʼee Yesuus ibsu namoota hedduu erga barsiisee booda, “namoonni gammachuudhaan dubbii isaa kana fudhatan ni cuuphaman.”—Hojii Ergamootaa 2:40, 41.

  •   Qajeelfama Yesuus kabaji. (Ibroota 5:9) Warri ‘wanta Yesuus ajaje hunda eegan’ akkaataa jireenyaa isaaniitiin duuka buutota isaa taʼuu isaanii argisiisu. (Maatewos 28:20) Namoonni kun, ‘dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin, dubbicha hojii irra kan oolchan taʼu.’—Yaaqoob 1:22.

  •   Hamma dhumaatti jabaadhuu dhaabadhu. (Maarqos 13:13) Barattoonni Yesuus fayyuuf ‘jabaatanii dhaabachuun isaan barbaachisa.’ (Ibroota 10:36) Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan barumsawwan Yesuus barsiiseef guutummaatti ajajameera, Waaqayyoofis amanamaa taʼee jiraateera; guyyaa Kiristiyaana taʼee jalqabee hamma guyyaa duʼa isaatti daandii kana irra jabaatee dhaabateera.—1 Qorontos 9:27.

 ‘Kadhannaan Cubbamaa’ fayyina argamsiisaa?

 Amantiiwwan tokko tokko keessatti namoonni tokko tokko kadhannaawwan kanneen akka “Kadhannaa Cubbamaa” fi “Kadhannaa Fayyinaa” jedhaman ni dhiheessu. Yeroo akkanaatti warri kadhannaa dhiheessan cubbamoota taʼuu isaanii ni amanu, Yesuus cubbuu isaaniitiif jecha duʼuu isaa akka amananis ni dubbatu. Kana malees, Yesuus gara garaa isaaniitti ykn gara jireenya isaaniitti akka seenu kadhatu. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun kadhannaa barsiifataan godhamuu fi “Kadhannaa Cubbamaa” jedhamu kana hin caqasu ykn hin ajaju.

 Namoonni tokko tokko, namni tokko “Kadhannaa Cubbamaa” erga dhiheessee booda fayyina bara baraa akka argatu mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼa jedhanii yaadu. Haa taʼu malee, kadhannaan tokko ofii isaatti fayyina argachuuf wabii hin taʼu. Mudaa waan qabnuuf, cubbuu hojjechuu keenya itti fufna. (1 Yohaannis 1:8) Yesuus yeroo hunda dhiifama cubbuu argachuuf akka kadhatan duuka buutota isaa kan barsiise kanaafi. (Luqaas 11:2, 4) Dabalataanis Kiristiyaanonni fayyina bara baraa argachuuf abdii qaban waan kufaniif ykn Waaqayyo irraa waan goraniif abdii sana dhabaniiru.—Ibroota 6:4-6; 2 Pheexiros 2:20, 21.

 ‘Kadhannaan Cubbamaa’ eessaa madde?

 Barreessitoonni seenaa madda “Kadhannaa Cubbamaa” irratti walii hin galan. Isaan keessaa tokko tokko barsiifanni kun kan jalqabe yeroo Haaromsa Pirotestaantiitti akka taʼe dubbatu. Warri kaan immoo, namoonni “Kadhannaa Cubbamaa” dhiheessuu kan jalqaban jaarraa 18⁠ffaa fi 19⁠ffaatti yeroo warraaqsi amantii godhametti akka taʼe amanu. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, barsiifanni kun deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabu; siruma iyyuu barumsa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessa.

a Akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsametti Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti.