Xalayaa Yihudaa 1:1-25

  • Nagaa dhaamuu (1, 2)

  • Barsiisota sobaatti akka murteeffamu mirkanaaʼaa dha (3-16)

    • Mikaaʼel Diyaabilosii wajjin wal falme (9)

    • Raajii Heenok (14, 15)

  • Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegaa (17-23)

  • Waaqayyoof ulfinni haa taʼu (24, 25)

 Yihudaa isa garbicha Yesuus Kiristoosii fi obboleessa Yaaqoob+ taʼe irraa, warra waamamanii+ fi Waaqayyo Abbaan keenya jaallatu, akkasumas Yesuus Kiristoosiif eegamaniif:+  Gara laafinni, nagaanii fi jaalalli isiniif haa baayʼatu.  Obboloota jaallatamo, ani waaʼee fayyina hundi keenya argannu+ sanaa isiniif barreessuuf carraaqqii guddaa kanan godhe taʼus, amantii isa yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha qulqullootaaf kenname sanaaf jabaattanii akka loltan+ isin gorsuuf jecha isiniif barreessuun barbaachisaa akka taʼe natti dhagaʼame.  Kanan isiniif barreessu, namoonni murtiin kun akka isaan eeggatu yeroo dheeraa dura Kitaabota Qulqulluu keessatti dubbatame tokko tokko loʼanii isin gidduu waan galaniifi; isaan namoota Waaqayyoon hin sodaanne siʼa taʼan, gaarummaa guddaa Waaqa keenyaatiin qabatanii addaggummaa*+ raawwatu; Yesuus Kiristoos isa kan ofii nu godhatee fi Gooftaa keenya taʼes ni ganu.+  Isin wanta kana hunda akka gaariitti kan beektan taʼus, Yihowaan* saba isaa biyya Gibxiitii akka baase,+ sana booda garuu warra amantii hin qabne akka balleesse+ isin yaadachiisuun barbaada.  Kana malees, maleekota iddoo isaanii isa jalqabaa hin eegnee fi bakka jireenyaa isaanii isa sirrii dhiisan,+ hidhaa bara baraatiin dukkana cimaa keessatti guyyaa murtii isa guddaa sanaaf isaan kaaʼeera.+  Haaluma wal fakkaatuun, Sodoomii fi Gomoraan, akkasumas magaalonni naannoo isaanii jiran halalummaadhaaf* dabarsanii of kennaniiru, fedhii foonii isa uumamaan ala taʼe+ duukaas buʼaniiru; isaan ibidda bara baraatiin adabamuudhaan fakkeenya akeekkachiisaa nuuf taʼaniiru.+  Haa taʼu malee, namoonni kunis yeroo hunda wanta hamaa irratti yaadu,* qaama* ni xureessu, aangoo ni tuffatu, warra ulfina qabanis ni arrabsu.+  Haa taʼu malee, Mikaaʼel+ hogganaan maleekotaa+ illee, waaʼee reeffa Musee+ irratti Diyaabilosii wajjin yeroo wal falman, “Yihowaan* si haa ifatu”+ jedhe malee dubbii arrabsootiin itti murteessuuf hin onnanne.+ 10  Namoonni kun garuu wantoota sirriitti hin hubanne hunda ni ceephaʼu.+ Akka bineensota yaaduu hin dandeenyeetti,+ wantoota uumamumaan hubatan hundumaatiin of mancaasu. 11  Isaaniif wayyoo! Isaan daandii Qaayin hordofaniiru,+ faayidaa argachuuf jedhanii daandii dogoggoraa Balaʼaam duukaa buʼaniiru,+ akkasumas akkuma Qoraa+ dubbii mormii dubbachuudhaan balleeffamaniiru.+ 12  Namoonni kun affeerraa jaalalaa keessan irratti argamanii yommuu isinii wajjin nyaatan akkuma dhagoota bishaan keessa jiranii ti;+ isaan tiksitoota sodaa malee of soorani dha;+ duumessoota bokkaa hin qabnee fi bubbeedhaan asii fi achi oofamani dha;+ akkasumas mukeetii yeroo firii godhachuu qabanitti firii hin godhannee fi siʼa lama* duʼanii hundee isaaniitii buqqifamani dha; 13  akkuma dhaʼaan galaanaa cimaan hoomacha baasutti gocha isaanii isa qaanessaa gad baasu;+ isaan urjiilee asii fi achi jooranii fi dukkanni cimaan bara baraaf isaan eeggatu dha.+ 14  Eeyyee, Heenok+ inni Addaamii jalqabee dhaloota torbaffaa taʼe, waaʼee isaanii akkana jedhee raajii dubbateera: “Kunoo, Yihowaan* maleekota isaa qulqulluu kumaatama hedduu*+ taʼanii wajjin dhufeera; 15  kan dhufes hundumatti murteessuuf,+ akkasumas wanta gadhee namoonni Waaqayyoon hin sodaanne karaa Waaqayyoof ulfina hin fidneen hojjetan hundumaa fi wantoota suukanneessaa namoonni Waaqayyoon hin sodaanne isa irratti dubbatan hundumaa saaxiluufi.”+ 16  Namoonni kun kan gunguman,+ jireenya isaaniitti kan hin gammanne, fedhii ofii isaanii kan hordofan,+ dubbii isaaniitiin akka malee kan of jajanii fi faayidaa mataa isaaniitiif jedhanii sobaan warra kaan kan jajani dha.+ 17  Isin garuu yaa obboloota jaallatamo, wantoota ergamoonni Gooftaa Keenya Yesuus Kiristoos kanaan dura dubbatan yaadadhaa; 18  isaan, “Bara dhumaatti qoostonni fedhii isaanii isa hamaa hordofan ni dhufu”+ isiniin jedhu turan. 19  Namoonni kun wal qoqqoodiinsa kan uuman,+ hawwii foonii kan hordofanii* fi hafuura qulqulluu kan hin qabne dha. 20  Isin garuu yaa obboloota jaallatamo, amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluu taʼe irratti of ijaaraa, akkasumas hafuura qulqulluudhaan geggeeffamaatii kadhadhaa;+ 21  kunis gara laafina Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa jireenya bara baraa argamsiisu+ yommuu eeggattan, jaalala Waaqayyoo+ keessatti of eeguuf isin gargaara. 22  Kana malees, namoota shakkii qaban+ tokko tokkotti gara laafina argisiisuu keessan itti fufaa;+ 23  ibidda keessaa butaa baasaatii isaan oolchaa.+ Warra kaanitti gara laafina argisiisuu keessan itti fufaa; kana kan gootan garuu sodaadhaan, akkasumas uffata isaanii isa gocha hamaadhaan*+ faalame jibbuudhaan haa taʼu. 24  Egaa, isa akka hin gufanne isin eeguu fi mudaa malee+ gammachuu guddaadhaan ulfina isaa dura isin dhaabuu dandaʼu sanaaf, 25  Waaqa tokkicha isa karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Fayyisaa keenya taʼeef, ulfinni, guddinni, jabinnii fi aangoon bara darbe hundumaaf, ammaa fi bara baraaf haa taʼu. Ameen.

Miiljaleewwan

Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “ni abjuʼatu.”
Jechuunis, qaama ofii isaani fi kan warra kaanii.
Ykn., “guutummaatti.”
Ykn., “kuma kudhan siʼa hedduu.”
Ykn., “amala horii kan qabanii.”
Kal., “fooniin.”