Pheexiros Lammaffaa 2:1-22

  • Barsiisonni sobaa ni kaʼu (1-3)

  • Barsiisota sobaatti akka murteeffamu mirkanaaʼaa dha (4-10a)

    • Maleekota Inxoroxoositti darbataman (4)

    • Bishaan Badiisaa; Sodoomii fi Gomoraa (5-7)

  • Amalawwan barsiisota sobaa (10b-22)

2  Haa taʼu malee, akkuma raajonni sobaa saba sana gidduu turan, isin gidduuttis barsiisonni sobaa ni kaʼu.+ Namoonni kun gareewwan amantii badii geessisan dhoksaadhaan ni hundeessu, akkasumas gooftaa isa isaan bite+ illee gananii badiisa hatattamaa ofitti fidu.  Kana malees, namoonni hedduun daandii addaggummaa*+ isaanii hordofu; sababii isaaniitiinis daandiin dhugaa ni arrabsama.+  Akkasumas dubbii fakkeessaatti fayyadamanii sassataan isin saamu. Taʼus, murtiin yeroo dheeraa dura isaan irratti murteeffame+ hin turu, badiisni isaaniis kan hin oolle dha.+  Waaqayyo maleekota warra cubbuu hojjetan+ adabuu irraa duubatti hin jenne; kanaa mannaa, Inxoroxoos*+ keessatti isaan darbatee, dukkana cimaa keessatti funcaadhaan isaan hidhee* murtiidhaaf isaan kaaʼeera.+  Akkasumas addunyaa bara duriitti ture sana adabuu irraa duubatti hin jenne;+ yeroo addunyaa namoota Waaqayyoon hin sodaanne sana irratti bishaan badiisaa fidetti+ garuu, Noh isa qajeelummaa lallabu+ namoota kan biroo torbaa wajjin oolcheera.+  Wantoota gara fuulduraatti namoota Waaqayyoon hin sodaanne irra gaʼaniif fakkeenya akka taʼuufis,+ magaalota Sodoomii fi Gomoraa daaraa gochuudhaan isaanitti murteesse.+  Loox nama qajeelaa isa addaggummaa* namoonni hamoon raawwatanitti baayʼee dhiphachaa ture sana garuu oolcheera;+  sababiin isaas, namni qajeelaan sun yommuu isaan gidduu jiraachaa turetti, gocha hamaa isa arguu fi isa dhagaʼu sanaan kan kaʼe lubbuu* isaa isa qajeelaa baayʼee dhiphisee ture.  Kanaafuu, Yihowaan* namoota Waaqayyoof bulan qorumsa keessaa akkamitti akka baasu,+ jalʼoota immoo guyyaa murtiitti+ akka balleeffamaniif akkamitti akka tursu beeka; 10  keessumaa immoo namoota qaama warra kaanii xureessuu barbaadanii+ fi aangoo* tuffatan+ guyyaa murtiitiif ni tursa. Isaan ija jabeeyyii fi yaada mataa isaaniitiin kan geggeeffaman waan taʼaniif, warra ulfina qaban arrabsuu hin sodaatan; 11  haa taʼu malee, maleekonni isaan caalaa jabinaa fi humna yoo qabaatan iyyuu, kabaja Yihowaadhaaf* qabaniin kan kaʼe, dubbii arrabsootiin isaan irratti himata hin dhiheessine.+ 12  Namoonni kun garuu akka bineensota yaaduu hin dandeenyee fi uumamaan waa godhaniitti, akkasumas qabamuu fi baduuf dhalataniitti waaʼee wantoota hin beeknee dubbii arrabsoo dubbatu.+ Isaan daandii isaanii isa hamaadhaan badiisa ofitti fidu; 13  daandii jalʼinaa hordofaniin deebisanii miidhaa ofitti fidu. Isaan guyyaadhaan illee fedhii foonii guuttachuutti+ ni gammadu. Namoonni kun xurii fi mudaa siʼa taʼan, yommuu affeerraa keessan irratti isinii wajjin argaman barumsa isaanii isa gowwoomsaa taʼeen warra kaan gowwoomsuutti baayʼee gammadu.+ 14  Ijji isaanii ejjaan kan guutame dha,+ cubbuu hojjechuu irraa aara galfachuu hin dandaʼan, akkasumas namoota* cimoo hin taane ni sossobu. Garaa sassataan leenjiʼe qabu. Isaan ijoollee abaaramoo dha. 15  Daandii isa sirrii dhiisanii, karaa irraa jalʼataniiru. Daandii Balaʼaam+ ilma Beʼor isa faayidaa argachuuf jedhee hammina hojjete+ sanaa hordofaniiru; 16  haa taʼu malee, inni seera cabsuu isaatiin kan kaʼe ifatameera.+ Harreen dubbachuu hin dandeenye afaan namaatiin dubbattee deemsa maraatummaa raajichaa ittisteetti.+ 17  Namoonni kun burqaa bishaan hin qabnee fi hurrii bubbee jabaadhaan oofamani dha, dukkana cimaatu isaan eeggata.+ 18  Isaan of tuulu, taʼus wanti isaan dubbatan faayidaa hin qabu. Fedhii foonii+ kakaasuu fi gocha addaggummaa* raawwachuudhaan, namoota dhiheenyatti warra dogoggora keessa jiraatan jalaa baʼan gowwoomsu.+ 19  Ofii isaaniitii garboota badiisaa taʼanii utuu jiranii, bilisa baatu jedhanii waadaa isaaniif galu;+ namni tokko nama kan biraatiin yoo moʼame inni nama sanaaf garbicha dha.*+ 20  Beekumsa sirrii waaʼee Gooftaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos argachuudhaan xurii addunyaa jalaa erga baʼanii+ booda, lammata wantootuma kanatti yoo deebiʼanii fi isaaniin yoo moʼaman, haalli isaanii inni dhumaa isa jalqabaa irra akka hammaatu beekamaa dha.+ 21  Daandii qajeelummaa sirriitti erga beekanii booda ajaja qulqulluu isa fudhatan sana irraa garagaluu mannaa, utuu hin beekne taʼee isaaniif wayya ture.+ 22  Mammaaksi dhugaan, “Sareen hooqqisa ishiitti deebiti; booyyeen dhiqamtes dhoqqee keessa gangalachuutti deebiti”+ jedhu sun isaan irratti raawwatameera.

Miiljaleewwan

Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “boolla keessatti isaan darbatee.”
Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “gooftummaa.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “wanta tokkoon yoo moʼame, inni wanta sanaaf garbicha dha.”