Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo Itti Rakkinni Dinagdee hin Jiraanne ni Dhufaa?

Yeroo Itti Rakkinni Dinagdee hin Jiraanne ni Dhufaa?

 Biyyoota adda addaa keessatti namoonni haala dinagdee isaan mudateen kan kaʼe karaa irratti baʼanii mormii dhageessisu. Weerarri dhibee Kooviid-19 immoo rakkoowwan kana caalaatti hammeesseera: rakkoowwan kun sababa dhorkaawwaniin, hanqinaa fi yaalii fayyaa gaʼaa dhabuutiin, hiyyeessaa fi sooressa gidduu garaa garummaa guddaan akka jiraatu godhaniiru, kun immoo namoonni haala isaaniitti akka hin gammanne godheera.

 Yeroon rakkinni dinagdee namoota dhiphisu itti badu ni dhufaa laata? Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo rakkoowwan nu irra gaʼaa jiraniif furmaata akka kennu ni dubbata.

Waaqayyo rakkoowwan dinagdeetiif furmaata ni kenna

 Rakkina: Ilmaan namootaa sirna dinagdee wanta namoota hunda barbaachisu dhiheessu hundeessuu hin dandeenye.

 Furmaata: Waaqayyo bulchiinsa ilmaan namootaa Mootummaa isaatiin bakka buusa. Mootummaan kun samiirra taaʼee guutummaa lafaa bulcha.—Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:10.

 Buʼaa argamu: Mootummaan Waaqayyoo guutummaa lafaa waan bulchuuf wantoota lafarra jiran mudaa tokko malee ni toʼata. Namoonni matumaa hiyyummaa fi rakkina dinagdeetiin hin dhiphatan. (Faarfannaa 9:7-9, 18) Kanaa mannaa, wanta itti dadhabanitti, akkasumas buʼaa argatanitti maatii isaanii wajjin jireenyatti ni gammadu. Kitaabni Qulqulluu abdii akkana jedhu kenna: “Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu, mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu. Mana isaan ijaaran keessa namni kan biraan hin jiraatu, muka wayinii isaan dhaabanis namoonni kan biroon hin nyaatan.”—Isaayyaas 65:21, 22.

 Rakkina: Namoonni haalawwan isaan dhiphisanii fi wanta isaan barbaachisu akka dhaban isaan taasisan hambisuu hin dandeenye.

 Furmaata: Waaqayyo Mootummaa isaatti fayyadamee haalawwan namootatti sodaan akka dhagaʼamu godhanii fi nageenyi akka itti hin dhagaʼamne godhan ni balleessa.

 Buʼaa argamu: Namoonni eegumsa Waaqayyoo jala waan taʼaniif taʼeewwan wanta isaan qaban jalaa fudhatan ykn wanta maatii isaaniif barbaachisu akka dhaban godhan hin jiraatan. Fakkeenyaaf, waraanni, hanqinni nyaataa fi weerarri dhibee matumaa deebiʼanii hin uumaman. (Faarfannaa 46:9; 72:16; Isaayyaas 33:24) Waaqayyo, “Sabni koo iddoo dhaabbataa nagaa qabu keessa, iddoowwan jireenyaa amansiisoo fi iddoowwan boqonnaa tasgabbii qaban keessa ni jiraata” jedheera.—Isaayyaas 32:18.

 Rakkina: Yeroo baayʼee namoonni ofittoo fi sassatoo taʼan karaa sirrii hin taaneen namoota qabu.

 Furmaata: Namoonni Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan akka ofii isaanitti warra kaan akka jaallatan baratu.—Maatewos 22:37-39.

 Buʼaa argamu: Yeroo Mootummaan Waaqayyoo bulchu namni hundi fakkeenya jaalala Waaqayyoo isa ‘faayidaa mataa isaa qofa hin barbaannee’ hordofa. (1 Qorontos 13:4, 5) Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Isaan guutummaa gaara koo isa qulqulluu irratti miidhaa yookiin badiisa akkamii iyyuu hin geessisan, sababiin isaas, akkuma bishaan galaana uwwisu, laftis dhugumaan beekumsa Yihowaatiin a ni guutamti.”—Isaayyaas 11:9.

 Kitaabni Qulqulluun yeroon keessa jiraachaa jirru guyyoota dhuma sirnichaa akka taʼee fi Waaqayyo rakkoowwan dinagdee hundumaa balleessuudhaan dhiheenyatti abdii kenne akka raawwatu ni dubbata. b (Faarfannaa 12:5) Hammasitti garuu qajeelfamawwan Kitaabni Qulqulluun kennu rakkoowwan dinagdee yeroo ammaatti si mudachaa jiru akka dandamattu si gargaaru. Fakkeenyaaf, mata dureewwan “Galii Xiqqaadhaan Jiraachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” (Amaariffa) fi “Qarshiidhaaf Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu” jedhan ilaali.

a Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti.—Faarfannaa 83:18.

b Waaqayyotti amanuu kan qabdu maaliif akka taʼe barachuuf mata duree, “Kitaaba Qulqulluu—Madda Dhugaa Amansiisaa Taʼe” jedhu ilaali.