Dhimma ijoo ta'etti seeni

Mallattoon “Guyyoota” ykn “Bara Dhumaa” Maalidha?

Mallattoon “Guyyoota” ykn “Bara Dhumaa” Maalidha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun taateewwan, haalawwanii fi amaloota ‘dhuma sirna kanaa’ ykn ‘bara dhumaa’ adda baasanii beeksisan ni ibsa. (Maatewos 24:3; Kiingi Jamsi Varshin) Kitaabni Qulqulluun yeroo akkasii ‘guyyoota dhumaa,’ ‘xumura yeroo’ fi ‘bara dhumaa’ jedhee waama.—2 Ximotewos 3:1; Daaniʼel 8:19; Iizii-tuu-Riid Varshin.

‘Guyyoota dhumaa’ ilaalchisee raajiiwwan dubbataman tokko tokko maal faʼi?

 Kitaabni Qulqulluun waa‵ee wantoota yeroo taʼe tokkotti wal faana mulʼatanii fi guyyoota dhumaatiif ‘mallattoo’ taʼanii dursee dubbateera. (Luqaas 21:7) Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu:

 Waraana guutummaa addunyaa irratti raawwatamu. Yesuus, “sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa” jechuudhaan dursee dubbateera. (Maatewos 24:7) Haaluma wal fakkaatuun, Mulʼanni Yohaannis 6:4 waa‵ee abbaa fardaa isa fakkeenyaan ibsamee fi waraana isa ‘nagaa lafa irraa fudhatu’ argisiisuu dursee dubbateera.

 Hongee. Yesuus, ‘hanqinni nyaataa’ akka uumamu dursee dubbateera. (Maatewos 24:7) Kitaabni Mulʼata Yohaannisis, waa‵ee abbaa fardaa kan biraa isa iddoowwan adda addaatti hongee cimaan akka uumamu gochuudhaaf gulufuu dursee dubbateera.—Mulʼata Yohaannis 6:5, 6.

 Kirkira lafaa cimaa taʼe. Yesuus, ‘kirkirri lafaa bakka garaa garaatti’ akka taʼu dubbateera. (Maatewos 24:7; Luqaas 21:11) Kirkirri lafaa cimaa taʼee fi addunyaa maratti uumamu kun, haala kanaan dura taʼee hin beekneen rakkina adda addaa kan geessisuu fi lubbuu namootaa kan galaafatu dha.

 Dhukkuba. Akka Yesuus jedhetti, dhahichi ykn golfaan ‘dhukkuba baayʼee sodaachisaa taʼe’ geessisu ni uumama.—Luqaas 21:11, Kontemporaarii Ingilish Varshin.

 Yakka. Yakki jaarraa hedduudhaaf raawwatamaa kan ture taʼus, Yesuus guyyoota dhumaatti, ‘hamminni akka dabalu’ dursee dubbateera.—Maatewos 24:12.

 Lafa Mancaasuu. Mulʼanni Yohaannis 11:18, ilmaan namootaa ‘lafa akka mancaasan’ dursee dubbateera. Namoonni, hamminaa fi gocha sirrii hin taane raawwachuudhaan qofa utuu hin taane, naannoo isaanii faaluuudhaanis lafa ni mancaasu.

 Amala mancaʼaa adeemu. Kitaabni Qulqulluun 2 Ximotewos 3:1-4 irratti, akkuma walii galaatti, namoonni, “kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane, . . . walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne, gantoota, mata jabeeyyii, boonuudhaan kan of bokoksan” akka taʼan dursee dubbateera. Amaloonni kun garmalee babalʼachuu isaa irraan kan kaʼe yeroon keessa jirru ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ jedhamuun isaa sirrii dha.

 Diigamuu maatii. Kitaabni Qulqulluun, 2 Ximotewos 3:2, 3 irratti, namoonni hedduun maatii isaaniitiif “jaalala kan hin qabne” akka taʼanii fi ijoolleen “warra isaaniitiif kan hin ajajamne” akka taʼan dursee dubbateera.

 Jaalalli namoonni Waaqayyoof qaban ni bada. Yesuus, “jaalalli namoota hedduu ni qabbanaaʼa” jechuudhaan dursee dubbateera. (Maatewos 24:12) Akkas jechuun isaa jaalalli namoonni hedduun Waaqayyoof qaban akka qabbanaaʼu kan argisiisu dha. Haaluma wal fakkaatuun, 2 Ximotewos 3:4, guyyoota dhumaatti namoonni “Waaqa jaallachuu mannaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan” akka taʼan dubbata.

 Amantii fakkeessaadhaan guutame. Kitaabni Qulqulluun, 2 Ximotewos 3:5 irratti, namoonni Waaqayyoon kan waaqeffatan yoo fakkaatanis, qajeelfama inni baasee wajjin wal simanii akka hin jiraanne dursee dubbateera.

 Hubannaan namoonni raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu irratti qaban dabalaa adeema. Kitaabni Daaniʼel, “bara dhumaatti” beekumsi namoonni dhugaa Kitaaba Qulqulluu irratti qaban akka dabaluu fi raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee hubannaan isaan qabanis akka dabalu dursee dubbateera.—Daaniʼel 12:4, Miiljalee.

 Hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamu. Yesuus, “misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama” jechuudhaan dursee dubbateera.—Maatewos 24:14.

 Dantaa dhabuu fi qoosuun ni babalʼata. Yesuus, namoonni akkuma walii galaatti, mallattoowwan guyyaan dhumaa akka dhihaate argisiisaniif xiyyeeffannaa akka hin kennine dursee dubbateera. (Maatewos 24:37-39) Kana caalaayyuu immoo, 2 Pheexiros 3:3, 4 namoonni tokko tokko ragaawwan mulʼatanitti akka qoosanii fi, mallattoowwan kun waan tokkoyyuu akka hin argisiisnetti akka fudhatan dursee dubbateera.

 Raajiiwwan hundi raawwatamaniiru. Yesuus guyyoota dhumaatti, raajiiwwan kana keessaa tokko tokko qofa utuu hin taane, hundi isaanii duraa duubaan raawwii isaanii akka argatan dubbateera.—Maatewos 24:33.

“Guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa jirraa?

 Eeyyee. Haalli addunyaas taʼe yeroon Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan shallagamu akka argisiisutti, guyyaan dhumaa bara 1914, yeroo waraanni addunyaa tokkoffaa eegaletti jalqabeera. Haalli addunyaan keessa jirtu guyyoota dhumaa keessa jiraachaa akka jirru kan argisiisu akkamitti akka taʼe hubachuuf viidiyoo armaan gadii ilaali:

 Bara 1914​tti, Mootummaan Waaqayyoo samii keessatti bulchuu eegale. Akkuma bulchuu jalqabeenis, Seexanaa fi jinniiwwan isaa samii keessaa ariʼuudhaan hojiin isaanii naannoo lafaa qofa irratti akka daangeffamu godhe. (Mulʼata Yohaannis 12:7-12) Dhiibbaan Seexanni ilmaan namootaa irratti godhu amaloota gadhee isaan argisiisanii fi gochawwan isaanii irratti mulʼachaa jira. Kun immoo, guyyaan dhumaa, ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ akka jedhamu godheera.—2 Ximotewos 3:1.

 Yeroon baayʼee adda taʼe kun, namoota hedduu dhiphinaaf saaxileera. Jireenyi hawaasummaa mancaʼaa jira jedhanii baayʼee sodaatu. Gara fuulduraatti namoonni walii walii isaanii wal balleessu jedhanii kan sodaatan illee jiru.

 Haataʼu malee, namoonni haalli addunyaa kanaa isaan dhiphisu, gara fuulduraatti abdii gaarii qabu. Mootummaan Waaqayyoo, dhiheenyatti rakkoo addunyaa kanaa akka furu baraniiru. (Daaniʼel 2:44; Mulʼata Yohaannis 21:3, 4) Kanaaf, Waaqayyo waadaa gale hamma raawwatutti obsaan eegu, yaanni Yesuus, “Namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu garuu ni fayya” jechuudhaan dubbates isaan jajjabeessa.—Maatewos 24:13; Miikiyaas 7:7.