Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhugaan Ammayyuu Gatii Guddaa Qabaa?

Dhugaan Ammayyuu Gatii Guddaa Qabaa?

 Yeroo ammaatti wanta dhugaa taʼee fi wanta soba taʼe addaan baasanii beekuun yeroodhaa gara yerootti caalaatti ulfaataa taʼaa dhufeera mitii? Namoonni wantoota kan amanan dhugaa fi wanta qabatamaa taʼe irratti utuu hin taʼin, miira isaanii ykn yaada dhuunfaa isaanii irratti hundaaʼanii fakkaata. Guutummaa addunyaa yeroo ammaa jiru keessatti, namoonni hedduun ‘Wanti dhugaa jedhamu hin jiru’ jedhanii amanu.

 Ilaalchi kun haaraa miti. Gara waggoota 2,000 dura Bulchaa Roomaa kan ture Phonxos Philaaxos shakkiidhaan, “Dhugaan maali dha?” jedhee Yesuusiin gaafatee ture. (Yohaannis 18:38) Philaaxos, Yesuus deebii akka isaaf kennu eeguu baatus, gaaffii iddoo guddaa qabu gaafateera. Gama kanaan Kitaabni Qulqulluun deebii quubsaa kenna; wanta dhugaa fi soba taʼe ilaalchisee namoota addunyaa kana keessa jiranii fi burjaajaʼan irraa haala adda taʼeen sirriitti akka beektu si gargaara.

Dhugaan dhugumaan jiraa?

 Eeyyee. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “dhugaa” jedhu, wanta qabatamaa taʼe irratti kan hundaaʼee fi wanta gama naamusaatiin sirrii taʼe argisiisuuf itti hojjetameera. Dubbiin Waaqayyoo, Yihowaan a “Waaqa dhugaa” akka taʼee fi Madda wanta guutummaatti dhugaa taʼee akka taʼe barsiisa. (Faarfannaa 31:5) Kitaabni Qulqulluun dhugaa Waaqayyo biraa dhufe kan qabatedha; kana malees, dhugaa ifa addunyaa yeroo ammaatti burjaajiidhaan guutame kana keessatti nu qajeelchuu dandaʼuutti fakkeessa.—Faarfannaa 43:3; Yohaannis 17:17.

Dhugaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

 Waaqayyo dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru akkasumaan akka fudhannu hin barbaadu. Kanaa mannaa, miira keenya irratti hundoofnee utuu hin taʼin, dandeettii hubannaa keenyatti fayyadamnee akka qorru nu affeera. (Roomaa 12:1) ‘Sammuu keenya guutuutti’ fayyadamnee akka isa beeknuu fi akka isa jaallannu barbaada; akkasumas dhugaa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu sirrii taʼuu isaa akka mirkaneeffannu nu jajjabeessa.—Maatewos 22:37, 38; Hojii Ergamootaa 17:11.

Sobni eessaa dhufe?

 Kitaabni Qulqulluun soba kan jalqabe diina Waaqayyoo kan taʼe Seexana isa Diyaabilos jedhamuu fi Kitaabni Qulqulluun “abbaa sobaa” jedhee isa waamu akka taʼe ibsa. (Yohaannis 8:44) Ilmaan namootaa jalqabaatti waaʼee Waaqayyoo soba dubbate. (Uumama 3:1-6, 13, 17-19; 5:5) Yeroo sanaa kaasee Seexanni waaʼee Waaqayyoo soba babalʼisuu fi dhugaa isaa dhoksuu isaa itti fufeera.—Mulʼata 12:9.

Yeroo ammaatti sobni hamma kana kan babalʼate maaliifi?

 Bara keessa jiraannuu fi Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” jedhee waamu keessatti, Seexanni yeroo kamiyyuu caalaa namoota irratti dhiibaa geessisaa fi isaan gowwoomsaa jira. Namoonni warra kaan gowwoomsuu fi isaanitti fayyadamuuf sobuun isaanii baramaa taʼeera. (2 Ximotewos 3:1, 13) Dhaabbileen amantii hedduunis sobaan kan guutamanidha. Akkuma Kitaabni Qulqulluu waaʼee bara keenyaa raajiidhaan dubbate, namoonni “dhugaa dhaggeeffachuu irraa garagaluudhaan,” “barsiisota gurra isaanii isaaniif qirqirsan walitti qabatu.”—2 Ximotewos 4:3, 4.

Dhugaan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

 Dhugaan namoota gidduutti wal amanuun akka jiraatu godha. Wal amanuun hin jiru taanaan, michummaanis taʼe hawaasni cimaa taʼuu hin dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo waaqeffannaan keenya dhugaa irratti kan hundaaʼe akka taʼu akka barbaadu dubbata. Akkana jedha: “Warri [Waaqayyoon waaqeffatan] hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.” (Yohaannis 4:24) Dhugaan Kitaaba Qulqulluu soba dhaabbilee amantii sirriitti adda baafachuu fi sobni jireenya kee toʼachuu isaa akka dhiisu gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe beekuuf, mata duree walitti aanee baʼee fi “Soba Waaqayyo Jaalala Qabeessa Miti Jedhu” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

Waaqayyo dhugaa akkan beeku kan barbaadu maaliifi?

 Waaqayyo fayyina akka argattu barbaada; ati immoo fayyina argachuuf waaʼee isaa dhugaa isaa beekuu qabda. (1 Ximotewos 2:4) Ulaagaa inni wanta sirrii taʼee fi wanta dogoggora taʼeef baase yoo baratte, akkasumas haala isaa wajjin walsimuun yoo jiraatte, isaa wajjin michummaa qabaatta. (Faarfannaa 15:1, 2) Waaqayyo namoonni dhugaa akka baratan gargaaruuf Yesuusiin gara lafaatti ergeera. Waaqayyo barumsawwan Yesuus akka dhaggeeffannu barbaada.—Maatewos 17:5; Yohaannis 18:37.

Yeroon itti Waaqayyo soba dhabamsiisu ni dhufaa laata?

 Eeyyee. Waaqayyo namoota warra kaanitti fayyadamuuf jecha isaan gowwoomsan ni jibba. Namoota sobuu isaanii itti fufan lafa irra haxaaʼee balleessuuf waadaa galeera. (Faarfannaa 5:6) Waaqayyo yeroo kana raawwatutti waadaan, “Arrabni dhugaa dubbatu bara baraaf jiraata” jechuudhaan gales ni raawwata.—Fakkeenya 12:19.

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyooti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu?” jedhu ilaali.