Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qajeelfamni Kitaabni Qulqulluun Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe Ilaalchisee Kennu Bara Keenyattis ni Hojjetaa?

Qajeelfamni Kitaabni Qulqulluun Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe Ilaalchisee Kennu Bara Keenyattis ni Hojjetaa?

 Namoota Kiristiyaana ofiin jedhan tokko tokko dabalatee namoonni hedduun, qajeelfamni Kitaabni Qulqulluun saalquunnamtii fi gaaʼela ilaalchisee kennu yeroon kan itti darbe akka taʼe dubbatu. Waldaaleen tokko tokko, ilaalcha bara keenyatti fudhatama qabuu wajjin wal simuuf jecha, barumsa wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee barsiisan irratti jijjiirama godhaniiru. Maarree qajeelfamni Kitaabni Qulqulluun wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee kennu bara keenyattis ni hojjetaa? Eeyyee ni hojjeta. Sababiin akkas itti jennu kanatti aansee dhihaata.

Ilmaan namootaa Qajeelfama Waaqayyoo Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe Ilaalchisee Kennu Isaan Barbaachisa

 Ilmaan namootaa kan uumaman qajeelfama Waaqayyootiin akka jiraatan godhamanii ti. Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa ilaalchisee, “Yommuu deemus ofii isaatiin tarkaanfii isaa illee qajeelchuu hin dandaʼu” jedha. (Ermiyaas 10:23) Yihowaan a kan nu uume dandeettii murtoo gochuu wajjin taʼus, aangoos taʼe dandeettii wanta sirrii fi dogoggora taʼe ofii keenyaan murteeffachuu nuuf hin kennine. Gama kanaan qajeelfama argachuuf isatti akka hirkannu barbaada.—Fakkeenya 3:5.

 Qajeelfama Waaqayyo amala naamusaatiif baase Kitaaba Qulqulluu keessatti arganna. Mee sababii qajeelfamoonni kun faayidaa guddaa akka qaban argisiisu lama haa ilaallu.

  •   Kan nu uume Waaqayyo dha. (Faarfannaa 100:3) Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef, wanta karaa qaamaa, karaa sammuu fi karaa miiraa fayyaa fi gammachuu qabaachuuf maal gochuu akka qabnu beeka. Kana malees, miidhaa qajeelfama amala naamusaa inni baase yoo hojii irra oolchuu baanne nu irra gaʼuu dandaʼu beeka. (Galaatiyaa 6:7) Hunda caalaa immoo, Yihowaan jireenya baayʼee gaarii taʼe akka jiraannu barbaada. Kanaan kan kaʼes, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo, ‘Isa wanta nu fayyadu nu barsiisu, karaa irra deemuu qabnu irras nu geggeessu’ akka taʼe dubbata.—Isaayyaas 48:17.

  •   Garaan keenya nu dogoggorsuu dandaʼa. Namoonni hedduun garaa isaanii, jechuunis hawwii fi fedhii isaanii hordofuudhaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ofuma isaaniitiin murteeffachuu akka dandaʼan itti dhagaʼama. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, “Garaan namaa wanta kam iyyuu caalaa gantuu dha, hamaa dhas” jedha. (Ermiyaas 17:9) Garaa keenya ogummaa Waaqayyootiin hin geggeeffannu taanaan, daandii yeroo booda itti gaabbinutti nu oofuu dandaʼa.—Fakkeenya 28:26; Lallaba 10:2.

Geggeessitoonni amantii barumsa Kitaabni Qulqulluun wanta sirrii ykn dogoggora taʼe ilaalchisee barsiisuuf dantaa dhabuu qabuu?

 Lakki! Kitaabni Qulqulluun waaʼee Waaqayyoo dhugaa isaa nu barsiisa; amala naamusaa Waaqayyo akka qabaannu barbaadus nuuf ibsa. (1 Qorontos 6:9-11; Galaatiyaa 5:19-23) Waaqayyo namoonni dhugaa kana akka beekan fedhii guddaa qaba. (1 Ximotewos 2:3, 4) Kanaafuu, tajaajiltoonni Kiristiyaana taʼan dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru barsiisuu qabu.—Tiitoo 1:7-9.

 Namoonni qajeelfamoota amala naamusaa Kitaabni Qulqulluun barsiisu hordofuu hin barbaanne hedduun, barsiistota amantii, “wanta isaan dhagaʼuu barbaadan isaanitti himan” argachuu barbaadu. (2 Ximotewos 4:3, miiljalee) Haa taʼu malee, Dubbiin Waaqayyoo akeekkachiisa cimaa, “Warra isa gaariidhaan hamaa, isa hamaadhaanis gaarii jedhaniif wayyoo” jedhu kenna. (Isaayyaas 5:20) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Waaqayyo geggeessitoota amantii ulaagaalee Inni wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baase sirriitti hin barsiisne ni adaba.

Qajeelfamoonni amala naamusaa Kitaabni Qulqulluun baase namoonni wal dandaʼanii akka hin jiraanne dhorkuu?

 Matumaa. Namoonni Waaqayyoon gammachiisuu barbaadan, fakkeenya Yesuus Kiristoosii fi barumsa inni barsiise ni hordofu. Yesuus namoota kaan irratti murteessuu mannaa, namoota hunda akka jaallatanii fi akka kabajan duuka buutota isaa barsiiseera.—Maatewos 5:43, 44; 7:1.

 Namoonni duuka buutota Yesuus turan, jireenya isaanii keessatti qajeelfamoota amala naamusaa Waaqayyo baaseen geggeeffamuu qabu. Gama biraatiin garuu, namoonni kaan amantii barbaadan hordofuuf filachuu akka dandaʼan amananii fudhachuu qabu turan. (Maatewos 10:14) Yesuus, duuka buutonni isaa siyaasa ykn mala kan biraatti fayyadamanii namoonni kaan qajeelfamoota Waaqayyootiif akka ajajaman dirqisiisuuf aangoo isaaniif hin kennamne.—Yohaannis 17:14, 16; 18:36.

Qajeelfamoota amala naamusaa Kitaaba Qulqulluu wajjin haala wal simuun jiraachuun eebbawwan akkamii argamsiisa?

 Namoonni qajeelfamoota amala naamusaa Waaqayyo wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baase hordofuuf carraaqqii godhan, ammas taʼe gara fuulduraatti eebba hedduu argatu. (Faarfannaa 19:8, 11) Eebbawwan kanneen keessaa tokko tokko armaan gaditti ibsamaniiru:

a Yihowaan maqaa Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu keessatti ittiin beekamu dha.—Faarfannaa 83:18.