Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MACAAFNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Macaafni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Macaafni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira
  • BARA DHALOOTAA: 1960

  • BIYYA DHALOOTAA: FIINLAANDI

  • SEENAA: WEELLISAA MUUZIQAA HEEVII MEETAAL

JIREENYAKOO DURAA:

Magaalaa qarqara galaanaa Tuurkuu jedhamtuufi hawaasa jireenya gadaanaa jiraatu keessattan guddadhe. Abbaankoo booksiidhaan injifataa kan ture siʼa taʼu, aniifi obboleessikoo inni quxisuunis booksii ni jaallanna turre. Mana barumsaatti yeroo baayʼee ijoolleen akkan isaanii wajjin wal lolu na qoru turan; anis abootteedhaan isaan rukutuurraa duubatti hin jedhun ture. Yommuun umrii waggoota kurnanii keessa turetti garee yakka raawwachuudhaan beekamutti kanan makame siʼa taʼu, kunimmoo caalaatti akkan hammaadhu na godhe. Akkasumas muuziqaa heevii meetaal jedhamu dhaggeeffachuu ergan jalqabee booda, muuziqaa rook taphachuudhaan beekamaa taʼuun hawwe.

Dibbeewwan muraasa bitee hawwisoo kanan hundeesse siʼa taʼu, utuu baayʼee hin turin weellisaa hawwisoo sana geggeessuun taʼe. Waltajjiirratti haala naamusa hin qabneenan sochii godha ture. Miseensonni hawwisoo keenyaa hamootaafi naamusa kan hin qabne waan taaneef, namoota biratti beekamummaa argachaa dhufne. Namoota hedduu duratti muuziqaa taphachuu kan jalqabne siʼa taʼu, muuziqaa muraasa waraabsifanneerra. Keessumaa taphni xumurarratti dhiheessine baayʼee jaallatamee ture. Gara dhuma bara 1980mmaniitti, hawwisoo keenya beeksifachuuf gara Yunaayitid Isteetis dhaqne. Niiwu Yoorkiifi Loos Anjalasitti yeroo muraasaaf tapha keenya erga argisiisnee booda, Fiinlaanditti deebiʼuu keenya dura namoota muuziqaadhaan beekamoo taʼan tokko tokkoo wajjin walitti dhufeenya uumne.

Hawwisoo sana keessatti hojjechuukoo kanan jaalladhu taʼus, jireenyikoo caalaatti kaayyoo akka qabaatun hawwe. Haala gadhee addunyaa muuziqaa keessa jiru yeroon hubadhu, akkaataa jireenyaakoo isa gatii hin qabnetti aaruun jalqabe. Nama gadhee akkan taʼe waan natti dhagaʼamuuf, ibidda qililleetiin nan gubadha jedheen sodaadha ture. Kitaabota amantii hundarraa deebii argachuuf yaaleen ture; kana malees, Waaqayyoon gammachiisuuf matumaa gaʼumsa akkan hin qabne kan natti dhagaʼamu taʼus, gargaarsasaa argachuuf cimsee kadhadheera.

MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Waanan ittiin jiraadhu argachuuf, mana poostaa keessatti hojjechuun jalqabe. Gaaf tokko, namni naa wajjin hojjetu tokko Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuusaan beeke. Achiis, gaaffiiwwan hedduun isa gaafadhe. Deebiin amansiisaan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼuudhaan naa kenne waan na dinqisiiseef, Macaafa Qulqulluu isaa wajjin qoʼachuufan walii gale. Torban muraasaaf ergan qayyabadhee booda, hawwisoon keenya Yunaayitid Isteetisitti muuziqaa waraabsisuudhaan albamii akka baasu afeerriin adda taʼe ni dhihaateef. Kun carraa jireenyakoo keessatti deebiʼee hin argamne akka taʼe natti dhagaʼame.

Albamii tokko qofa hojjechuu akkan barbaaduufi sana booda garuu seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu akka gaariitti hojiirra akkan oolchu Dhugaa Baatuu na qayyabsiisuttan hime. Yaada mataasaa naa kennuu mannaa, wanta Yesus dubbate Maatewos 6:24⁠rraa akkan dubbisu qofa natti hime. Caqasichi, “Eenyu illee gooftolii lamaaf hojjechuu hin dandaʼu” jedha. Hiika dubbiin Yesus kun qabu ennaan hubadhu nan naʼe. Guyyoota muraasa booda, nama Macaafa Qulqulluu na barsiisu sanatu dinqisiifame! Yesus duukaa buʼuu waanan barbaaduuf hawwisoo sana keessaa baʼuukoon itti hime!

Anaaf Macaafni Qulqulluun akkuma daawwitii hirʼina ofii namatti argisiisuu ture. (Yaaqoob 1:22-25) Amala hamminaa akkan qabun hubadhe: Nama of jajun ture; akkasumas hawwii guuttachuun hin dandaʼamnen qaba ture. Nama nan arrabsa, walan lola, tamboo nan xuuxa, akkasumas dhugduun ture. Haalli jireenyaakoo Macaafa Qulqulluu wajjin hammam akka wal faallessu yommuun hubadhu, abdiin kutadhe. Taʼuyyuu, jijjiirama barbaachisu gochuuf qophaaʼeen ture.—Efesoon 4:22-24.

‘Abbaan keenya inni samii ooʼa qabeessaafi namoota balleessaasaanii himatan madaasaaniirraa fayyisuu kan barbaadudha’

Keessumaa jalqabarratti, balleessaan kanaan dura raawwadhetti baayʼeen gaabba ture. Dhugaa Baatuun na qayyabsiisaa ture garuu baayʼee na gargaareera. Yaada Macaafa Qulqulluu Isaayaas 1:18⁠rra jiruufi, “Cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin diimesse iyyuu, akka cabbii in addaattu” jedhu natti argisiise. Caqasni Macaafa Qulqulluu kuniifi kaan, Abbaan keenya inni samii ooʼa qabeessa akka taʼeefi namoota balleessaasaanii himatan madaasaaniirraa fayyisuu akka barbaadu na amansiisaniiru.

Yihowaa waanan beekeefi waanan isa jaalladheef, lubbuukoo isaaf murteessuun barbaade. (Faarfannaa 40:8) Walgaʼii biyyoolessaa Dhugaa Baatota Yihowaa bara 1992 Seenti Piitarsibargi, Raashiyaatti godhamerratti nan cuuphame.

FAAYIDAAN ARGADHE:

Waaqeffattoota Yihowaa keessaa michoota gaarii baayʼeen argadhe. Darbee darbee muuziqaa naamusa qabu taphachuuf walitti qabamuudhaan kennaa Waaqayyoo kanatti gammanna. (Yaaqoob 1:17) Haadha manaakoo ishee jaallatamtuu Kiristiinaa jedhamtuu wajjin gaaʼela godhachuunkoommoo eebba adda taʼedha. Gammachuufi rakkina jireenyaa kan waliin dabarsine taʼuusaarrayyuu miira natti dhagaʼamu isheedhaaf nan hira.

Utuun Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu baadhee, harʼa lubbuudhaan jiraachuu dhiisuu nan dandaʼa ture. Kanaan dura rakkinaafi balaa hedduu keessa darbeera. Yeroo ammaatti jireenyikoo kaayyoo kan qabu siʼa taʼu, wanti hundumtuu gaarii akka naa taʼe natti dhagaʼama.