Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Jireenyi kan Natti Hadhaaʼee fi Abbaa Humnaan Ture

Jireenyi kan Natti Hadhaaʼee fi Abbaa Humnaan Ture
  • BARA DHALOOTAA: 1974

  • BARA DHALOOTAA: MEEKSIIKOO

  • SEENAA: DARGAGGEESSA ABBAA HUMNAA FI NAMA LOLU TURE

JIREENYA KOO DURAA:

Kanan dhaladhe naannoo bareedduu Siyutaat Maantee jedhamtuu fi bulchiinsa Taamaawulipaas, Meeksikoo keessatti argamtutti dha. Jiraattonni magaalattii arjaa fi gaarii turan. Kan nama gaddisiisu garuu, yakki qindaaʼinaan raawwatamu waan jiruuf naannoon sun baayʼee sodaachisaa ture.

Ijoollee dhiiraa afur keessaa ani isa lammaffaa dha. Warri koo Waldaa Kaatolikiitti akkan cuuphamu godhanii turan; yeroo boodas miseensa garee faarfattootaan taʼe. Murtoon natti dabarfamee ibidda keessatti bara baraaf akkan hin gubanne waanan sodaadhuuf, Waaqayyoon gammachiisuun barbaadan ture.

Yommuu umuriin koo waggaa shan turetti abbaan koo nu dhiisee deeme. Kun baayʼee akkan gadduu fi gatii akkan hin qabne akka natti dhagaʼamu godhe. Utuu baayʼee isa jaallannuu maaliif nu dhiisee akka deeme hubachuu hin dandeenye. Haati koo wanta ijoollee ishii dhiiraa afuriif barbaachisu guutuuf saʼaatii dheeraa hojjechuuf dirqamtee turte.

Kuni immoo mana barumsaa oolee ijoollee umuriidhaan na caalanii wajjin dabarsuuf carraa naa bane. Isaanis arrabsoo, xuuxuu, hatuu fi buunyaadhaan loluu na barsiisan. Namoota kaan caalee argamuun waan na gammachiisuuf, buunyaa, walʼaansoo, maarshaal aartii fi akkaataa meeshaalee waraanaatti itti fayyadaman baradheera. Dargaggeessa abbaa humnaan taʼe. Yeroo baayʼee dhukaasa irratti kanan hirmaadhe siʼa taʼu, yeroo garaa garaatti karaa irratti akkan duʼuuf dhiigni utuu na irra lolaʼuu, na dhiisanii deemu turan. Haati koo haala akkasii keessatti yommuu na argituu fi gara mana yaalaatti yommuu na geessitu baayʼee gadditi turte.

Yommuu umuriin koo waggaa 16 turetti michuun koo ijoollummaa maqaan isaa Hoorhaa jedhamu nu dubbisuuf mana keenya dhufe. Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taʼee fi ergaa barbaachisaa tokko nutti himuu akka barbaadu dubbate. Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee wanta itti amanu nuu ibsuu jalqabe. Ani matumaa Kitaaba Qulqulluu dubbisee hin beekun ture; waaʼee maqaa Waaqayyoo fi kaayyoo isaa yommuun beeku garuu baayʼeen gammade. Hoorhaan Kitaaba Qulqulluu nu qoʼachiisuuf afeerraa nuuf dhiheesse. Nutis afeerraa isaa ni fudhanne.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Bara baraaf gubachuun barsiisa Kitaaba Qulqulluu akka hin taane beekuun koo boqonnaa guddaa naaf argamsiise. (Faarfannaa 146:4; Lallaba 9:5) Kana ergan baradhee booda garmalee Waaqayyoon sodaachuu nan dhiise. Kanaa mannaa, akka Abbaa jaalala qabeessa ijoollee isaatiif wanta gaarii hawwuutti isa ilaaluun jalqabe.

Qoʼannaa kootti jabaachaa yommuun deemu, jijjiirama gochuu akkan qabun hubadhe. Gad of qabuu fi hammeenya irraa fagaachuun qaban ture. Gorsi 1 Qorontos 15:33 irratti kenname na gargaareera. Caqasichi, “Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedha. Jijjiirama gochuuf, namoota dhiibbaa gadhee na irraan geessisanii wajjin michoomuu dhiisuu akkan qabun hubadhe. Kanaaf michoota koo durii, obboloota miseensa gumii Kiristiyaanaa taʼaniinan bakka buuse; isaan garaa garummaa gidduu isaanii jiru aboottee ykn humnaan utuu hin taʼin, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hordofuudhaan hiiku.

Caqasni dhiibbaa guddaa na irraan geessise kan biraan immoo Roomaa 12:17-19 ture. Akkana jedha: “Eenyuuf iyyuu wanta hamaa hamaadhaan hin deebisinaa. . . . Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa. . . . ‘“Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala” jedha Yihowaan’ jedhamee waan barreeffameef, . . . ofii keessan haaloo hin baʼinaa.” Kanaaf, Yihowaan jalʼina haqaatiif karaa mataa isaa yeroo isaatti furmaata akka kennu amanee fudhadheera. Suutuma suutas, gocha koo isa hamaa dhiisuu dandaʼeera.

Gaaf tokko galgala yommuun gara manaatti deebiʼu wanta na mudate matumaa hin irraanfadhu. Gareen kashalabbootaa dur garee kootii wajjin wal lolaa turan miidhaa kan na irraan gaʼan siʼa taʼu, gaggeessaan garichaas dugda koo irra nu rukutee, “Mee of irraa dhowwi” jedhee natti iyye. Yeroo kanatti Yihowaan miidhaa ana irra gaʼu akkan damdamadhu akka na gargaaru kadhannaa gabaabaan dhiheesse. Keessi koo tarkaanfii akkan fudhadhu dhiibbaa na irratti gochaa kan ture taʼus, bakka sanaa deemuu dandaʼeera. Borumtaa isaa gaggeessaa garee sanaa kophaa isaattin arge. Yommuun isa argu aariidhaan haaloo baʼuu kanan barbaade taʼus, Yihowaan akkan of toʼadhu akka na gargaarun kadhadhe. Kan nama dinqisiisu dargaggeessi sun gara koo dhufee akkana naan jedhe: “Wanta galgala raawwatameef dhiifama naa godhi. Dhugaa isaa dubbachuuf, akka kee taʼuun barbaada. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun barbaada.” Aarii koo toʼachuu dandaʼuu kootti baayʼeen gammade! Kanaan kan kaʼes, isaa wajjin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabne.

Kan nama gaddisiisu garuu, miseensonni maatii koo Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu isaanii ni dhaaban. Ani garuu qoʼannaa koo itti fufuuf kutadhee waanan tureef, eenyu iyyuu ykn wanti kam iyyuu duubatti akkan jedhu akka godhu hin heyyamne. Yeroo hundumaa saba Waaqayyoo wajjin taʼuun, miira koo isa miidhame akka naaf fayyisuu fi jaalala maatii na barbaachisu akka naa kennu hubadheera. Guddina gochuu koo itti fufee, bara 1991⁠tti cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaan taʼe.

FAAYIDAAN ARGADHE:

Nama jireenyi itti hadhaaʼe, nama kan tuffatuu fi abbaa humnaan ture. Dubbiin Waaqayyoo garuu guutummaatti jireenya koo jijjiireera. Amma, namoota na dhaggeeffatan hundatti ergaa Kitaaba Qulqulluun hima. Waggoottan 23n darbaniif mirga tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuu argadheera.

Yeroo muraasaaf waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Meksiikoo jiru keessatti fedhiidhaan tajaajileen ture. Achitti shamarree baayʼee cimtuu taatee fi Kilaawudiyaa jedhamtuu wajjin wal barre; achiis bara 1999 gaaʼela godhanne. Yihowaan gargaartuu amanamtuu akkasii naaf kennuudhaan na eebbisuu isaatti baayʼeen isa galateeffadha!

Gumii Afaan Mallattoo Meeksikootti argamutti waliin tajaajilaa kan ture siʼa taʼu, namoonni dhagaʼuu hin dandeenye waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaraa turre. Yeroo booda immoo, magaalaa Beeliiz dhaqnee namoota Kitaaba Qulqulluu akka barsiisnu gaafatamne. Asitti jireenyi keenya baayʼee salphaa taʼus, wanta gammadoo taʼuuf nu barbaachisu hunda qabna. Kana wanta kamiin iyyuu jijjiiruu hin barbaannu.

Yeroo booda, haati koo qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhaabdee turte itti fuftee cuuphamte. Obboleessi koo angafaa, haati manaa isaa fi ijoolleen isaaniis Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru. Michoonni koo durii ani Misiraachicha itti hime tokko tokkos amma Yihowaa tajaajilaa jiru.

Miseensonni maatii keenyaa tokko tokko amala isaanii jijjiiruu diduu isaaniitiin lubbuu isaanii dhabuun isaanii nama gaddisiisa. Anis utuun jijjiirama hin goone taʼee, tarii akkuma isaaniin taʼan ture. Yihowaan gara isaa fi tajaajiltoota isaa warra qajeelfama Kitaaba Qulqulluu akkan hojii irra oolchu, obsaa fi gaarummaadhaan na gargaaranitti waan na harkiseef guddaan isa galateeffadha.