Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Namoota Amantii Mataasaanii Qaban Kan Haasofsiisan Maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Namoota Amantii Mataasaanii Qaban Kan Haasofsiisan Maaliifi?

 Namoonni hedduun amantii mataasaanii qabaatanis, waaʼee Macaafa Qulqulluu nuu wajjin mariʼachuuf fedhii akka qaban hubanneerra. Mirga namoonni amantii keenyarraa adda taʼe qaban kan kabajnu yommuu taʼu, ergaa keenya akka fudhatanis isaan hin dirqisiisnu.

 Namoota kaanii wajjin waaʼee amantii yommuu mariʼannu, gorsa Macaafa Qulqulluu isa, ‘arraba laafaa akka qabaannuu’ fi ’akka nama safeeffannu’ nu gorsu hojiirra oolchuuf yaalla. (1 Phexros 3:16) Namoonni tokko tokko ergaa keenya akka hin fudhanne beekna. (Maatewos 10:14) Haataʼu malee, hamma isaan haasofsiisnutti deebii akkamii akka nuu kennan hin beeknu. Haalli namootaa jijjiiramuu akka dandaʼus ni hubanna.

 Fakkeenyaaf, namni jalqaba ennaa isa haasofsiisnu hojiidhaan qabamee ture, guyyaa kan biraatti gammachuudhaan nu haasofsiisuu dandaʼa. Akkasumas, namoonni rakkinni ykn haalli kanaan dura isaan mudatee hin beekne isaan mudate, ergaa Macaafa Qulqulluu dhagaʼuuf fedhii qabaachuu dandaʼu. Irra deddeebinee namoota haasofsiisuuf carraaqqii kan goonu kanaafidha.