Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Haadha manaa koo Taabiitaa wajjin yommuun tajaajilu

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Waaqayyoo Hin Jiru Jedheen Amana Ture

Waaqayyoo Hin Jiru Jedheen Amana Ture
  • BARA DHALOOTAA: 1974

  • BIYYA DHALOOTAA: JARMAN DIMOKRAATIIK RIIPPABLIIK

  • SEENAA: WAAQAYYOO AKKA JIRU KAN HIN AMANNE

JIREENYA KOO DURAA

Kanan dhaladhe mandara Saaksannii biyya yeroo sana Jarman Dimookraatik Riippabliik jedhamu keessatti ture. Maatiin keenya akka gaariitti kan walitti dhihaatuu fi jaalalaan kan guutame yeroo taʼu, warri koo naamusa gaarii na barsiisanii turan. Jarman Dimookraatik Riippabliik sirna Kooministiitiin bulaa waan turteef, namoota mandara Saaksanii baayʼeedhaaf amantiin iddoo guddaa hin qabu ture. Ani immoo Waaqayyoo hin jiru jedheen amana ture. Ilaalchi Waaqayyo hin jiru jedhuu fi Koominiizimii hanga umurii koo waggaa 18tiitti dhiibbaa guddaa ana irraan geessisanii turan.

Koominiizmiin xiyyeeffannaa koo kan harkise maaliifi? Yaada namoonni hundi wal qixxee dha jedhu waanan jaalladhuuf ture. Akkasumas, qabeenyi hundi walqixa hiramuun isaa namoonni baayʼee sooressa akka hin taanee fi baayʼee hiyyeessas akka hin taane godha jedheen amana ture. Kanaaf waldaa dargaggoota Koominiistii keessatti dammaqinaan hirmaachuun eegale. Yommuu umuriin koo waggaa 14 taʼu, piroojeektii waraqaa gatame deebisee hojii irra oolchuudhaan naannoo kunuunsu keessa hojjechuudhaan yeroo baayʼeen dabarsa ture. Magaalaan Eewuu wantan raawwadhe baayʼee waan dinqisiifateef, abbootiin taayitaa magaalattii badhaasa naa kennanii turan. Umriin koo xinnoo taʼus, namoota siyaasaa Jarman Dimookraatik Repuublik iddoo guddaa qaban tokko tokkoo wajjin wal bareen ture. Galma sirrii taʼe hordofaa akkan turee fi yeroon koo gara fuuldura gammachuudhaan kan guutame akka taʼu natti dhagaʼama ture.

Sana booda akkuma tasaa wantoonni hundi ni jijjiiraman. Bara 1989⁠tti Dallaan Barliin yeroo jigfame sirni Koominizimii Baha Awurooppaa keessa tures wal qabatee jige. Wantoonni nama naasisan walitti aansuudhaan gaʼuu jalqaban. Utuma baayʼee hin turinis, Jarman Dimookraatik Repuublik keessatti haqa jalʼisuun balʼinaan akka raawwatamun hubadhe. Fakkeenyaaf, namoonni sirna Kooministii hin deggerre, akka lammii lammaffaatti ilaalamu turan. Kun akkamitti taʼuu dandaʼe? Nutti Kooministoonni namoonni hundi wal qixa jennee amanna mitii? Sirni Kooministii abjuu qofa dhaa? Yeroo kanatti yaaddoo guddaa keessan gale.

Kanaaf xiyyeeffanna koo geddaruudhaan muuziqaa fi fakkii kaasuudhaaf dursa kennun jalqabe. Yunivarsiitii seenee barachuudhaaf jedhee mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti muuziqaa baradhee waanan tureef, hojii muuziqaa hojjechuu yaaduun jalqabe. Kana malees naamusa gaarii warri koo na barsiisanii turan nan dhiise. Amma wanti anaaf iddoo guddaa qabu, gammachuu argachuu qofa yeroo taʼu, kunis al tokkotti shamarran hedduu wajjin yeroo dabarsuu kan dabalatu ture. Haa taʼu malee, muuziqaan, aartiinii fi jireenyi gadhiisiin yaaddoo koo hirʼisuu hin dandeenye. Fakkiiwwan ani kaasu illee baayʼee kan nama sodaachisan turan. Yeroon gara fuulduraa maal fakkaata? Kaayyoon jireenya hoo maali?

Dhuma irrattis deebiin gaaffiiwwan kootiif argadhe baayʼee na dinqisiise. Gaaf tokko galgala mana barumsichaatti garee barattootaa waaʼee gara fuulduraa mariʼataa jiranii wajjin taaʼeen ture. Isaan keessaa tokko barattuu Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee fi Maandee * jedhamtu turte. Ishiin gaafas galgala kallattii sirrii natti argisiiste. Ishiinis, “Aandiriʼaas, gaaffiiwwan jireenya fi waaʼee gara fuuldura ilaalchisee qabduuf deebii argachuu yoo barbaade, Kitaaba Qulqulluu sirriitti qoʼachuu qabda” naan jette.

Yeroo kanatti waan ishiin jette guutummaatti na amansiisuu baatus, deebii Kitaabni Qulqulluun kennu beekuufan murteesse. Maandeen, Daaniʼel boqonna 2 kan natti argisiiste yoo taʼu, wanti ani achi irraa dubbises na rifachiise. Raajiin kun Mootummoota Addunyaa tartiibaan kaʼanii fi hanga yeroo ammatti shoora guddaa qaban ibsa. Maandeen raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kan biraa yeroo gara fuulduraa wajjin wal qabatan natti argisiiste. Dhuma irratti gaaffiiwwan kootiif deebii argachuun eegale! Haa taʼu malee, raajiiwwan kana eenyutu barreesse? Waaʼee gara fuulduraa hoo sirriitti dubbachuu kan dandaʼu eenyu? Kana jechuun Waaqayyoo jira jechuu dhaa?

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Maandeen, Hooriistii fi Aanjeeliikaa Dhugaa Baatota hiriyaa gaaʼelaa taʼanii wajjin kan wal na barsiiste yoo taʼu, isaanis Dubbii Waaqayyoo caalaatti akkan hubadhu na gargaaran. Utuma baayʼee hin turin jaarmiyaan amantii maqaa dhuunfaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamutti yeroo hunda fayyadamuu fi warri kaanis akka ittin fayyadaman jajjabeessu jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa qofa taʼuu isaan bare. (Faarfannaa 83:18, NW; Maatewos 6:9) Yihowaan ilmaan namootaa lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachisuuf karoora akka qabus baradheera. Faarfannaan 37:9, “Warri Waaqayyoon eeggatan . . . lafa in qabaatu” jedha. Namoonni ulaagaalee Waaqayyoo warra Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanii wajjin haala wal simuun jiraachuuf carraaqan hundi, abdii kana argachuuf carraa akka qaban barachuun koo na gammachiiseera.

Haa taʼu malee, jireenya koo jijjiiruudhaan haala Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simuun jiraachuuf qabsoo gochuun qaba ture. Milkaaʼinni ani hojii aartii muuziqaatiin argadhe of tuulaa na taasisee waan tureef, jalqaba amala gadi of qabu barachuu na barbaachisa ture. Hunda caalaa garuu, jireenya gadhiisii jiraachaa ture dhiisuun na rakkisee ture. Yihowaan namoota hamma dandaʼan gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuuf carraaqaniif kan obsu, dhiifama kan godhuu fi rakkina isaanii kan hubatu taʼuu isaatiif guddaan galateeffadha!

Koominizimii fi ilaalchi Waaqayyoo hin jiru jedhu, hamma umurii koo waggaa 18⁠tti jireenya koo irratti dhiibbaa geessisanii kan turan siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee garuu Kitaabni Qulqulluun jireenya koo jijjiiraa jira. Wantin baradhe yeroo gara fuulduraa akka hin sodaannee fi jireenyi koo kaayyoo akka qabaatu taasiseera. Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuudhaan bara 1993⁠tti kanan cuuphame yoo taʼu, bara 2000⁠tti immoo obboleettii cimtuu Taabiitaa jedhamtun fuudhe. Yeroo ammaatti hanga yeroon keenya nuuf heyyame namoonni baayʼeen Kitaaba Qulqulluu akka baratan gargaaraa jirra. Namoonnii baayʼeen tajaajila irratti argannu, akkuma koo Kooministiinii fi ilaalchi Waaqayyoo hin jiru jedhu dhiibbaa kan isaan irraan geessise dha. Akkamitti Yihowaa beeku akka dandaʼan yeroon isaanitti argisiisu, gammachuu guddatu natti dhagaʼama.

FAAYIDAAN ARGADHE

Yeroon Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal qunnamuu eegalu, warri koo baayʼee rifatanii turan. Booda garuu, Dhugaa Baatotaa wajjin wal qunnamuun koo jireenya koo keessatti jijjiirama gaarii akka fide hubachuu dandaʼaniiru. Amma Kitaaba Qulqulluu kan dubbisanii fi walgaʼii Kiristiyaanaa irratti kan argaman taʼuun isaa baayʼee na gammachiiseera.

Anii fi Taabiitaan gorsa Kitaabni Qulqulluun gaaʼela ilaalchisee kennu akka gaariitti hordofuuf waan carraaqnuuf gaaʼela gammachiisaa qabna. Fakkeenyaaf, gorsa gaaʼelaaf amanamoo taʼuu ilaalchisee kenname hordofuun keenya, gaaʼelli keenya cimaa akka deemu nu gargaareera.—Ibroota 13:4.

Amma jireenyi na hin sodaachisu; yeroon gara fuulduraas na hin yaaddessu. Miseensa maatii obboloota addunyaa maraa, nagaa fi tokkummaadhaan jiraatan akkan taʼe natti dhagaʼama. Maatii kana keessatti hundi keenya qixxee akka taanetti wal ilaalla. Kun immoo wanta ani yeroo dheeraadhaaf itti amanaa turee fi jireenyaa koo guutuu akka raawwatamu hawwaa ture dha.

^ key. 12 Maqaan ishii jijjiirameera.