Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Duʼuu hin Barbaadun Ture!

Duʼuu hin Barbaadun Ture!
  • BARA DHALOOTAA: 1964

  • BIYYA DHALOOTAA: INGILAANDI

  • SEENAA: SHAMARREE NAAMUSA GAARII HIN QABNEE FI IJOOLLUMMAATTI DEESSE

JIREENYA KOO DURAA

Kanan dhaladhe Landan Ingilaandi keessa, bakka Paadingitan jedhamuu fi uummanni itti baayʼatutti ture. Kanan jiraadhu haadha koo fi obboleettota koo hangafaa sadii wajjin ture. Abbaan koo araada dhugaatii alkoolii waan qabuuf, yeroo baayʼee maatii keenyaa wajjin hin jiraatu ture.

Ijoollummaa kootti haati koo yeroo hunda galgala galgala akkan kadhadhu na barsiisti turte. Kitaaba Qulqulluu xinnoo kitaaba Faarfannaa qofa qabate kanan qabu siʼa taʼu, faarfannaawwan kana faarfachuu akkan dandaʼuuf yeedaloo qopheeffadheen ture. Kitaabota mana barumsaa koo isa tokko irraa yaada, “Gaaf tokko wanti bor jedhamu hin jiraatu” jedhuu fi sammuu koo keessaa baʼuu dide tokko dubbisuu koo nan yaadadha. Jechoonni kun halkan keessa dammaqee waaʼee gara fuulduraa akkan yaadu na godhu turan. ‘Jireenya keessatti wanti kana caalu jiraachuu qaba.’ Akkasumas, ‘Kanan uumame maaliifi?’ jedheen yaada ture. Duʼuu hin barbaadun ture!

Waaʼee gocha hafuura xuraaʼummaa beekuuf fedhii guddaan na keessatti uumame. Namoota duʼan haasofsiisuuf nan yaalan ture; michoota koo mana barumsaa wajjin bakka awwaalaa ni deemna, akkasumas fiilmiiwwan nama sodaachisan ni ilaalla turre. Wanti kun akka nama gammachiisus akka nama sodaachisus nutti dhagaʼama ture.

Yommuu umuriin koo waggaa kudhan taʼu naamusa gaarii hin taane qabaachuun jalqabe. Tamboo xuuxuu kanan jalqabe siʼa taʼu, utuma baayʼee hin turin araadaanan qabame. Yeroo booda maariwaanaa xuuxuun jalqabe. Umurii koo waggaa 11tti immoo dhugaatii dhuguun jalqabe. Dhamdhama alkoolii kanan hin jaallanne taʼus, na macheessuun isaa na gammachiisa ture. Muuziqaa fi shubbisa nan jaalladhan ture. Yeroon dandaʼu hundatti bakka afeerrii fi iddoo halkan itti sirban nan dhaqan ture. Galgala dhokadhee nan baʼa, gamana bariʼuu isaa dura immoo dhokadhee nan deebiʼan ture. Guyyaa itti aanutti waanan dadhabuuf, yeroo hunda heyyama malee mana barumsaatii nan hafan ture. Yeroon barumsa irratti argamu immoo yeroo baayʼee sagantaa barumsaa gidduutti alkoolii nan dhugan ture.

Dhuma waggaa irratti qabxiin koo baayʼee gad aanaa ture. Haati koo naamusni koo hammam akka mancaʼe waan hin hubanneef, abdii natti kutatti, akkasumas natti aarti turte. Achiis kan wal lolle siʼa taʼu, anis mana gadhiiseen baʼe. Yeroo muraasaaf jaalallee koo Toonii isa Raastafariyaanii turee wajjinan jiraadhe. Tooniin yakka raawwachuu fi qoricha sammuu hadoochu gurguruu irratti kan hirmaatu siʼa taʼu, yakka ciccimaa raawwachuudhaanis ni beekama ture. Achiis utuman baayʼee hin turin ulfaaʼee umurii koo waggaa 16tti mucaa ilmaa keenya daʼe.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Jalqaba Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin kanan wal arge, mana dubartoonni utuu hin heerumin daʼanii fi ijoolleen isaanii keessa jiraatan keessa utuun jiraadhuu ture. Abbootiin taayitaa naannoo sanaa achi keessatti kutaa tokko naaf kennanii turan. Dubartoonni Dhugaa Baatota taʼan lama yeroo hunda dhufanii shamarran haadholii taʼan tokko tokko ni gaafatu turan. Guyyaa tokko maree isaan godhan irratti nan hirmaadhe. Dhugaa Baatonni sun akka dogoggoran isaan amansiisuuf yaadeen ture. Taʼus gaaffiiwwan hedduu ani qabu hundaaf karaa tasgabbii qabuu fi ifa taʼeen Kitaaba Qulqulluu irraa deebii naaf kennan. Isaan namoota gaggaarii fi garraamota taʼuun isaanii baayʼee na gammachiise. Kanaafuu, anis isaanii wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuufan walii gale.

Utuma baayʼee hin turin Kitaaba Qulqulluu irraa wanta jireenya koo jijjiire tokkon baradhe. Ijoollummaa kootii jalqabee duʼa nan sodaadhan ture. Amma garuu duʼaa kaʼuu ilaalchisee wanta Yesus barsiise nan beeke! (Yohaannis 5:28, 29) Kana malees, Waaqayyo dhuunfaatti akka naaf yaadu nan baradhe. (1 Phexros 5:7) Keessumaa yaanni Ermiyaas 29:11 irra jiruu fi “Yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuu ti malee, yaada isin balleessu miti” jedhu baayʼee na tuqe. Anis lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuuf abdachuu akkan dandaʼu amanuun jalqabe.—Faarfannaa 37:29, NW.

Dhugaa Baatonni Yihowaa jaalala dhugaa natti argisiisaniiru. Yeroo jalqabaatiif walgaʼii isaanii irratti yommuun argametti, haalli isaa kan nama gammachiisuu fi kan nama hawwatu ture; hundi isaanii baayʼee namatti dhihaatu turan! (Yohaannis 13:34, 35) Kun simannaa waldaa keenyatti naaf godhamu irraa baayʼee adda ture. Haalli koo gaarii taʼuu baatus Dhugaa Baatonni kun akka gaariitti na simataniiru. Yeroo isaanii naa kennuu, kunuunsa naa gochuu fi xiyyeeffannaa naaf kennuu dabalatee gargaarsa hedduu naaf godhaniiru. Miseensa maatii guddaa jaalala qabu tokkoo akkan taʼetti natti dhagaʼame.

Ulaagaawwan Waaqayyoo warra ol aanaa taʼan guutuuf jireenya koo irratti jijjiirama gochuu akkan qabu qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu koo irraa hubadheera. Tamboo xuuxuu dhiisuun natti ulfaatee ture. Kana malees, muuziqaawwan tokko tokko fedhii ani maariwaanaa xuuxuuf qabu akka kakaasan waanan hubadheef, muuziqaan dhaggeeffadhu irrattis jijjiirama nan godhe. Machaaʼuu waanan hin barbaanneef, gara bakka afeerrii fi gara iddoo halkan itti sirban warra akkan machaaʼu na qoran dhaquu nan dhiise. Kana malees, hiriyoota haaraa dhiibbaa gaarii na irratti godhanii fi akkaataa jireenyaa koo isa haaraa irratti na gargaaran barbaaddachuun jalqabe.—Fakkeenya 13:20.

Yeroo kanatti Tooniinis Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan isaatiif Kitaaba Qulqulluu irraa deebii waan isaaf kennaniif, innis wanti barachaa jiru dhugaa taʼuu isaa ni amane. Michoota isaa duraanii warra yakka raawwatan irraa fagaachuudhaan, akkasumas yakka raawwachuu fi maariwaanaa xuuxuu dhiisuudhaan, jireenya isaa irratti jijjiirama guddaa godhe. Lamaan keenya iyyuu guutummaatti Yihowaa gammachiisuuf, jireenya keenya isa mancaʼaa taʼe irratti jijjiirama gochuu fi ilma keenyaaf haala tasgabbii qabu uumuu akka qabnu ni hubanne. Achiis bara 1982tti gaaʼela dhaabbanne.

Barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! * irraa seenaa namoota jireenya isaanii irratti jijjiirama ani gochuu barbaadu gochuu irratti milkaaʼina argatanii barbaadaa akkan ture nan yaadadha. Muuxannoon isaanii baayʼee na jajjabeesseera! Seenaan isaanii abdii kutachuu mannaa carraaqqii cimaa gochuu koo akkan itti fufu humna naa kenneera. Yihowaan akka abdii anatti hin kutanne kadhachuu koo ittan fufe. Anii fi Tooniin Adoolessa 1982tti Dhugaa Baatota Yihowaa taanee cuuphamne.

FAAYIDAAN ARGADHE

Yihowaa wajjin michummaa uumuun koo lubbuu koo naaf oolcheera. Anii fi Tooniin yeroo rakkinaattis gargaarsa Yihowaa arganneerra. Yeroo rakkinaatti Waaqayyotti amanamuu baranneerra; akkasumas inni maatii keenya gargaaraa fi kunuunsaa akka ture nutti dhagaʼama.—Faarfannaa 55:22.

Ilmi koo fi intalli koo akkuma koo Yihowaa akka beekan isaan gargaaruun na gammachiisa ture. Yeroo ammaatti ijoolleen isaanii beekumsa Waaqayyootiin guddachaa akka jiran ilaaluun koos na gammachiisa.

Amma yeroo gara fuulduraa ykn duʼa sodaachuudhaan halkan keessa hin dammaqu. Anii fi Tooniin isaan jajjabeessuuf yeroo hunda torban torbaniin gara gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa bakka adda addaatti argamanii ni deemna. Isaanii wajjin taʼuudhaan Yesuusitti yoo amanan jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼan namoota barsiisna.

^ KEY. 17 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe.