Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Halaalatti Nama Jibbuun Kan Hafu—Yoomi?

Halaalatti Nama Jibbuun Kan Hafu—Yoomi?

“HAWWII guddaan qaba.” Hogganaa mirga namummaa Ameerikaa kan taʼe Maartiin Luutar Kiing, waggaa 50 dura, jechuunis Hagayya 28, 1963 haasaasaa isa baayʼee beekamaa taʼe keessatti yaada armaan olii dubbate. Luutar, yaada xiyyeeffannaa namaa harkisu kanatti fayyadamuudhaan, gaaf tokko namoonni jibbiinsa qomoorraa walaba akka taʼan abdii qabu ibseera. Galma akkasii qabaachuusaa kan dubbate dhaggeeffattootasaa Yunaayitid Isteetisitti argamaniif taʼuyyuu, galmisaa kun sablammoota kaan hedduu biratti fudhatama argatee ture.

Maartiin Luutar Kiing, mirga namummaa ilaalchisee haasaa yeroo dhiheessu

Luutar haasaasaa erga dhiheessee jiʼa sadii booda Sadaasa 20, 1963, biyyoonni 100 ol taʼan Labsii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Jibbiinsa Sanyii Kamiyyuu Hambisuuf baaserratti walii galaniiru. Waggoota kurnan sana booda turanitti, addunyaa maratti sochiiwwan dhimma kanaa wajjin wal qabatan kan biraan godhamanii turan. Carraaqqiiwwan gurguddaan godhaman kun hundi, gaaffiin ‘Buʼaa maaliitu argame?’ jedhu akka kaʼu gochuunsaanii hin oolu.

Barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan taʼan Baan Kii-muun, Bitootessa 21, 2012 akkas jedhaniiru: “Jibbiinsa qomoo, nama lammii garabiraa taʼe sodaachuufi rakkoowwan kanaa wajjin wal qabatan hirʼisuuf, dandaʼamnaanimmoo balleessuuf waliigaltee hedduun godhameera. Taʼuyyuu jibbiinsi qomoo addunyaa maratti namoota miliyoonaan lakkaaʼaman dhiphinaaf saaxiluusaa itti fufeera.”

Biyyoota jibbiinsa qomoofi jibbiinsa garaagaraa hirʼisuurratti hamma tokko fooyyaʼiinsa argisiisan keessattillee, gaaffiiwwan armaan gadii deebii hin arganne: Jijjiiramni argame kun miira namoota keessa jiru balleesseraa? Moo namoonni jibbiinsa kana akka hin mulʼisne kan barsiisu qofadha? Namoonni tokko tokko fooyyaʼiinsi godhame kun, tarii namoota qomoosaaniitiin wal caalchisuun akka hafu gargaaree taʼuu dandaʼa; qomoodhaan wal jibbuun akka hafu gochuu garuu hin dandaʼu jedhanii amanu. Maaliif? Wal caalchisuun mulʼachuu kan dandaʼuufi seera duratti kan nama adabsiisu siʼa taʼu, jibbiinsi garuu yaadaafi miiraa wajjin kan wal qabate waan taʼeef salphaatti toʼachuun hin dandaʼamu.

Kanaaf, jibbiinsa balleessuuf, gochawwan loogii argisiisan balleessuu qofa utuu hin taʼin, namoonni ilaalchaafi miira nama miseensa qomoosaanii hin taaneef qaban akka jijjiiran gochuunis barbaachisaadha. Kun garuu waan dandaʼamudhaa? Taanaan, akkamitti? Seenaawwan jireenyaa dhugaa taʼaniifi jijjiirama gochuun akka dandaʼamu qofa utuu hin taʼin, namoonni sun jijjiirama akkasii akka godhan wanti isaan gargaaruu dandaʼu akka jiru hubachuuf nu dandeessisan haa ilaallu.

MACAAFNI QULQULLUUN JIBBIINSARRAA AKKA FAGAATAN ISAAN GARGAAREERA

“Halaalatti nama jibbuurraa bilisa akkan taʼe natti dhagaʼama.”—Liindaa

Liindaa: Kanan dhaladhe Afriikaa Kibbaattidha. Namni Afriikaa Kibbaa adii hin taane kamiiyyuu, gadaanaa, doofaa, kan hin amanamneefi warra adii taʼan tajaajiluuf qofa kan uumame natti fakkaata ture. Sammuunkoo jibbiinsaan guutamee kan ture siʼa taʼu, ani garuu kana hin hubannen ture. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabnaan garuu, ilaalchikoo jijjiiramuu jalqabe. “Waaqayyo akka nama wal hin caalchifne,” akkasumas halluu bifa keenyaa ykn afaan dubbannu caalaa haalli garaa keenyaa bakka guddaa akka qabun baradhe. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35; Fakkeenya 17:3) Yaanni Filiphisiiyus 2:3⁠rra jiru, nama kamiiyyuu ofirra caalchisee kanan ilaalu yoo taʼe miira halaalatti nama jibbuu moʼuu akkan dandaʼu hubachuuf na gargaare. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu kana fakkaatan hojiirra oolchuunkoo, halluun bifasaanii maaliyyuu yoo taʼe namoota akkan jaalladhu na gargaareera. Amma halaalatti nama jibbuurraa bilisa akkan taʼe natti dhagaʼama.

“Waaqayyo namootaaf ilaalcha akkamii akka qabun hubadhe.”—Maayikil

Maayikil: Naannoo namoonni Awustiraaliyaa bifa adii qaban itti baayʼatanitti waanan guddadheef, namoota Eeshiyaatiif keessumaammoo warra Chaayinaatiif jibba guddaan qaba ture. Yommuun konkolaataa oofu nama dhalootaan Eeshiyaa fakkaatu yoon arge, foddaa konkolaatichaa gad buusee itti iyyuudhaan, “Si Eeshiyaa nana, biyya keenyaa deemi!” jedheen arrabsa ture. Booda, yeroon Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabu, Waaqayyo namootaaf ilaalcha akkamii akka qabun hubadhe. Dhaloonnisaanii eessayyuu yoo taʼe ykn maaliyyuu yoo fakkaatan namoota ni jaallata. Jaalallisaa kun waan na tuqeef, jibbikoo gara jaalalaatti jijjiirame. Jijjiirama guddaa akkasii gochuunkoo baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Amma namoota biyyootaafi haala garaagaraa keessaa dhufanii wajjin walitti makamuunkoo baayʼee natti tola. Kunimmoo, ilaalchan jireenyaaf qabu kan naa balʼise taʼuusaarrayyuu gammachuu guddaa naa argamsiiseera.

‘Ilaalchakoo jijjiireen nagaa uume.’—Saandiraa

Saandiraa: Haatikoo magaalaa Umunedee jedhamtuufi Deeltaa Isteet, Naayijeeriyaatti argamtutti dhalatte. Maatiin abbaakootii dhaloonnisaanii naannoo Iidoo siʼa taʼu, kan dubbatanis afaan Iisaan jedhamudha. Garaagarummaa kanaan kan kaʼe, maatiin abbaakootii haadhakootiif hamma gaafa duuteetti jibba guddaa qabu turan. Kanaafuu, nama afaan Iisaan dubbatuu wajjin walitti dhufeenya akkamiiyyuu akkan hin qabaanne ykn nama dhaloonnisaa Iidoo taʼetti akkan hin heerumnen kakadhe. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu yommuun jalqabu garuu ilaalchikoo ni balʼate. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo namoota akka wal hin caalchisneefi namni isa sodaatu kamiiyyuu isa biratti fudhatama akka qabu dubbata; maarree ani namoota qomoosaaniitiin ykn afaansaaniitiin jibbuuf sababii maaliin qaba? Kanaafuu, ilaalchakoo jijjiireen maatii abbaakootii wajjin nagaa uume. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuunkoo, gammachuufi nagaa sammuu naa argamsiiseera. Kana malees, haalli, qomoon, afaan ykn lammummaansaanii maaliyyuu yoo taʼe, namootaa wajjin akkan walii galu na gargaareera. Namni ani itti heerumes nama Iidoo kan taʼeefi afaan Iisaan kan dubbatudha!

Macaafni Qulqulluun, namoonni kuniifi kan biraa hedduun jibba qomoo isaanii wajjin jiraate akka moʼan gargaaruu kan dandaʼe maaliifi? Dubbii Waaqayyoo waan taʼeefi. Yaadaafi ilaalcha namni tokko warra kaaniif qabu jijjiiruuf humna qaba. Kana malees, jibbi akkamiiyyuu akka badu wanti barbaachisu kan biraan jira.

MOOTUMMAAN WAAQAYYOO JIBBA KAMIYYUU NI HAMBISA

Beekumsi Macaafa Qulqulluu miirawwan cimaa taʼan toʼachuufi balleessuuf kan gargaaru taʼuyyuu, halaalatti nama jibbuun guutummaatti akka badu, wantoonni kan biraan lama balleeffamuu qabu. Dura, ilmaan namootaa cubbuufi mudaarraa walaba taʼuu qabu. Macaafni Qulqulluun, ‘Namni hin yakkine tokkollee hin jiru’ jechuudhaan ifatti dubbata. (1 Mootota 8:46) Kanaafuu, hammamiyyuu carraaqqii yoo goone, akkuma Phaawulos ergamaa isa, ‘Waan gaarii hojjechuu utuun barbaaduu wanti hamaan harkakootti dhufa’ jechuudhaan barreessee, nuyis keessa keenyatti walʼaansoo cimaatu nu mudata. (Roomaa 7:21) Sababii kanaatiinis, al tokko tokko garaan keenya ‘yaada hamaa’ jibbiinsatti geessutti deebiʼa.—Maarqos 7:21.

Lammaffaa, ilmaan namootaa dhiibbaa Seexanni geessisurraa walaba taʼuu qabu. Macaafni Qulqulluun, inni ‘nama ajjeesaa’ akka tureefi ‘guutummaa biyya lafaa akka wallaalchisu’ dubbata. (Yohannis 8:44; Mulʼata 12:9) Kana beekuun keenya, wal jibbiinsi hamma kana kan babalʼate maaliif akka taʼeefi ilmaan namootaa mankaraarsitummaa, gocha jibbaa, wal ajjeechaafi wantoota sanyii, amantiifi hawaasummaa wajjin wal qabatan kaan hambisuu kan hin dandeenye maaliif akka taʼe ifa nuu godha.

Kanaafuu, jibbiinsi hundi guutummaatti balleeffamuusaa dura, cubbuuniifi mudaan ilmaan namootaa, akkasumas dhiibbaan Seexanaa baduu qabu. Macaafni Qulqulluun, Mootummaan Waaqayyoo kana galmaan akka gaʼu ibsa.

Yesus Kiristos, “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu!” jedhanii Waaqayyoon akka kadhatan duuka buutotasaa barsiiseera. (Maatewos 6:10) Mootummaan Waaqayyoo wal dandaʼuu dhabuufi jibba kamiiyyuu dabalatee jalʼina hunda ni balleessa.

Mootummaan Waaqayyoo dhufee lafa yommuu toʼatutti, “akka inni deebiʼee saba biyya lafaa hin wallaalchifnetti” Seexanni ni ‘hidhama’ ykn sochiinsaa guutummaatti ni daangeffama. (Mulʼata 20:2, 3) Sana booda “lafa haaraa” ykn hawaasa ilmaan namootaa ‘qajeelummaan keessa buufatetu’ jiraata. *2 Phexros 3:13.

Namoonni hawaasa ilmaan namootaa qajeelaa taʼe keessa jiraatan, mudaafi cubbuu kan hin qabne taʼu. (Roomaa 8:21) Lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo waan taʼaniif, isaan keessaa “nama kan miidhu, yookiis waa kan balleessu hin jiru.” Maaliif? ‘Lafti beekumsa Waaqayyootiin waan guutamtuufidha.’ (Isaayaas 11:9) Yeroo sanatti, ilmaan namootaa hundi daandii Yihowaa ni baratu; amalasaa isa jaalalarratti hundaaʼes ni hordofu. ‘Waaqayyo waan nama wal hin caalchisneef,’ yeroon kun yeroo jibbiinsi akkamiiyyuu itti hin jiraanne taʼa.—Roomaa 2:11.

^ key. 17 Waaʼee Mootummaa Waaqayyoofi wanta inni dhiheenyatti raawwatu ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 3, 8fi 9 ilaali.