Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 5

Walgaʼii Keenyarraa Faayidaa Akkamii Argatta?

Walgaʼii Keenyarraa Faayidaa Akkamii Argatta?

Arjantiinaa

Seeraa Liyoon

Beeljiyam

Maaleeshiyaa

Namoonni hedduun jajjabina hafuuraa ykn wantoota jireenyasaanii keessatti gaaffii isaanitti uumaniif deebii waan hin arganneef sirna amantiirratti argamuu dhiisaniiru. Erga akkas taʼee, walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaarratti argamuu qabdaa? Achi dhaquun keehoo maal siif argamsiisa?

Namoota jaalala qabaniifi warra kaaniif yaadan gidduutti argamuudhaan gammachuu argatta. Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaa gumii kan qindeessaniifi Waaqayyoon waaqeffachuuf kan walgaʼan, Caaffata Qulqullaaʼoo qayyabachuufi wal jajjabeessuuf ture. (Ibroota 10:24, 25) Bakka jaalalli jirutti waan walgaʼaniif, michoota dhugaa, jechuunis namoota hidhata amantiisaanii taʼan gidduu akka jiran isaanitti dhagaʼama ture. (2 Tasaloniiqee 1:3; 3 Yohannis 14) Nuyis fakkeenyasaanii waan hordofnuuf, akkumasaanii gammachuu arganna.

Faayidaa seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun argamsiisu hubatta. Akkuma bara duriitti ture, yeroo ammaattis dhiironni, dubartoonniifi ijoolleen walgaʼiirratti argamu. Barsiisonni gaʼumsa qaban, Macaafa Qulqulluutti fayyadamanii seera buʼuuraa achi keessatti argamu akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu hubachuuf nu gargaaru. (Keessa Deebii 31:12; Nahimiyaa 8:8) Hundi keenya kutaa maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun dhihaaturratti kan hirmaannuufi kan faarfannu siʼa taʼu, kunis abdii qabnu ibsuuf carraa nuu bana.—Ibroota 10:23.

Amantii Waaqayyorratti qabdu jabeeffachuudhaan eebba argamu hubatta. Phaawulos ergamaan gumiiwwan barasaatti turan keessaa isa tokkoon, “Ani . . . isin arguu[n] yaada. Caalaadhumatti iyyuu amantii waliitiin akka jajjabeeffamnu, kana jechuunis isin amantii kootiin, anis amantii keessaniin akka wal jajjabeessinuuf” jedheera. (Roomaa 1:11, 12) Namoota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin yeroo hunda walgaʼiirratti argamuun, amantii keenya nuuf jabeessa; murtoo seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin walsimnee jiraachuuf goones nuu cimsa.

Walgaʼii gumii yeroo ittaanu goonurratti argamtee wantoota kana ofuma keetii ilaaluudhaan akka mirkaneessitu si jajjabeessina. Miira hoʼaadhaan si simanna. Walgaʼii godhamurratti kaffaltiin hin gaafatamu; qodaan qarshiin ittiin sassaabamus hin naanneffamu.

  • Walgaʼiin keenya fakkeenya warra kamii hordofuudhaan geggeeffama?

  • Walgaʼiirratti argamuudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?