Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Yesuus Dhuguma Jiraateeraa?

Yesuus Dhuguma Jiraateeraa?

Qabeenyas taʼe aangoo hin qabu. Mana mataa isaa illee hin qabu ture. Taʼus, barumsi isaa namoota miliyoonaan lakkaaʼaman irratti dhiibbaa geessiseera. Yesuus Kiristoos dhuguma jiraateeraa? Hayyoonni bara kanaas taʼan kan bara durii maal jedhu?

  • Hayyuun seenaa Mikaaʼel Giraanti jedhamanii fi qaroomina bara durii irratti qorannoo godhan akkana jedhaniiru: “Ulaagaa barreeffamoota durii waaʼee seenaa ibsan madaaluuf itti fayyadamnuun Kakuu Haaraa yoo madaalle, namoonni Waaqayyoon hin beeknee fi seenaa keessatti ibsaman dhuguma akka jiraatan amannee fudhanneerra erga taʼee, Yesuus jiraachuu isaa sababiin itti fudhachuu didnu hin jiru.”

  • Piroofeesarri qoʼannaa Kakuu Haaraa Ruudolfi Baltimaan jedhaman akkana jedhaniiru: “Shakkiin Yesuus dhuguma jiraachuu isaa ilaalchisee jiru buʼuura kan hin qabnee fi ibsa irratti kennuun kan hin barbaachisne dha. Namni sammuun isaa fayyaa taʼe, sochii seenaa hawaasa [Kiristiyaanotaa] Phaalasxiinaa durii keessatti eegale kan jalqabsiise Yesuus taʼuu isaa hin shakku.”

  • Hayyuun seenaa, barreessaanii fi hayyuun falaasamaa Wiil Duraanti jedhaman akkana jedhaniiru: “Namoonni muraasni iddoo guddaa hin qabne [barreessitoonni Wangeelaa] dhaloota tokko keessa jiraatan, nama dhiibbaa guddaa geessise, eenyummaan isaa nama hawwatu, kabajamaa, seera qabeessaa fi tokkummaa obbolummaa jajjabeessu uumaniiru jedhanii yaaduun dinqii Wangeelota keessatti barreeffame hunda caalaa kan nama ajaaʼibsiisu dha.”

  • Hayyuun Fiiziksii Jarmanitti dhalatanii fi Yihudii taʼan Albarti Anistaayin, “Ani Yihudii dha; taʼus eenyummaa dinqisiisaan nama Naazireet sanaa baayʼee na ajaaʼibsiisa” jedhaniiru. Yesuus dhuguma jiraachuu isaa kan amanan taʼuu isaa yommuu gaafataman akkana jedhaniiru: “Shakkii tokko malee! Namni kam iyyuu Wangeelota yeroo dubbisu Yesuus dhuguma kan jiraate taʼuu isaa ni hubata. Eenyummaan isaa jechoota hundumaa irratti ni mulʼata. Oduun durii kam iyyuu akkas namaaf dhugoomuu hin dandaʼu.”

    “Namni kam iyyuu Wangeelota yeroo dubbisu Yesuus dhuguma kan jiraate taʼuu isaa ni hubata.”—Albarti Anistaayin

SEENAAN MAAL MIRKANEESSA?

Seenaan jireenya Yesuusii fi tajaajila isaa, kutaawwan Kitaaba Qulqulluu Wangeela Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis jedhamanii waamaman keessatti galmeeffameera. Kitaabonni kun maqaa barreessitoota isaaniitiin waamamu. Barreeffamoonni maddi isaanii kan Kiristiyaanotaa hin taane durii hedduunis waaʼee Yesuus ni caqasu.

  • TAASIITAS

    (Naannoo Dh.K.B. bara 56-120) Taasiitas hayyoota seenaa Roomaa guguddaa keessaa tokko akka taʼetti ilaalama. Seenaan inni barreesse wanta Dh.K.B. bara 14 hanga 68tti Bulchiinsa Roomaa keessatti raawwatame dha. (Yesuus Dh.K.B. bara 33tti duʼe.) Taasiitas, Dh.K.B. bara 64 tti ibidda cimaa Roomaa barbadeesseef kan itti gaafatamu Neeroo isa Mootii Moototaa ture akka taʼe barreesseera. Taʼus, Neeroon “wanta odeeffamu dhaabsisuuf” Kiristiyaanotatti akka qabates barreesseera. Achiis Taasiitas akkana jedheera: “Kiristas [Kiristoos] inni maqicha [Kiristiyaana] hundeesse, bara bulchiinsa Xibaariyoositti murtoo Phonxiyos Philaaxos isa bulchaa tureen ajjeefameera.”—Annals, XV, 44.

  • SIWUTOONIYAS

    (Naannoo Dh.K.B. bara 69–122 booda) Barreessaan seenaa lammii Roomaa kun kitaaba isaa Lives of the Caesars jedhamu irratti, wantoota yeroo bulchiinsa mootii moototaa Roomaa jalqabaa 11 keessatti raawwataman barreesse. Kutaa waaʼee Kilaawudiyoos ibsu jalatti, Yihudoota Roomaa jiraatan gidduutti jeequmsi kaʼuu isaa caqaseera; jeequmsi kun kan uumame falmii waaʼee Yesuus irratti kaʼeen taʼuu hin oolu. (Hojii Ergamootaa 18:2) Siwutooniyas akkana jedheera: “Yihudoonni sababii Kirestasiin [Kiristus] yeroo hunda jeequmsa waan kaasaniif, inni [Kilaawudiyoos] Roomaa keessaa isaan ariʼe.” (The Deified Claudius, XXV, 4) Siwutooniyas, Yesuus jeequmsa uumeera jedhee dogoggoraan kan isa qeeqe taʼus, kan jiraate taʼuu isaa hin shakkine.

  • PILIINII ISA XINNOO

    (Naannoo Dh.K.B. bara 61-113) Barreessan lammii Roomaa fi bulchaan Bitiiniyaa [Turki ishii ammaa] kun Kiristiyaanota bulchiinsa isaa jala jiran ilaalchisee maal gochuu akka qabu gaafachuuf Mootii Moototaa Roomaa Tiraajaaniif barreessee ture. Piliiniin warra didan ajjeesuudhaan, Kiristiyaanonni amantii isaanii akka ganan dirqisiisuuf akka yaale dubbateera. Akkana jedheera: “Warra . . . anaa wajjin Waaqolii [warra Waaqayyoon hin beeknee] kadhatan, fakkii keetiif wayinii fi ixaanaan ulfina kennan, . . . akkasumas, warra Kiristoosiin abaaran . . . , bilisa baasuun sirrii dha jedheen yaade.”—Pliny—Letters, Book X, XCVI.

  • FILAAVIYAS JOSEEFAS

    (Naannoo Dh.K.B. bara 37-100) Lubnii fi hayyuun seenaa Yihudii taʼe kun, Haannaa inni luba ol aanaa taʼee fi siyaasa irratti dhiibbaa gochuu isaa itti fufe ‘abbootii seeraa Saanhediriin [mana murtii ol aanaa Yihudootaa] walitti qabee Yaaqoob, obboleessa Yesuus isa Kiristoos jedhamuu isaan duratti akka dhiheesse’ barreesseera.—Jewish Antiquities, XX, 200.

  • TAALMUUDII

    Kun barreeffamoota rabbiiwwan Yihudii Dh.K.B. jaarraa sadaffaatii hanga jaʼaffaatti barreessan kan qabate siʼa taʼu, diinonni Yesuus illee inni jiraachuu isaa akka mirkaneessan argisiisa. Keeyyanni tokko “Guyyaa Ayyaana Faasikaatti, Yeshuu [Yesuus] namni Naazireet ni fannifame” jedha. Yaadni kun seenaa wajjin kan wal simu dha. (Babylonian Talmud, Sanhedrin 43a, Munich Codex; Yohaannis 19:14-16 ilaali.) Keeyyanni biraan immoo, “Ilma ykn barataa akka nama Naazireet sanaa of salphisu qabaachuu hin barbaannu” jedha. Maqaan nama Naazireet jedhu yeroo baayʼee Yesuusiin ibsuuf itti hojjetama.—Babylonian Talmud, Berakoth 17b, footnote, Munich Codex; Luqaas 18:37 ilaali.

RAGAA KITAABA QULQULLUU

Wangeelonni waaʼee jireenya Yesuusii fi tajaajila isaa seenaa balʼaa kan qabatan siʼa taʼu, wantoota seenaan tokko dhugaa taʼuu isaa mirkaneessan, jechuunis namoota, bakkaa fi yeroo adda baasanii ibsu. Luqaas 3:1, 2 fakkeenya taʼuu dandaʼa; caqasni kun guyyaa namni Yohaannis Cuuphaa jedhamuu fi Yesuusiif karaa qopheessaa ture hojii itti jalqabe beekuuf nu gargaara.

‘Kitaabni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame.’ —2 Ximotewos 3:16

Luqaas akkana jedheera: “Xibaariyoos Qeesaar mootii taʼee waggaa 15 ffaa isaatti, Phonxiyos Philaaxos bulchaa biyya Yihudaa, Heroodis bulchaa koonyaa Galiilaa, obboleessi isaa Filiphoos bulchaa koonyaa biyya Ixuuriyaa fi Xiraakonixis, Lisaaniyaasis bulchaa koonyaa Abiilaan yeroo turanitti, akkasumas bara Haannaasii fi Qayyaafaan dura buutota lubootaa turanitti, dubbiin Waaqayyoo lafa onaa keessatti gara ilma Zakkaariyaas gara Yohaannis dhufe.” Ibsii balʼaan kun ‘dubbiin Waaqayyoo gara Yohaannis kan dhufe’ Dh.K.B. bara 29tti akka taʼe hubachuuf nu gargaara.

Namoonni Luqaas caqase torba hayyoota seenaa biratti sirriitti kan beekamani dha. Qeeqxonni tokko tokko Phonxiyos Philaaxosii fi Lisaaniyaas kan jiraatan taʼuu isaanii irratti gaaffii kaasaa turan. Qeeqxonni kun garuu ariifachuun isaanii hin oolle. Barreeffamoonni durii maqaa abbootii taayitaa kana lamaanii qabatan argamuun isaanii, seenaan Luqaas barreesse dhugaa taʼuu isaa mirkaneesseera. *

KANA BEEKUUN MAALIIF BARBAACHISE?

Yesuus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo, isa addunyaa bulchuu namoota barsiiseera

Barumsi Yesuus iddoo guddaa waan qabuuf, inni kan jiraate taʼuu isaa beekuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, Yesuus akkamitti jireenya gammachiisaa jiraachuun akka dandaʼamu namoota barsiiseera. * Yeroo itti namoonni mootummaa addunyaa tokko qofa, jechuunis “Mootummaa Waaqayyoo” jalatti tokkummaadhaan nagaa fi tasgabbii dhugaa argatanii itti jiraatan akka dhufus waadaa galeera.—Luqaas 4:43.

Mootummaan addunyaa bulchu kun ol aantummaa Waaqayyoo waan mirkaneessuuf, “Mootummaa Waaqayyoo” jedhamuun isaa sirrii dha. (Mulʼata 11:15) Yesuus kadhannaa akka fakkeenyaatti dhiheesse irratti, “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, . . . Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee . . . lafa irrattis haa taʼu” jechuun isaa dhimma kana caalaatti ifa godha. (Maatewos 6:9, 10) Bulchiinsi Mootummaa kanaa namootaaf maal godha? Wantoota armaan gadii ilaali:

Namoonni tokko tokko abdiiwwan kunneen abjuu akka taʼanitti ilaalu taʼa. Haa taʼu malee, abjuu kan taʼu carraaqqii namootaatti amanamuu mitii? Mee yaadi: Gama barumsaa, saayinsii fi teknooloojiitiin guddinni ajaaʼibsiisaan argamus, yeroo harʼaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman nageenyi isaanitti hin dhagaʼamu, waaʼeen boriis isaan yaaddessa. Kana malees, guyyaa guyyaatti hacuuccaa gama dinagdee, siyaasaa fi amantiitiin raawwatamu, akkasumas sassataa fi malaanmaltummaa ni argina. Eeyyee, bulchiinsi namootaa milkaaʼuu hin dandaʼu!—Lallaba 8:9.

Yesuus kan jiraate taʼuu isaa beekuun keenya barbaachisaa dha. * Qorontos Inni Lammaffaan 1:19, 20 akka jedhutti, “Abdiiwwan Waaqayyo kenne hammam iyyuu baayʼee yoo taʼan, karaa [Kiristoos] ‘eeyyee’ taʼaniiru.”

^ KEY. 23 Barreeffamni maqaa bulchaa kutaa arfaffaa ykn “bulchaa koonyaa” Lisaaniyaas jedhamu qabate argameera. (Luqaas 3:1, miiljalee) Yeroo Luqaas barreessetti Abiilaaniin bulchaa ture.

^ KEY. 25 Barumsa Yesuus ilaalchisee Maatewos boqonnaan 5 hanga 7, inni yeroo baayʼee Lallaba Gaaraa jedhamu fakkeenya gaarii taʼa.

^ KEY. 32 Waaʼee Yesuusii fi barumsa isaa odeeffannoo dabalataa argachuuf, www.pr418.com/om kutaa BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > DEEBII GAAFFII KITAABA QULQULLUU jedhu ilaali.