Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Yesusitti Ni Amanuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Yesusitti Ni Amanuu?

 Eeyyee. Yesus isa, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” jedhee dubbatetti ni amanna. (Yohannis 14:6) Yesus samiirraa gara lafaa dhufee lubbuusaa isa mudaa hin qabne aarsaa godhee akka kenne ni amannaa. (Maatewos 20:28) Duutisaafi duʼaa kaafamuunsaa namoota isatti amananiif jireenya barabaraa kan argamsiisudha. (Yohannis 3:16) Yeroo ammaatti Yesus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchaa akka jiruufi dhiheenyattimmoo addunyaa maratti nagaan akka jiraatu kan godhu taʼuusaa ni amanna. (Mulʼata 11:15) Haataʼu malee, Yesusiin kan ilaallu akkuma inni, “Abbaan na caala” jechuudhaan dubbatettidha. (Yohannis 14:28) Kanaaf, Yesus Waaqa Hundumaa Dandaʼu akka taʼetti waan hin amanneef isa hin waaqeffannu.