Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaanota Tokko Tokko kan hin Kabajne Maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaanota Tokko Tokko kan hin Kabajne Maaliifi?

 Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaanni tokko Waaqayyo duratti fudhatama qabaachuu fi dhiisuu isaa kan murteessan akkamitti?

 Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaana tokko kabajuuf murteessuu isaanii dura Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhu mirkaneeffatu. Ayyaanonni tokko tokko ifatti dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal faallessani dha. Kanaafuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaana akkanaa hin kabajan. Ayyaanota kaan ilaalchisee Dhugaa Baatonni Yihowaa hundi ‘Waaqayyoo fi namoota duratti qalbii qulqulluu qabaatanii jiraachuuf’ dhamaʼuudhaan filannoo mataa isaanii godhu.—Hojii Ergamootaa 24:16.

 Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaana tokko kabajuu fi dhiisuuf murteessuu isaanii dura gaaffiiwwan armaan gadii of gaafatu: a

  •   Ayyaanichi barumsa Kitaaba Qulqulluu hin taane irratti kan hundaaʼe dhaa?

     Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: “‘Isaan gidduudhaa baʼaatii, adda of baasaa’ jedha Yihowaan, ‘wanta xuraaʼaa hin tuqinaa.’”—2 Qorontos 6:15-17.

     Dhugaa Baatonni Yihowaa barumsa karaa hafuuraa qulqulluu hin taanee fi wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatuu wajjin faallaa taʼe irraa guutummaatti fagaachuuf, ayyaanota kanneen akka armaan gadii hin kabajan.

     Ayyaanota amantii ykn waaqolii kaan waaqeffachuu irratti hundaaʼan. Yesuus, “Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi” jedheera. (Maatewos 4:10) Dhugaa Baatonni Yihowaa gorsa kana waan hordofaniif Ayyaana Qillee, Ayyaana Duʼaa Kaʼuu ykn Meyi Deyi hin kabajan. Sababni isaas ayyaanonni kun Yihowaa utuu hin taʼin, waaqolii kan biroo waaqeffachuu irraa kan maddani dha. Kana malees, Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaanota kanneen akka armaan gadii hin kabajan.

    •  Kuwaanzaa. Maqaan Kuwaanzaa jedhu “jechoota Afaan Siwaahilii maatundaa yaa kuwaanzaa jedhan irraa kan dhufe yommuu taʼu, hiikni isaas ‘firiiwwan jalqabaa’ jechuu dha. Kunis ayyaanichi ayyaanota yeroo makara jalqabaatti kabajamanii fi seenaa Afrikaa keessatti galmeeffaman irratti kan hundaaʼe dha.” (Encyclopedia of Black Studies) Namoonni tokko tokko Kuwaanzaan ayyaana amantii wajjin wal hin qabanne akka taʼetti ilaalu. Haa taʼu malee, kitaabni Encyclopedia of African Religion jedhamu Kuwaanzaa ayyaana namoonni Afrikaa yeroo itti firiiwwan jalqaba argaman “waaqoliidhaaf itti dhiheessanii fi abbootii durii itti galateeffatanii” wajjin wal qabsiisa. Itti dabaluudhaanis, “Kuwaanzaan ayyaana galateeffannaa wajjin kan wal fakkaatu yommuu taʼu, eebba jireenyaa abbootii durii irraa argatanii fi ayyaana Afrikaan Ameerikaan beeksisu dha” jedheera.

      Kuwaanzaa

    •  Ayyaanota jiʼa Fulbaanaa ykn Onkoloolessaatti kabajaman (Mid-Autumn Festival). Kun “ayyaana waaqayyittii addeessaatiif kabaja itti dhiheessani dha.” (Holidays, Festivals, and Celebrations of the World Dictionary) Ayyaanni kun sirna amantii “dubartoonni mana keessatti waaqayyittiitti sagaduu dabalatu raawwachuu” kan of keessatti qabate dha.—Religions of the World—A Comprehensive Encyclopedia of Beliefs and Practices.

    •  Noowuruuz (Nooruuz). “Ayyaanota kana keessaa tokko tokko, amantii Zooraastar bara durii irraa kan maddanii fi kaalaandarii Zooraastaroota durii biratti guyyoota hunda caalaa qulqulluu akka taʼanitti ilaalaman keessaa tokko dha. . . . Keessumaa, Hafuurri Waaree, Raapizwiin jedhamee beekamuu fi jiʼoota qorraatti Hafuura Gannaatiin gara lafa jalaa deemuuf dirqama jedhamee yaadamu, akka aadaa Zooraastarootaatti guyyaa Nooruuz jedhamutti ayyaana guyyaa walakkaatti kabajamuun simatama.”—United Nations Educational, Scientific and Cultural Organization.

    •  Shaabii Yaaldaa. Kitaabni Sufism in the Secret History of Persia jedhamu, ayyaanni kun waaqa ifaa “Miitraa waaqeffachuu wajjin kan wal qabate” akka taʼe dubbata. Ayyaanni kun waaqeffannaa waaqolii biiftuu Roomaa fi Giriikiif dhihaatuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu akka hin oolles ibsameera. b

    •  Taankisgiiviingi. Ayyaanni kun akkuma Kuwaanzaa, ayyaanota bara durii yeroo makaraatti waaqolii garaa garaa kabajuuf godhaman irratti kan hundaaʼe dha. Yeroo booda, “aadaawwan bara durii kun amantiiwwan Kiristiyaanaa keessattis beekamoo taʼan.”—A Great and Godly Adventure—The Pilgrims and the Myth of the First Thanksgiving.

     Ayyaanota amantii sobaa ykn milkiitti amanuu irratti hundaaʼan. Kitaabni Qulqulluun, ‘Waaqayyolii milkiif maaddii qopheessuun’ ‘Waaqayyoon dhiisuu’ wajjin tokko akka taʼe ibsa. (Isaayaas 65:11) Kanaafuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaanota armaan gadii hin kabajan:

    •  Ivaan Kupaalaa. Kitaabni The A to Z of Belarus jedhamu akkana jedheera: “Namoonni guyyaa Ivaan Kupaalaa jedhamutti uumamni humna addaa waan kennituuf ija jabeessa yoo taatee fi milkii yoo qabaatte humna kana hamma tokko argachuu dandeessa jedhanii amanu.” Ivaan Kupaalaan ayyaana namoota Waaqayyoon hin waaqeffanne irraa dhufee fi naannoo hemisfeera kaabaatti yeroo itti guyyaan dheeratu kabajuuf ayyaaneffatamu yommuu taʼu, jiʼa Waxabajjiitti kabajama. Haa taʼu malee, kitaabni Encyclopedia of Contemporary Russian Culture jedhamu, namoonni Waaqayyoon hin waaqeffanne amantii Kiristiyaanaa erga fudhatanii booda, ayyaanonni namoonni kun kabajan ayyaana Waldaan Yohaannis Cuuphaa kabajuuf ayyaaneffattuu wajjin akka wal make ibseera.

    •  Luunaar Niwu Yiir (Bara Haaraa Warra Chaayinaa ykn Kooriyaa). “Yeroo kanatti wanta kam iyyuu caalaa namoonni waggaa sanatti milkiin akka isaaniif tolu gochuuf wanta dandaʼan hunda ni godhu, waaqolii fi hafuurotaaf ulfina ni kennu, akkasumas bara itti aanuuf carraa gaarii hawwu.” (Mooncakes and Hungry Ghosts—Festivals of China) Haaluma wal fakkaatuun Barri Haaraan warra Kooriyaa, “abbootii durii waaqeffachuu, sirnawwan amantii hafuurota hamoo ariʼuu fi Bara Haaraadhaaf carraa gaarii hawwuuf godhaman, akkasumas wanta Bara Haaraatti dhufu mirkaneeffachuuf falfala raawwachuu kan of keessatti qabate dha.”—Encyclopedia of New Yearʼs Holidays Worldwide.

      Bara Haaraa Chaayinootaa

     Ayyaanota yaada lubbuun hin duutu jedhu irratti hundaaʼan. Kitaabni Qulqulluun lubbuun kan duutu taʼuu ishii ifatti dubbata. (Hisqiʼel 18:4) Kanaafuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaanota armaan gaditti caqasamanii fi amantii lubbuun hin duutu jedhu babalʼisan hin kabajan:

    •  Guyyaa Lubbuu Hundaa (Guyyaa Namoota Duʼanii). Kitaabni New Catholic Encyclopedia jedhamu akka ibsetti, guyyaan kun guyyaa itti “namoota amanamoo duʼan hunda itti yaadatani dha.” “Baroota Giddu Galeessaatti namoonni hedduun, guyyaa kanatti lubbuuwwan bakka itti dhiphachaa jiranii baʼanii bifa hafuuraa, falfalaa, raachaa fi kan kana fakkaatuun namoota yeroo lubbuudhaan turanitti isaan miidhanitti ni mulʼatu jedhanii amanu turan.”

    •  Chiingimiingi Feestivaal (Chiingi Miingi) fi Haangirii Goosti Feestivaal. Ayyaanonni kun lamaan abbootii duriitiif ulfina kennuuf kan kabajamani dha. Kitaabni Celebrating Life Customs Around the World—From Baby Showers to Funerals jedhamu, yeroo ayyaana Chiingi Miingi jedhamutti, “namni duʼe akka hin beelofne ykn hin dheebonne, akkasumas qarshii akka hin dhabne mirkaneessuuf nyaanni, dhugaatiinii fi qarshiin waraqaa irraa hojjetaman akka gubaman” ibseera. Kitaabni kun itti dabaluudhaan akkana jedheera. “yeroo Waqtii Ekeraa Beelaʼanii jedhamutti keessumaa halkan yommuu addeessi guutuun baatu [namoonni kanatti amanan akka dubbatanitti] halkan kam iyyuu caalaa yeroo kanatti namoota duʼanii fi namoota lubbuudhaan jiran gidduutti walitti dhufeenyi cimaan waan uumamuuf warra duʼan tasgabbeessuu fi abbootii durii kabajuuf of eeggannoo guddaa gochuun barbaachisaa dha.”

    •  Chusaak. Kitaabni The Korean Tradition of Religion, Society, and Ethics jedhamu ayyaanni kun, “nyaataa fi dhugaatii wayinii lubbuuwwan namoota duʼaniitiif dhiheessuu” akka dabalatu dubbateera. Gochi kun “amantii qaamni erga duʼee booda lubbuun jiraachuu ishii itti fufti” jedhu kan calaqqisiisu dha.

     Ayyaanota gochawwan hafuurota xuraaʼoo wajjin walitti dhufeenya qaban. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “namni hooda dubbatu, namni duumessa ilaalee ayyaana hedu, beekaan, namni qoricha namatti godhus tokko illee si keessatti hin argamin! Namni nama dawweessu, namni ekeraa dubbisu, qaalluun yookiis namni warra duʼan waamu . . . Waaqayyo duratti ciiggaʼamaa in taʼa.” (Keessa Deebii 18:10-12) Dhugaa Baatonni Yihowaa urjii lakkaaʼuu (gosa hojii falfalaa keessaa tokko) dabalatee gochawwan hafuurota xuraaʼoo kam irraa iyyuu fagaachuuf Haloowiin ykn ayyaanota armaan gadii hin kabajan:

    •  Bara Haaraa Siinhaalaa fi Taamil. “Duudhaan sirna amantii ayyaana kanaa wajjin wal qabatu . . . namoonni urjii lakkaaʼan yeroo milkii gaariitu dhufa jedhanii murteessanitti wantoota tokko tokko raawwachuu kan dabalatu dha.”—Encyclopedia of Sri Lanka.

    •  Soonkiraan. Maqaan ayyaana Eeshiyaatti beekamaa taʼe kanaa “jecha Afaan Saniskiriit . . . irraa kan dhufe yommuu taʼu hiika ‘sochii’ ykn ‘jijjiirama’ jedhu qaba. [Ayyaanni kun] sochii aduun gara tuuta urjiilee zoodiyaakii Aariyees jedhamuutti gootu kan argisiisu dha.”—Food, Feasts, and Faith—An Encyclopedia of Food Culture in World Religions.

     Ayyaanota waaqeffannaa Seera Musee jalatti raawwatamaa turanii fi aarsaa Yesuus dhiheesseen xumuraman wajjin wal qabatan. Kitaabni Qulqulluun, “Seerichi Kiristoosiin xumurameera” jedha. (Roomaa 10:4) Yeroo harʼaattis taanaan Kiristiyaanonni dhugaawwan buʼuuraa Seera Musee Israaʼeloota duriitiif kenname irraa faayidaa ni argatu. Haa taʼu malee, keessumaa ayyaanota Masiihiin Kiristiyaanonni akka dhufee ture amanan gara fuulduraatti akka dhufu ibsan hin kabajan. Kitaabni Qulqulluun, “Wantoonni kun gaaddidduu wantoota dhufuuf jiranii ti; inni dhugaan garuu Kiristoosi” jechuudhaan dubbata. (Qolosaayis 2:17) Ayyaanonni kun kaayyoo isaanii galmaan waan gaʼaniif, akkasumas duudhaawwan Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessan tokko tokko waan of keessatti qabataniif Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaanota armaan gadii hin kabajan:

    •  Haanukaa. Ayyaanni kun mana qulqullummaa Yihudootaa Yerusaalemitti argamu deebisanii eebbisuu yaadachuuf kan kabajamu dha. Haa taʼu malee Kitaabni Qulqulluun Yesuus Luba Ol Aanaa ‘dunkaana [ykn mana qulqullummaa] isa guddaa fi hunda caaluu, isa harkaan hin hojjetamne, jechuunis kan uumama kanaa hin taanee’ akka taʼe dubbata. (Ibroota 9:11) Kiristiyaanotaaf, manni qulqullummaa ijaan argamuu fi Yerusaalem keessa ture, mana qulqullummaa hafuuraa kanaan bakka buʼeera.

    •  Roosh Haashanaa. Kun guyyaa jalqabaa waggaa Yihudootaa ti. Bara duriitti ayyaanni kun, yeroo aarsaa addaa Waaqayyoof itti dhiheessan ture. (Lakkoobsa 29:1-6) Haa taʼu malee, Yesuus Kiristoos Masiihicha taʼuudhaan ‘qalmii fi kennaan midhaanii akka hafu,’ jechuunis Waaqayyo duratti gatii akka hin qabaanne taasiseera.—Daaniʼel 9:26, 27.

  •   Ayyaanichi amantii walitti makuu jajjabeessaa?

     Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: “Namni amane tokko isa hin amannee wajjin qooda maalii qaba? Akkasumas, manni qulqullummaa Waaqayyoo waaqolii tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba?”—2 Qorontos 6:15-17.

     Dhugaa Baatonni Yihowaa olloota isaanii wajjin nagaadhaan jiraachuuf carraaqqii godhu, akkasumas mirga namoonni wanta itti amanan filachuuf qaban isaaniif ni kabaju. Taʼus ayyaanota karaa armaan gadiitiin amantii walitti makuu jajjabeessan kabajuu irraa ni fagaatu.

     Ayyaanota sirna amantii tokko ykn qophiiwwan namoonni amantii adda addaa qaban tokko taʼanii akka waaqeffatan jajjabeessan. Waaqayyo saba isaa durii biyya haaraa bakka jiraattonni ishii amantii kan biraa hordofanitti yommuu isaan galche akkana isaaniin jedhee ture: “Isaanii wajjin, waaqayyolii isaanii wajjinis kakuutti hin galin! . . . Waaqayyolii isaaniis yoo waaqessite kiyyoo sitti in taʼa.” (Baʼuu 23:32, 33) Kanaafuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaanota armaan gadii irratti hin hirmaatan.

    •  Looy Kiraatoong. Yeroo ayyaanni warra Taayii kun kabajamutti, “namoonni baalawwan irraa waciitiiwwan erga hojjetanii booda, shaamaa ykn ixaana itti naquudhaan bishaan irratti darbatu. Bidiruuwwan milkii hamaa fuudhanii akka fageessan dubbatama. Ayyaanni kun hojii qulqulluu Budihaan hojjete raawwachuudhaan fakkeenya isaa hordofuu kan yaadachiisu dha.”—Encyclopedia of Buddhism.

    •  Guyyaa Yaada Geeddarachuu Biyyoolessaa. Abbaan taayitaa gaazexaa Paappuwaa Niwu Giinii, The National jedhamu irratti ibsaman tokko, namoonni ayyaana kana irratti hirmaatan, “yaada buʼuuraa amantii Kiristiyaanaa wajjin akka walii galan” dubbataniiru. Akkasumas guyyaan sun “madda seerawwan Kiristiyaanonni biyyattii ittiin geggeeffamanii” akka taʼe dubbataniiru.

    •  Veesaak. “Kun guyyoota qulqulluu namoonni amantii Budihaa hordofan kabajan hunda caalaa qulqulluu taʼe, guyyaa Budihaan itti dhalate, beekumsa itti argatee fi duʼe ykn guyyaa gara Nirvaanaatti gale yaadachuuf kabajamu dha.”—Holidays, Festivals, and Celebrations of the World Dictionary.

      Veesaak

     Ayyaanota duudhaawwan amantii irratti hundaaʼanii fi barumsa Kitaaba Qulqulluu hin taane. Yesuus geggeessitoota amantiitiin, “Aadaa keessaniif jettanii dubbii Waaqayyoo gatii dhabsiistaniittu” jedheera. Akkasumas ‘ajaja namootaa akka dubbii [Waaqayyootti] waan barsiisaniif’ waaqeffannaan isaanii gatii akka hin qabne dubbateera. (Maatewos 15:6, 9) Dhugaa Baatonni Yihowaa akeekkachiisa kanaaf xiyyeeffannaa waan kennaniif ayyaanota amantii hedduu hin kabajan.

    •  Ayyaana Cuuphaa (Guyyaa Mootota Sadanii, Ximqata, ykn Loos Reeyes Maagos). Ayyaana kana kan kabajan, namoota urjii lakkaaʼanii fi Yesuusiin ilaaluu dhaqan ykn cuuphamuu Yesuus yaadachuufi dha. Ayyaanni kun “ayyaanota arfaasaa amantii sobaa irraa dhufanii fi waaqolii laggeenii fi burqaawwaniitiif ulfina kennan tokko tokko gara ayyaana Kiristiyaanaatti jijjiireera.” (The Christmas Encyclopedia) Ayyaanni kanaa wajjin walitti dhufeenya qabuu fi Ximqata jedhamus “balʼinaan aadaa irratti kan hundaaʼe dha.”—Encyclopedia of Society and Culture in the Ancient World.

    •  Guyyaa Maariyaam Gara Samiitti Ol Fudhatamte (Filchataa). Ayyaanni kun haati Yesuus fooniin gara samiitti ol baatetti amantii jedhu ayyaaneffachuuf kan godhamu dha. Kitaabni Religion and Society—Encyclopedia of Fundamentalism jedhamu akkana jedheera, “Amantiin kun Kiristiyaanota jalqabaa biratti hin beekamu ture; yaadni Kitaaba Qulqulluu keessatti waaʼee kanaa ibsus hin jiru.”

    •  Ayyaana Maariyaam Cubbuu Irraa Bilisa Taʼuu Ishii Yaadachuuf Kabajamu. “Yaadni Maariyaam gadameessa haadha ishii keessaa kaasee cubbuu irraa bilisa akka taate dubbatu kitaaba Qulqulluu keessatti ifatti hin ibsamne . . . Kun barumsa Waldaan murtiidhaan dabarsite dha.”—New Catholic Encyclopedia.

    •  Sooma Hudaadee. Kitaabni New Catholic Encyclopedia jedhamu akka ibsetti, waqtiin dogoggora kanaan dura hojjetaniif itti gaabbanii fi itti sooman kun kutaan Kitaaba Qulqulluu hundi barreeffamee erga xumuramee gara waggaa 200 ol booda, jechuunis “jaarraa arfaffaatti” hundeeffame. Kitaabni kun itti dabaluudhaan guyyaa jalqabaa ayyaana Sooma Hudaadee jedhamu kanaatti, “Gochi adda miseensota waldaa irratti daaraadhaan mallattoo fannoo kaasuu Yaaʼii Beeneveentoo Bara 1091⁠tti geggeeffamee kaasee beekamuu jalqabe.”

    •  Masqala. Kitaabni Encyclopedia of Society and Culture in the Medieval World jedhamu akka ibsetti ayyaanni Itoophiyaatti kabajamu kun, “Fannoo isa Dhugaa (fannoo Kiristoos irratti fannifame) barbaaduuf jecha, ibidda qabsiisuu fi ibiddicha naannaʼanii shubbisuudhaan” kabajama. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa waaqeffannaa isaanii irratti fannootti hin fayyadaman.

  •   Ayyaanichi nama, jaarmiyaa ykn mallattoo biyyoolessaa tokko ol ol kan godhu dhaa?

     Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: “Ammas Waaqayyo itti fufee, ‘Namni nama amanatu, jabina irree foonii kan abdatu, yaada isaas Waaqayyo irraa kan deebisu abaaramaa dha’ [jedhe].”—Ermiyaas 17:5.

     Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota hundaaf dinqisiifannaa qaban kan ibsanii fi kan isaaniif kadhatan taʼus, qophiiwwan ykn ayyaanota armaan gadii irratti hin hirmaatan:

     Ayyaanota bulchaa ykn nama beekamaa taʼe tokkoof ulfina kennan. Kitaabni Qulqulluun; “Namni hammuma hafuurri isaa keessa jirtutti malee waaʼee hin baasu; kanaafis waa’ee isaa ittuma dhiisaa!” jechuudhaan ibsa. (Isaayaas 2:22) Kanaafuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa fakkeenyaaf guyyaa dhalootaa mootii ykn mootittii tokkoo hin kabajan.

     Alaabaa biyyaa ayyaaneffachuu. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqolii tolfamoo irraa of eegaa” waan jedhuuf Dhugaa Baatonni Yihowaa Guyyaa Alaabaa hin kabajan. (1 Yohaannis 5:21) Namoonni tokko tokko alaabaan waaqa tolfamaa jechuunis wanta waaqeffatamu akka taʼetti hin ilaalan. Haa taʼu malee barreessaan seenaa Kaarlitan Heeyiz jedhaman, “Alaabaan mallattoo amantii sabboonummaa isa guddaa fi meeshaa waaqeffannaa ti” jechuudhaan barreessaniiru.

     Ayyaanota qulqulloota ol ol godhu. Namichi Waaqayyoon sodaatu tokko Pheexiros ergamaadhaaf yommuu sagadetti wanta taʼe ni yaadattaa? Kitaabni Qulqulluun akkana jechuudhaan dubbata, “Pheexiros . . ., ‘Kaʼi, anis namuma akka keetii ti’ jedhee ol isa kaase.” (Hojii Ergamootaa 10:25, 26) Pheexirosis taʼe ergamoota kaan keessaa tokko illee kabaja ykn ulfina addaa isaaniif kenname hin fudhanne. Kanaafuu Dhugaa Baatonni Yihowaas qophiiwwan namoota qulqulloota akka taʼanitti ilaalaman kabajuuf godhamu kanneen akka armaan gadii irratti hin hirmaatan:

    •  Guyyaa Qulqulloota Hundaa. “Ayyaana qulqulloota hunda kabajuuf godhamu . . . Maddi ayyaana kanaa hin beekamu.”—New Catholic Encyclopedia.

    •  Feestaa oof Aawor Leedii oof Guwaadeloppi. Ayyaanni kun “qulqullittii Meeksikoo eegduu” fi namoonni tokko tokko Maariyaam ishii haadha Yesuus taate dha jedhanii amanan kabajuuf kan godhamu dha. Dubartiin tun bara 1531⁠tti karaa dinqii taʼeen qonnaan bulaa tokkotti akka mulʼatte dubbatama.—The Greenwood Encyclopedia of Latino Literature.

      Feestaa oof Aawor Leedii oof Guwaadeloppi

    •  Neem Deyi. Kitaabni Celebrating Life Customs Around the World—From Baby Showers to Funerals jedhamu akka ibsutti, “Ayyaanni Neem Deyi jedhamu ayyaana guyyaa mucaan tokko nama qulqulluu tokkoon maqaan isaa erga moggaafamee booda kabajamu yommuu taʼu, maqaan isaas kan moggaafamu daaʼimummaa isaatti yommuu cuuphamu ykn erga guddatee booda akka sirna waldaatti amantii isaa yommuu mirkaneeffatutti dha.” Itti dabaluudhaanis “guyyaa kanatti namoonni wantoota amantii wajjin wal qabatan” akka raawwatan ibseera.

     Ayyaanota sochii siyaasaa ykn hawaasummaa fooyyessuuf kabajaman. Kitaabni Qulqulluun, “Nama amanachuu irra Waaqayyotti kooluu galuu wayya” jechuudhaan dubbata. (Faarfannaa 118:8, 9) Dhugaa Baatonni Yihowaa, rakkoowwan addunyaa irra jiraniif furmaata kan argamsiisu ilmaan namootaa utuu hin taʼin Waaqayyo taʼuu isaa akka amanan argisiisuu waan barbaadaniif, ayyaanawwan Guyyaa Dargaggootaa ykn Guyyaa Dubartootaa jedhamanii fi duulawwan haala siyaasaa ykn haala hawaasummaa fooyyessuuf godhaman irratti hin hirmaatan. Akkasumas guyyaa mootummoonni biyyoota tokko tokkoo garbummaa hambisuuf itti murteessan (Emancipation Day) ykn ayyaanota kanneen wajjin wal fakkaatan irratti hin hirmaatan. Kanaa mannaa, sanyii fi wal qixxummaa ilaalchisee rakkoowwan jiraniif furmaata argachuuf Mootummaa Waaqayyoo eeggatu.—Roomaa 2:11; 8:21.

  •   Ayyaanichi sabni tokko ykn qomoo tokko warra kaan irra kan caalchisu dhaa?

     Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: ‘Waaqayyo namoota wal hin caalchisu; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.’—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.

     Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya dhaloota isaanii kan jaallatan taʼanis ayyaanota saba ykn qomoo tokko karaawwan armaan gaditti ibsamaniin warra kaan irra caalchisan kabajuu irraa ni fagaatu.

     Ayyaana raayyaa waraanaa kabajuuf godhamu. Yesuus waraana deeggaruu mannaa, duuka buutota isaatiin, “Diinota keessan jaallachuu fi warra isin ariʼataniif kadhachuu keessan itti fufaa” jedheera. (Maatewos 5:44) Kanaafuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa kanneen armaan gadii dabalatee ayyaanota loltootaaf ulfina addaa kennan hin kabajan:

    •  Anzaak Deyi. “Anzaak garee loltoota Awustiraaliyaa fi Niwu Ziilaandi bakka buʼa,” akkasumas “Guyyaan Anzaak suuta suuta guyyaa itti namoota lola irratti duʼan yaadachuuf kabajamu taʼaa dhufe.”—Historical Dictionary of Australia.

    •  Veeteraansi Deyi (Guyyaa Yaadannoo, Yaadannoo Dilbataa). Guyyoonni kunneen “namoota duula irratti hirmaatanii deebiʼanii fi warra biyya isaaniitiif lola irratti wareegaman” kabajuuf kan godhamu dha.—Encyclopedia Britannica.

     Ayyaana seenaa ykn guyyaa bilisummaa biyya tokkoo yaadachuuf godhamu. Yesuus duuka buutota isaa ilaalchisee, “Akkuma ani kutaa addunyaa hin taane, isaanis kutaa addunyaa miti” jechuudhaan dubbateera. (Yohaannis 17:16) Dhugaa Baatonni Yihowaa seenaa biyyootaa barachuun kan isaan gammachiisu taʼus, qophiiwwan kanneen akka armaan gadii irratti hin hirmaatan:

    •  Awustiraaliyaa Deyi. Akka kitaabni Worldmark Encyclopedia of Cultures and Daily Life jedhamu ibsetti ayyaanni kun “bara 1788 guyyaa itti loltoonni Ingiliiz alaabaa isaanii itti ol kaasanii fi Awustiraaliyaa akka kolonii haaraa tokkootti labsan” yaadachuuf kan godhamu dha.

    •  Gaay Faawukis Deyi. Kun “guyyaa yaalii bara 1605⁠tti Gaay Faawukisii fi deeggartoonni amantii Kaatolikii Jeemsi Mooticha Tokkoffaa fi miseensota mootummaa [Ingilaandi[ ajjeesuuf taasisan itti fashalaaʼe yaadachuuf guutummaa biyyichaatti kabajamu dha.”—A Dictionary of English Folklore.

    •  Guyyaa Bilisummaa. Kun biyyoota hedduu keessatti, “ayyaana namoonni guyyaa itti biyyi isaanii biyya kan biraa jalaa bilisa itti baʼe kabajani dha.”—Merriam-Websterʼs Unabridged Dictionary.

  •   Ayyaanicha irratti gochi toʼannaa hin qabne ykn naamusaan ala taʼe ni raawwatamaa?

     Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: “Yeroon duraa inni isin addaggummaadhaan, kajeellaa toʼannaa hin qabneen, akka malee dhuguudhaan, gadhiisiidhaan, dorgommiidhaan hedduu dhuguu fi waaqolii tolfamoo jibbisiisaa taʼan waaqeffachuudhaan fedhii namoota addunyaa raawwachaa itti turtan ni gaʼa.”—1 Pheexiros 4:3.

     Dhugaa buʼuuraa kanaa wajjin haala wal simuun Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaanawwan namoonni irratti garmalee dhuganii fi affeerraa gadhiisii taʼe qopheessan irratti hin hirmaatan. Dhugaa Baatonni Yihowaa michoota isaanii wajjin taʼuun isaan gammachiisa, akkasumas dhugaatii alkoolii haala madaallii isaa eegeen dhuguufis taʼe dhuguu dhiisuuf filachuu dandaʼu. Gorsa Kitaaba Qulqulluu “Yoo nyaattan yookiin yoo dhugdan yookiin wanta kam iyyuu yoo gootan, wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa” jedhu hojiirra oolchuuf carraaqqii godhu.—1 Qorontos 10:31.

     Kanaafuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa kaarniivaalota ykn ayyaanota amaloota gadhee Kitaaba Qulqulluu keessatti balaaleffataman babalʼisan kan biroo irratti hin hirmaatan. Kun ayyaana Yihudootaa isa Furiim jedhamu kan dabalatu dha. Furiim Dh.K.D. jaarraa shanaffaatti yeroo itti Yihudoonni badiisa irraa oolan yaadachuuf kabajamaa kan ture taʼus, kitaabni Essential Judaism jedhamu akka ibsetti yeroo harʼaa ayyaanni kun “ayyaana haaraa Yihudoonni Maardi Giraas ykn Kaarniivaal jedhanii waamani dha.” Namoota ayyaanicha irratti hirmaatan hedduudhaaf ayyaanichi “yeroo baayʼee dhiironni uffata dubartootaa uffachuu, gocha gadhiisii taʼe raawwachuu, garmalee dhuguu fi akka malee wacuu dabalata.”

 Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaanota tokko tokko hin kabajne maatiiwwan isaanii ni jaallatu jechuun ni dandaʼamaa?

 Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun namoonni amantiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe, miseensota maatii isaanii hunda akka jaallatanii fi akka kabajan barsiisa. (1 Pheexiros 3:1, 2, 7) Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko ayyaana taʼe tokko irratti hirmaachuu yommuu didu, firoottan isaa keessaa tokko tokko aaruu, miidhamuu ykn akka ganaman itti dhagaʼamuu dandaʼa. Kanaafuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun dursa fudhachuudhaan firoota isaanii akka jaallatan isaaniif mirkaneessu; sababa itti tarkaanfii akkasii fudhatanis malaan ibsuuf, akkasumas yeroo ayyaanicha irraa adda taʼetti dhaqanii firoota isaanii gaafatu.

 Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni kaan ayyaanota akka hin kabajne ni barsiisuu?

 Lakki. Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni hundi murtoo mataa isaanii gochuu akka qaban amanu. (Iyaasuu 24:15) Akkasumas amantiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe ‘namoota akaakuu hundumaa ni kabaju.’—1 Pheexiros 2:17.

a Mata dureen kun ayyaanota Dhugaa Baatonni Yihowaa hin kabajne hunda ykn dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu ayyaanota ibsamanii wajjin wal qabate hin ibsu.

b Mithra, Mithraism, Christmas Day & Yalda, K. E. Edaljiin kan qophaaʼe, fuula 31-33.