Hisqiʼel 18:1-32

  • Tokkoon tokkoon namaa cubbuu isaatiif itti gaafatama (1-32)

    • Lubbuun cubbuu hojjetu ni duʼa (4)

    • Ilmi cubbuu abbaa isaatiif hin adabamu (19, 20)

    • Waaqni duʼa nama hamaatti hin gammadu (23)

    • Yaada geddarachuun jireenya argamsiisa (27, 28)

18  Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:  “Mammaaksi isin, ‘Firii wayinii dhangaggaaʼaa kan nyaatan abbootii dha; garuu ilkaan ilmaan isaanii ni hadoode’ jettanii biyya Israaʼel keessatti mammaaktan kun maali dha?+  “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, isin mammaaksa kana biyya Israaʼel keessatti mammaakuu keessan itti hin fuftan.  Kunoo, lubbuun* hundi kan koo ti. Akkuma lubbuun abbaa kan koo taʼe, lubbuun ilmaas kan koo ti. Lubbuun* cubbuu hojjetu ni duʼa.  “‘Namni tokko qajeelaa, akkasumas wanta haqaa fi sirrii taʼe kan raawwatu taʼuu dandaʼa.  Namni kun aarsaawwan gaarota irratti+ waaqolii tolfamoodhaaf dhihaatan hin nyaatu; gara waaqolii tolfamoo mana Israaʼel warra balfamoo* taʼanii hin ilaalu; haadha manaa nama kan biraa hin xureessu+ yookiin dubartii laguu irra jirtuu wajjin saalqunnamtii hin raawwatu;+  eenyuun iyyuu hin miidhu;+ kanaa mannaa, wanta namni liqeeffate tokko qabsiisa godhee isaaf kenne ni deebisa;+ eenyuun iyyuu hin saamu;+ kanaa mannaa, nyaata isaa isa beelaʼeef ni kenna;+ isa daares daara ni baasa;+  dhala hin fudhatu yookiin haraaxaadhaan hin liqeessu;+ kanaa mannaa, haqa jalʼisuu irraa ni fagaata;+ yeroo hundumaas nama tokkoo fi isa kan biraa gidduutti haqaan murteessa;+  amanamummaadhaan jiraachuufis akka dambiiwwan kootti ni deddeebiʼa, heerawwan koos ni eega. Namni akkanaa qajeelaa dha, inni dhuguma lubbuudhaan ni jiraata’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 10  “‘Haa taʼu malee, namni kun ilma yoo dhalchee fi ilmi isaa kun kan nama saamu+ yookiin kan nama ajjeesu*+ yookiin wantoota akkanaa kan raawwatu yoo taʼe, 11  (abbaan isaa wantoota kana keessaa isa kam iyyuu kan hin raawwanne taʼus) aarsaawwan gaarota irratti waaqolii tolfamoodhaaf dhihaatan kan nyaatu, haadha manaa nama kan biraa kan xureessu, 12  nama rakkataa fi hiyyeessa kan miidhu,+ kan nama saamu, wanta qabsiisaan fudhate kan hin deebisne, gara waaqolii tolfamoo balfamoo taʼanii kan ilaalu,+ gochawwan jibbisiisoo taʼan kan raawwatu,+ 13  haraaxaadhaan kan liqeessuu fi dhala kan fudhatu yoo taʼe,+ ilmi sun lubbuudhaan hin jiraatu. Wantoota jibbisiisoo kana hundumaa waan raawwateef, inni dhugumaan ni ajjeefama. Dhiigni isaa mataa isaa irra ni taʼa. 14  “‘Haa taʼu malee, ilmi tokko cubbuu abbaan isaa raawwatu hundumaa kan argu taʼus, inni wantoota akkanaa hin raawwatu taʼa. 15  Aarsaawwan gaarota irratti waaqolii tolfamoodhaaf dhihaatan hin nyaatu; gara waaqolii tolfamoo mana Israaʼel warra balfamoo taʼanii hin ilaalu; haadha manaa nama kan biraa hin xureessu; 16  eenyuun iyyuu hin miidhu; wanta qabsiisaan qabame of biratti hin hambisu; wanta akkamii iyyuu saamichaan hin fudhatu; nyaata isaa isa beelaʼeef ni kenna; isa qullaa taʼes daara ni baasa; 17  isa hiyyeessa taʼe cunqursuu irraa of qusata; haraaxaadhaan hin liqeessu yookiin dhala hin fudhatu; heerawwan koo hojii irra ni oolcha; akka dambiiwwan koottis ni deddeebiʼa. Namni akkanaa balleessaa abbaa isaatiin kan kaʼe hin duʼu. Inni dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata. 18  Abbaan isaa garuu gowwoomsaa waan raawwateef, obboleessa isaa waan saameef, saba isaa gidduuttis wanta sirrii hin taane waan raawwateef, balleessaa ofii isaatiin kan kaʼe ni duʼa. 19  “‘Isin garuu, “Ilmi balleessaa abbaa isaatiin kan kaʼe maaliif yakkamaa hin taʼu?” jettu. Ilmi sun wanta haqaa fi qajeelaa taʼe waan raawwateef, dambiiwwan koo hundumaa waan eegeef, waan raawwateefis, inni dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata.+ 20  Kan duʼu lubbuu* cubbuu hojjete sana dha.+ Ilmi balleessaa abbaa isaatiin kan kaʼe yakkamaa hin taʼu; abbaanis balleessaa ilma isaatiin kan kaʼe yakkamaa hin taʼu. Qajeelummaan nama qajeelaa isumaaf qofa lakkaaʼama; hamminni nama hamaas isuma irratti qofa lakkaaʼama.+ 21  “‘Namni hamaan tokko cubbuu raawwatu hundumaa irraa yoo deebiʼe, dambiiwwan koo yoo eege, wanta haqaa fi qajeelaa taʼes yoo raawwate dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata. Inni hin duʼu.+ 22  Balleessaa raawwate keessaa inni tokko iyyuu isatti hin lakkaaʼamu.*+ Inni wanta qajeelaa taʼe waan raawwateef lubbuudhaan ni jiraata.’+ 23  “‘Ani namni hamaan duʼuu isaatti nan gammadaa?+ Inni daandii isaa irraa deebiʼee lubbuudhaan akka jiraatun filadha mitii?’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 24  “‘Haa taʼu malee, namni qajeelaan qajeelummaa isaa dhiisee wantoota jibbisiisoo namni hamaan raawwatu hundumaa gochuudhaan balleessaa* yoo raawwate lubbuudhaan ni jiraataa? Wanta qajeelaa inni raawwate keessaa tokko illee hin yaadatamu.+ Inni amanamummaa dhabuu isaa fi cubbuu raawwateen kan kaʼe ni duʼa.+ 25  “‘Isin garuu, “Daandiin Yihowaa jalʼaa dha” jettu.+ Yaa mana Israaʼel, maaloo dhagaʼaa! Jalʼaa kan taʼe daandii koo tii?+ Jalʼaa kan taʼe daandii keessan mitii?+ 26  “‘Namni qajeelaan qajeelummaa raawwachuu isaa dhiisee balleessaa yoo raawwate, kanaan kan kaʼes yoo duʼe, inni kan duʼu balleessaa ofii isaatiin kan kaʼe dha. 27  “‘Namni hamaan wanta hamaa raawwatu irraa yoo deebiʼe, wanta haqaa fi qajeelaa taʼes raawwachuu yoo jalqabe, lubbuu* ofii isaa ni oolfata.+ 28  Dogoggora isaa hubatee balleessaa raawwatu hundumaa irraa yoo deebiʼe dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata. Inni hin duʼu. 29  “‘Manni Israaʼel garuu, “Daandiin Yihowaa jalʼaa dha” jedhu. Yaa mana Israaʼel, jalʼaa kan taʼe dhuguma daandii koo tii?+ Jalʼaa kan taʼe daandii keessan mitii?’ 30  “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, yaa mana Israaʼel, ani akka daandii keessaniitti tokkoon tokkoon keessan irratti nan murteessa.+ Isaan gufuu yakkamtoota isin godhu akka isinitti hin taaneef, deebiʼaa, eeyyee, balleessaa keessan hundumaa irraa guutummaatti deebiʼaa. 31  Balleessaa raawwattan hundumaa of irraa fageessaa;+ garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa;*+ yaa mana Israaʼel, maaliif duutu?’+ 32  “‘Ani namni kam iyyuu duʼuu isaatti hin gammadu.+ Kanaafuu, deebiʼaa, lubbuudhaanis jiraadhaa’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

Miiljaleewwan

Ykn., “Namni.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
Kal., “dhiiga dhangalaasu.”
Ykn., “nama.”
Kal., “hin yaadatamu.”
Ykn., “jalʼina.”
Kal., “tolfadhaa.”