Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Guyyaa Dhalootaa Yesuus Kiristos Kan Hin Kabajne Maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Guyyaa Dhalootaa Yesuus Kiristos Kan Hin Kabajne Maaliifi?

Yaada dogoggoraa

  Soba: Dhugaa Baatonni Yihowaa guyyaa dhalootaa Yesuus kan hin kabajne waan isatti hin amanneefi dha.

 Dhugaa: Nuti Kiristiyaanota dha. Fayyinni kan argamu karaa Yesuus Kiristos qofa akka taʼe amanna.—Hojii Ergamootaa 4:12.

  Soba: Namoonni ayyaana dhaloota Yesuus akka hin kabajne gochuudhaan maatii addaan baaftu.

 Dhugaa: Maatiidhaaf baayʼee kan yaadnu siʼa taʼu, maatii tokkummaa qabu ijaaruuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamna.

  Soba: Kaayyoo ayyaanni dhaloota Yesuus itti kabajamu, jechuunis arjummaa, nagaa lafaaf hawwuu fi yaada qajeelaa qabaachuu hin beektan.

 Dhugaa: Yeroo hundumaa arjaa fi naga qabeeyyii taʼuuf carraaqna. (Fakkeenya 11:25; Roomaa 12:18) Fakkeenyaaf karaan nuti walgaʼii keenya itti geggeeffannuu fi itti lallabnu qajeelfama Yesuus, ‘Waan tola fudhattaniif, tola kennaa’ jechuudhaan kennee wajjin kan wal simu dha. (Maatewos 10:8) Kana malees, Mootummaa Waaqayyoo isa nagaa lafa irratti fiduu dandaʼu irratti xiyyeeffanna.—Maatewos 10:7.

Dhugaa Baatonni Yihowaa guyyaa dhalootaa Yesuus kan hin kabajne maaliifi?

  •   Yesuus guyyaa dhalootaa isaa utuu hin taʼin guyyaa duʼa isaa akka kabajnu nu abboome.—Luqaas 22:19, 20.

  •   Ergamoonni Yesuusis taʼan duuka buutonni isaa bara durii guyyaa dhalootaa Yesuus hin kabajne. Kitaabni New Catholic Encyclopedia jedhamu, “guyyaa dhalootaa Yesuus kabajuun kan jalqabame [Dh.K.B.] bara 243 booda akka taʼe,” jechuunis ergamoonni Yesuus duʼanii jaarraan tokkoo ol erga darbee booda akka taʼe ibseera.

  •   Yesuus Muddee 25tti [akka lakkoofsa Itoophiyaatti Muddee 29tti] akka dhalate ragaan mirkaneessu hin jiru; guyyaan dhalootaa isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti hin argamu.

  •   Guyyaa dhalootaa Yesuus kabajuun, barsiifataa fi sirna warra saba Waaqayyoo hin taane irraa waan dhufeef, Waaqayyo biratti fudhatama akka hin qabne amanna.—2 Qorontos 6:17.

Guyyaa dhalootaa Yesuus kabajuu dhiisuudhaan adda baʼuu kan barbaaddan maaliifi?

 Yeroo harʼaa namoonni hedduun, guyyaa dhaloota Yesuus kabajuun namoota saba Waaqayyoo hin taane irraa akka dhufee fi deggersa Kitaaba Qulqulluu akka hin qabne utuu beekanii kabajaa jiru. Namoonni akkasii, Kiristiyaanonni guyyaa dhaloota Yesuus kabajuu kan jibban maaliifi? Ejjennoo akkasii kan qabaatan maaliifi? jedhanii gaafachuu dandaʼu.

 Kitaabni Qulqulluun ofuma keenyaan akka yaadnu, jechuunis “dandeettii yaaduu” keenyatti akka fayyadamnu nu jajjabeessa. (Roomaa 12:1, 2, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa) Dhugaadhaaf iddoo guddaa akka kenninus nu barsiisa. (Yohaannis 4:23, 24) Namoonni kaan ilaalcha gaarii akka nuuf qabaatan kan barbaannu taʼus, adda kan nu godhu taʼu illee seera buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutti maxxanna.

 Guyyaa dhalootaa Yesuus kan hin kabajne taʼus, mirga namni tokko dhimma kana ilaalchisee murtoo mataa isaa gochuuf qabu ni kabajna. Namoonni kaan guyyaa dhalootaa Yesuus yeroo kabajanittis isaan hin jeeqnu.