Dhimma ijoo ta'etti seeni

Maddi Haaloowiinii Maalidha?

Maddi Haaloowiinii Maalidha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Namoonni hedduun ayyaana Haaloowiinii Onkoloolessa 31 kan kabajan yeroo taʼu, Kitaabni Qulqulluun garuu waaʼee ayyaana kanaa hin dubbatu. Haa taʼu malee, maddii fi barsiifanni ayyaana Haaloowiinii barumsa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessa.

Mata duree kana keessatti

 Maddaa fi barsiifata Haaloowiinii

  •   Saamheen: Kitaabni The World Book Encyclopedia akka ibsutti Haaloowiiniin, “ayyaana Keeltonni Waaqayyoon hin beekne waggoota 2,000 ol dura ayyaaneffachaa turanidha. Keeltonni ekeraan namoota duʼanii guyyaa kanatti warra lubbuudhaan jiran gidduu akka deddeebiʼan amanu. Yeroo ayyaana Saamheenitti namoonni warra duʼanii wajjin wal arguu dandaʼu.”—mata duree, “ Haaloowiinii jedhamee kan waamame maaliifi?” jedhu ilaali.

  •   Uffata Haaloowiinii, karameellaa fi gocha ijoolleen raawwatan: Maddi tokko akka ibsutti Keeltonni, hafuuronni asii fi achi deeman “isaan keessaa tokko akka taʼan yaaduudhaan isaan biraa darbanii akka deemaniif uffata nama sodaachisu uffatu.” Kaanimmoo hafuurota sana gammachiisuuf wanta miʼaawu isaaniif kennu. a

     Bara akka Awurooppaatti Bara giddu galeessaa jedhamutti luboonni Kaatolikii Awurooppaa barsiifatawwan waaqolii tolfamoo wajjin wal qabatan fudhatan. Akkasumas miseensonni waldaa isaanii uffata adda taʼe uffatanii manaa gara manaa deemuudhaan kennaawwan xixinnoo akka gaafatan godhan.

  •   Ekeraa, bulguu, moortuu: Wantoonni kun baroota dheeraa duraa kaasee hafuurota hamoo wajjin haala wal qabateen caqasamu. Kitaabni Halloween Trivia jedhamu hafuuronni kun “duʼaa fi namoota duʼan ykn sodaa duʼaa wajjin walitti dhufeenya” akka qaban ibsa.

  •   Buqqee Haaloowiinii: Bara akka Biriiteenitti Bara giddu galeessaa jedhamutti namoonni “mana namaa dhaqanii yoo nyaata isaaniif kennan warra duʼaniif kadhannaa akka dhiheessan dubbatu turan.” Namoonni kun “qaysirii keessi isaan uraa taʼee fi dungoon keessaa ifu” baatanii deemu. “Kunimmoo lubbuu ibiddaan qulqulleeffamaa jirtu bakka buʼa.” (Halloween—From Pagan Ritual to Party Night) Maddawwan tokko tokko ibsaawwan kun hafuurota hamoo ariʼuuf gargaaraa akka turan ibsu. Baroota 1800 keessa Ameerikaa Kaabaatti qaysiriin sun buqqeedhaan bakka buufame. Maaliif? Buqqeen baayʼinaan kan argamuu fi uruun, akkasumas boca itti baasuun salphaa waan taʼeefi.

 Haaloowiiniin namoota Waaqayyoon hin beeknerraa dhufuunsaa miidhaa fidu qabaa?

 Eeyyee. Namoonni tokko tokko Haaloowiiniin ayyaana nama bashannansiisu akka taʼetti yoo yaadanis, barsiifanni ayyaanichaa wajjin walqabate barumsa Kitaaba Qulqulluu wajjin kallattiidhaan wal faallessa. Haaloowiiniin barumsa amantii sobaa waaʼee namoota duʼanii fi hafuurota hamoo ykn jinniiwwanii ibsanirratti kan hundaaʼedha.

 Waaqayyo barsiifata Haaloowiinii wajjin walqabataniif ilaalcha akkamii akka qabu hubachuuf caqasoota armaan gadii ilaali:

  •   “Namni eker dubbistuu yookiin raagduu gaafatu yookiin namni warra duʼan gaafatu si gidduutti hin argamin.”—Keessa Deebii 18:11-12.

     Hiikni isaa: Waaqayyo warra duʼanii wajjin wal arguuf carraaqqii akka goonu ykn wanta warra duʼanii wajjin dubbachuuf yaalii gochaa akka jirru argisiisu akka goonu hin barbaadu.

  •   “Warri duʼan . . . homaa hin beekan.”—Lallaba 9:5.

     Hiikni isaa: Warri duʼan waan tokkoyyuu waan hin beekneef namoota lubbuudhaan jiran haasofsiisuu hin dandaʼan.

  •   “Isin jinniiwwanii wajjin qooda akka qabaattan hin barbaadu. Xoofoo Yihowaa fi xoofoo jinniiwwanii keessaa dhuguu hin dandeessan.”—1 Qorontos 10:20, 21.

     Hiikni isaa: Namoonni surraa Waaqayyoo argachuu barbaadan jinniiwwanii wajjin walitti dhufeenya uumuu hin qaban.

  •   “Malawwan haxxummaa Diyaabilos [mormaa dhaabadhaa] . . . sababiin isaas, waldhaansoon keenya . . . humnoota hafuurota hamoo . . . wajjini dha.”—Efesoon 6:11, 12.

     Hiikni isaa: Kiristiyaanonni hafuurota hamoo mormuu qabu malee isaanii wajjin hariiroo uumuu hin qaban.

a Kitaaba Halloween: An American Holiday, an American History, jedhamu fuula 4 ilaali.