Dhimma ijoo ta'etti seeni

Rakkinni Guddaan Maali Dha??

Rakkinni Guddaan Maali Dha??

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Rakkinni guddaan yeroo rakkinni hunda irra caaluu fi ilmaan namootaa irra gaʼee hin beekne itti gaʼu dha. Akka raajiin Kitaaba Qulqulluu ibsutti, rakkinni kun kan gaʼu, “guyyoota dhumaatti” ykn “bara dhumaatti” dha. (2 Ximotewos 3:1; Daaniʼel 12:4, Niiwu Ameerikaan Baayibil) Rakkinni guddaan kun “yeroo rakkinaa jalqaba uumama Waaqayyo uumee jalqabee hanga yeroo sanaatti taʼee hin beeknee fi gara fuulduraattis hin taane ni taʼa.”—Maarqos 13:19; Daaniʼel 12:1; Maatewos 24:21, 22.

Taʼeewwan yeroo rakkina guddaatti raawwataman

  •   Badiisa amantii sobaa. Amantiin sobaa yeroo gabaabaa keessatti balleeffama. (Mulʼata 17:1, 5; 18:9, 10, 21) Humnoonni siyaasaa miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tarkaanfii kana fudhachuudhaan fedha Waaqayyoo raawwatu.—Mulʼata 17:3, 15-18. a

  •   Haleellaa amantii dhugaa irratti banamu. Saboonni gamtaa uumanii fi mulʼata Hisqiʼel keessatti “Goog isa biyya Maagoog” jedhaman kun warra amantii dhugaa hordofan balleessuuf yaalii godhu. Haa taʼu malee, Waaqayyo waaqeffattoota isaa badiisa irraa ni oolcha.—Hisqiʼel 38:1, 2, 9-12, 18-23.

  •   Murtii namoota lafaa irra jiraataniif kennamu. Yesuus ilmaan namootaa hundaaf murtii kennuudhaan, “akkuma tikseen tokko hoolota reʼoota irraa gargar foʼu, namoota gargar foʼa.” (Maatewos 25:31-33) Murtiin kun “obboloota” Yesuus warra isaa wajjin samii irratti bulchan deggeruu fi deggeruu dhiisuu isaanii irratti kan hundaaʼe dha.—Maatewos 25:34-46.

  •   Bulchitoota Mootummichaa walitti qabuu. Namoonni amanamoon Kiristoosii wajjin akka bulchan filataman jireenya isaanii isa lafa irraa xumuranii jireenya samii argachuuf duʼaa kaʼu.—Maatewos 24:31; 1 Qorontos 15:50-53; 1 Tasalonqee 4:15-17.

  •   Armaagedoon. Waraanni kun “waraana guyyaa guddaa isa kan Waaqayyo Hundumaa Dandaʼuu” akkasumas, “guyyaa Yihowaa” jedhameera. (Mulʼata 16:14, 16; Isaayaas 13:9; 2 Pheexiros 3:12) Warri Yesuus isaanitti murteessu ni balleeffamu. (Sefaaniyaa 1:18; 2 Tasalonqee 1:6-10) Kun immoo badiisa guutummaa sirna siyaasaa addunyaa kanaa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti bineensa gaanfa torba qabutti fakkeeffame kan dabalatu taʼa.—Mulʼata 19:19-21.

Taʼeewwan rakkina guddaa booda raawwataman

  •   Seexanaa fi jinniiwwan isaa hidhuu. Maleekaa guddaan tokko Seexanaa fi jinniiwwan isaa “qilee keessatti” jechuunis iddoo akka waan duʼaniitti sochiidhaa ala itti taʼanitti darbata. (Mulʼata 20:1-3) Haalli Seexanni qilee keessa itti turu mana hidhaa wajjin wal fakkaata; dhimmoota bakka kan biraa jiran irratti dhiibbaa gochuu hin dandaʼu.—Mulʼata 20:7.

  •   Bulchiinsi Barkumee ni jalqaba. Mootummaan Waaqayyoo inni waggaa 1000f bulchuu fi ilmaan namootaatiif eebba guddaa fidu ni jalqaba. (Mulʼata 5:9, 10; 20:4, 6) Namoonni “tuuta uummataa guddaa” taʼanii fi lakkoofsi isaanii hammana hin jedhamne Bulchiinsa Barkumee lafa irratti jalqabu ilaaluuf “rakkina guddaa keessaa dhufani” dha.—Mulʼata 7:9, 14; Faarfannaa 37:9-11.

a Kitaaba Mulʼataa keessatti amantiin sobaa Baabilon Guddittii, ishii “gaalamoota guddittii” akka taatetti ibsamteetti. (Mulʼata 17:1, 5) Bineensi diimaan Baabilon Guddittii balleessu jaarmiyaa saboota addunyaa kanaa tokko gochuu fi bakka buʼuuf kaayyoo qabu argisiisa. Jalqaba irratti Waldaa Mootummoota Gamtooman kan jedhame yeroo taʼu amma immoo Mootummoota Gamtooman jedhama.