Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bineensi Diimaan Mulʼata Boqonnaa 17 Irratti Ibsame Maali Dha?

Bineensi Diimaan Mulʼata Boqonnaa 17 Irratti Ibsame Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Bineensi diimaan Mulʼata boqonnaa 17 irratti ibsame, dhaabbata kaayyoon isaa mootummoota addunyaa tokko gochuu fi bakka isaanii buʼu tokko argisiisa. Kanaan dura Waldaa Mootummoota Addunyaa (League of Nations) jedhama ture; yeroo ammaatti immoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jedhama.

Bineensi diimaan kun maal akka argisiisu akkamitti beekna?

  1.   Dhaabbata siyaasaa. Bineensi diimaan kun, “mataawwan torba” qaba; mataawwan kunis “gaarota torbaa” fi “mootota torba” ykn bulchitoota torba akka argisiisan ibsameera. (Mulʼata 17:9, 10) Kitaaba Qulqulluu keessatti, gaaronnii fi bineensonni, mootummoota argisiisuuf itti hojjetameera.—Ermiyaas 51:24, 25; Daaniʼel 2:44, 45; 7:17, 23.

  2.   Sirna siyaasaa addunyaa maraa argisiisa. Bineensi diimaan sun, bineensa mataa torba qabu isa Mulʼata boqonnaa 13 irratti ibsamee fi sirna siyaasaa addunyaa maraa bakka buʼu sana wajjin wal fakkaata. Bineensonni lamaanuu mataa torba, gaanfa kudhanii fi maqaawwan Waaqayyon arrabsan qabu turan. (Mulʼata 13:1; 17:3) Wal fakkeenyi nama ajaaʼibsiisu akkanaa akka tasaa uumamuu hin dandaʼu. Bineensi diimaan kun, sirna siyaasaa addunyaa kan bakka buʼu dha.—Mulʼata 13:15.

  3.   Aangoo isaa kan argate mootummoota kaan irraa ti. Bineensichi diimaan, bulchiinsota kan biraa “keessaa baʼa” ykn isaan irraa argama.—Mulʼata 17:11, 17.

  4.   Amantii wajjin walitti dhufeenya qaba. Baabilon Guddittiin, jechuunis guutummaan amantiiwwan sobaa addunyaa, bineensicha diimaa irra teesseetti; kunis dhaabbileen amantii bineensicha irratti dhiibbaa akka godhan argisiisa.—Mulʼata 17:3-5.

  5.   Waaqayyoon salphisaa jira. Bineensichi ‘maqaawwan Waaqa arrabsaniin guutamee’ jira.—Mulʼata 17:3.

  6.   Yeroo gabaabaadhaaf hin jiraatu. Bineensi diimaa sun yeroodhaaf “qilee” a keessa kan galu, jechuunis sochiidhaa ala kan taʼu taʼus deebiʼee qilee keessaa ni baʼa.—Mulʼata 17:8.

Raajiin Kitaaba Qulqulluu ni raawwatame

 Raajiin Kitaaba Qulqulluu waaʼee bineensicha diimaa dubbatu, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Waldaa Mootummoota Addunyaa isa dura ture irratti akkamitti akka raawwatame ilaali.

  1.   Dhaabbata siyaasaa. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, ‘ol aantummaa Miseensota isaa’ hundaa eegsisuudhaan sirna siyaasaa deggera. b

  2.   Sirna siyaasaa addunyaa maraa bakka buʼa. Bara 2011⁠tti, biyyoonni miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taʼan 193 gaʼeera. Kanaafuu, mootummootaa fi saboota addunyaa keessaa baayʼee isaanii akka bakka buʼu dubbata.

  3.   Aangoo isaa kan argatu mootummoota kan biraa irraa ti. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan argamsiise biyyoota miseensota isaa taʼan waan taʼaniif, humnaa fi aangoo isaa hunda kan argate isaan irraa ti.

  4.   Amantii wajjin walitti dhufeenya qaba. Waldaan Mootummoota Addunyaas taʼe Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, deggersi dhaabbilee amantii addunyaa yoom iyyuu addaan isaan irraa citee hin beeku. c

  5.   Waaqayyoon salphisaa jira. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kan hundeeffame, “addunyaa maratti nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf” ture. d Kaayyoo kana qabatee kaʼuun isaa gaarii kan fakkaatu taʼus, Dhaabbatichi dhugumaan Waaqayyoon salphisaa jira; sababiin isaas wantoota Waaqayyo Mootummaan isaa qofti akka fidu dubbate inni akka raawwatu dubbateera.—Faarfannaa 46:9; Daaniʼel 2:44.

  6.   Yeroo gabaabaadhaaf hin jiraatu. Waldaan Mootummoota Addunyaa kan hundeeffame Waraana Addunyaa isa Tokkoffaan erga xumuramee yeroo muraasa booda ture; kaayyoon isaas nagaa mirkaneessuu kan ture taʼus, waraanawwan addunyaa maratti kaʼan hambisuu hin dandeenye. Waraanni Addunyaa Inni Lammaffaan bara 1939⁠tti yeroo jalqabetti Dhaabbanni kun hojii isaa addaan kutee ture. Waraanni Addunyaa Inni Lammaffaan erga dhaabbatee booda, bara 1945itti, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ni hundeeffame. Kaayyoon, mallii fi caasaan dhaabbata kanaa, kan Waldaa Mootummoota Addunyaa wajjin baayʼee wal fakkaata.

a Galmeen jechootaa Vine’s Expository Dictionary of Old and New Testament Words jedhamu akka jedhutti, jechi Afaan Giriikii “qilee” jedhamee hiikame, “gadi fageenya hin safaramne” argisiisa. King James Version immoo jecha kana, “boolla dhuma hin qabne” jedhee hiika. Kitaaba Qulqulluu keessatti, bakka ykn haala akka mana hidhaa jiruu fi guutummaatti sochiidhaa ala itti taʼan argisiisa.

b Chaartarii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa Mata Duree 2⁠ffaa ilaali.

c Fakkeenyaaf, gumiin Pirootestaantota Ameerikaa hedduu bakka buʼu tokko, Waldaan Mootummoota Addunyaa, “mallattoo dhaabbata siyaasaa lafa irratti Mootummaa Waaqayyoo bakka buʼu” akka taʼe bara 1918⁠tti labsee ture. Bara 1965⁠tti bakka buʼoonni amantaa Budihaa, Kaatolikii, Ortodoksii Bahaa, Hinduu, Musliimaa, Yihudii fi Pirootestaantii, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deggeruu fi isaaf kadhachuuf magaalaa Saan Firaansiiskootti walgaʼanii turan. Kana malees, bara 1979⁠tti, Phaaphaasii Joon Pool Lammaffaan, Dhaabbatichi “waltajjii nagaa fi haqaa isa ol aanaa” taʼuu isaa akka itti fufu abdii akka qaban ibsanii turan.

d Chaartarii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa Mata Duree 1⁠ffaa ilaali.