Mulʼata Yohaannis 16:1-21

  • Saaniiwwan dheekkamsa Waaqayyoo qabatan torban (1-21)

    • Lafa (2), galaana (3), lageenii fi burqaawwan (4-7), aduu (8, 9), teessoo bineensichaa (10, 11), laga Efraaxiis (12-16), akkasumas qilleensa irratti dhangalaasan (17-21)

    • Waraana Waaqayyoo Armaagedoonitti godhamu (14, 16)

16  Sagalee guddaan tokko iddoo qulqulluu+ keessaa maleekota torban sanaan, “Dhaqaa, dheekkamsa Waaqayyoo saaniiwwan torban sana keessa jiru lafa irratti dhangalaasaa”+ yommuu jedhu nan dhagaʼe.  Maleekaan inni jalqabaa dhaqee wanta saanii isaa keessa jiru lafa irratti dhangalaase.+ Namoota mallattoo bineensichaa qabanii+ fi bifa fakkeenyaa isaa waaqeffatan+ irras madaa cimaan+ miidhaa geessisu ni gaʼe.  Maleekaan inni lammaffaan wanta saanii isaa keessa jiru galaana irratti dhangalaase.+ Galaanichis dhiiga akka dhiiga nama duʼee taʼe;+ uumamawwan jiraatoon* hundi, eeyyee, wantoonni galaanicha+ keessa jiran ni duʼan.  Maleekaan inni sadaffaan wanta saanii isaa keessa jiru lageenii fi burqaawwan bishaanii irratti dhangalaase.+ Isaanis dhiiga taʼan.+  Maleekaan inni bishaan irratti aangoo qabus akkana yommuu jedhu nan dhagaʼe: “Ati inni jirtuu fi inni turte,+ inni amanamaa taate,+ murtiiwwan kana waan dabarsiteef ati qajeelaa dha;+  isaan dhiiga qulqullootaa fi raajotaa+ waan dhangalaasaniif, atis akka dhuganiif dhiiga isaaniif kennite;+ kunis kan isaaniif malu dha.”+  Iddoon aarsaa sun yommuu akkana jedhus nan dhagaʼe: “Eeyyee, yaa Waaqa keenya Yihowaa* isa Hundumaa Dandeessuu,+ murtiiwwan* kee dhugaa fi qajeeloo dha.”+  Maleekaan inni arfaffaan wanta saanii isaa keessa jiru aduu irratti dhangalaase;+ aduunis ibiddaan akka namoota waxaltu ishiidhaaf ni heyyamame.  Namoonnis hoʼa cimaadhaan waxalaman; taʼus maqaa Waaqa isa dhaʼichawwan kana irratti aangoo qabu sanaa arrabsan malee, yaada isaanii hin geddaranne, ulfinas isaaf hin kennine. 10  Maleekaan inni shanaffaan wanta saanii isaa keessa jiru teessoo bineensichaa irratti dhangalaase. Mootummaan bineensichaas ni dukkanaaʼe;+ isaanis dhiphina isaanii irraa kan kaʼe arraba isaanii alanfachuu jalqaban; 11  taʼus, isaan dhiphinaa fi madaa isaaniitiin kan kaʼe, Waaqa samii arrabsan malee, hojii isaanii irraa yaada hin geddaranne. 12  Maleekaan inni jaʼaffaan wanta saanii isaa keessa jiru laga guddaa Efraaxis+ irratti dhangalaase; bishaanichis mootota baha biiftuutii dhufaniif karaa banuuf ni goge.+ 13  Jechoonni xuraaʼoon geggeessaa hafuuraatiin dubbataman* sadii, warri raacha fakkaatan, afaan jawwee+ sanaa, afaan bineensichaa fi afaan raajii sobduu sanaa keessaa yommuu baʼan nan arge. 14  Isaan jechoota geggeessaa hafuura jinniiwwaniitiin dubbataman siʼa taʼan, mallattoowwan ni raawwatu;+ isaan gara waraana+ isa guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuutti+ godhamutti walitti isaan qabuuf, gara mootota guutummaa lafaatti baʼu. 15  “Ilaa, ani akka hattuuttan dhufa.+ Qullaa isaa akka hin deemnee fi namoonni qaanii isaa akka hin argineef,+ namni dammaqinaan jiraatuu+ fi uffata isaa eeggatu gammadaa dha.” 16  Isaanis gara bakka Afaan Ibrootaatiin Armaagedoon*+ jedhamutti walitti isaan qaban. 17  Maleekaan inni torbaffaan wanta saanii isaa keessa jiru qilleensa irratti dhangalaase. Yeroo kanatti sagalee guddaan tokko iddoo qulqulluu+ keessaa, teessoo sana irraa, “Raawwatameera!” jedhe. 18  Balaqqeessi bakakkaa, sagaleenii fi kakawween ni taʼe; kirkirri lafaa guddaan erga namoonni lafa irra jiraachuu jalqabanii kaasee matumaa taʼee hin beeknes ni gaʼe;+ kirkirri kun iddoo baayʼee kan waliin gaʼee fi akka malee guddaa ture. 19  Magaalaa guddittiin+ iddoo sadiitti gargar qoqqoodamte; magaalonni sabootaas ni kufan; Waaqayyo xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa isaa+ isa guddaa ishiidhaaf kennuuf Baabilon Guddittii+ ni yaadate. 20  Akkasumas, odolawwan hundi ni baqatan, gaaronnis hin argamne.+ 21  Achiis cabbii guguddaan tokkoon tokkoon isaa gara taalaantii tokkoo* ulfaatu samii irraa namoota irratti gad buʼe;+ dhaʼichi cabbii sun akka malee guddaa waan tureef, namoonni dhaʼicha cabbii+ sanaan kan kaʼe Waaqayyoon arrabsan.

Miiljaleewwan

Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “heerawwan.”
Kal., “Hafuuronni xuraaʼoon.”
Afaan Giriikiitiin Har Maagedoon, jecha Afaan Ibrootaa, “Gaara Magidoo” jedhu irraa kan dhufe dha.
Taalaantiin Giriikii tokko 20.4 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.