Dhimma ijoo ta'etti seeni

Baabilon Guddittiin Eenyu Dha?

Baabilon Guddittiin Eenyu Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Baabilon Guddittiin kitaaba Mulʼataa keessatti caqasamte, walumaa galatti dhaabbilee amantii sobaa addunyaa maraa Waaqayyo duratti fudhatama hin qabne argisiisti. a (Mulʼata 14:8; 17:5; 18:21) Dhaabbileen amantii kun hamma tokko adda adda taʼanis, hundi isaanii iyyuu namoonni waaqeffannaa Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe irraa akka fagaatan godhaniiru.—Keessa Deebii 4:35.

Karaa itti Baabilon Guddittii adda baasanii beekuun dandaʼamu

  1.   Baabilon Guddittiin fakkeenyaan kan ibsamte dha. Kitaabni Qulqulluun “dubartii” fi “gaalamoota guddittii” maqaa “iccitii” “Baabilon Guddittii” jedhu qabdu akka taate ibsa. (Mulʼata 17:1, 3, 5) Kitaabni Mulʼataa wantoota “mallattoodhaan” ibsaman hedduu waan qabuuf, Baabilon Guddittiin fakkeenyaan kan ibsamte malee, kallattiidhaan dubartii tokko kan argisiistu akka hin taane ifa dha. (Mulʼata 1:1) Kana malees, ishiin ‘bishaanota hedduu irra teesseetti’; bishaanonni kunis “gosoota, uummata hedduu, sabootaa fi qooqawwan” akka argisiisan ibsu. (Mulʼata 17:1, 15) Kun immoo wanta dubartiin tokko gochuu dandeessu akka hin taane beekamaa dha.

  2.   Baabilon Guddittiin dhaabbata addunyaa maratti argamu kan argisiistu dha. Ishiin “Magaalaa guddittii ishii mootota lafaa irratti mootummaa qabdu” jedhamtee waamamteetti. (Mulʼata 17:18) Kanaaf ishiin addunyaa maratti kan argamtuu fi dhiibbaa kan geessistu dha.

  3.   Baabilon Guddittiin dhaabbilee amantiiti malee, dhaabbata siyaasaa ykn dhaabbata daldalaa kan argisiistu miti. Baabilon ishii durii magaalaa waaqeffannaa sobaatiin kan guutamte siʼa taʼu, gochawwan hafuurota xuraaʼoo ‘nama dawweessuu fi qoricha namatti gochuudhaan’ beekamti turte. (Isaayaas 47:1, 12, 13; Ermiyaas 50:1, 2, 38) Amantiin sobaa, Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe mormuudhaan beekamu ishii keessatti raawwatamaa ture. (Uumama 10:8, 9; 11:2-4, 8) Mootonni Baabilon of tuuluudhaan Yihowaa fi waaqeffannaa isaa isaatiif tuffii akka qaban argisiisaniiru. (Isaayaas 14:4, 13, 14; Daaniʼel 5:2-4, 23) Haaluma wal fakkaatuun, Baabilon Guddittiin “gocha hafuurota hamoo” raawwattuun beekamti. Kunis ishiin dhaabbata amantii akka taate kan argisiisu dha.—Mulʼata 18:23.

     Baabilon Guddittiin dhaabbata siyaasa kan argisiistu miti; sababiin isaas yommuu ishiin balleeffamtetti “mootonni lafaa” akka ishiidhaaf gaddan ibsameera. (Mulʼata 17:1, 2; 18:9) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun ‘daldaltoota lafaa’ irra adda taʼuu ishii waan ibsuuf, dhaabbata daldalaa kan argisiistu miti.—Mulʼata 18:11, 15.

  4. Siidaa Naabooniidas isa mootii Baabilon taʼe waaqolii sadan Siin, Ishtaarii fi Shaamaash jedhamanii wajjin

      Baabilon Guddittiidhaaf maqaan amantii sobaa jedhu kennamuun isaa kan ishiidhaaf malu dha. Amantiin sobaa namoonni Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼetti akkamitti akka dhihaatan barsiisuu mannaa, waaqolii kan biroo akka waaqeffatan isaan taasisu. Kitaabni Qulqulluun gocha kana “ejja hafuuraa, NW” jedhee waama. (Lewwoota 20:6; Baʼuu 34:15, 16) Barumsawwan amantii akka Sillaasee fi lubbuun hin dutuu jedhan, akkasumas bifawwan fakkeenyaa waaqeffannaaf fayyadamuun wantoota Baabilon ishii durii keessatti raawwatamaa turan siʼa taʼan, ammas amantii sobaa keessatti babalʼachuu isaanii itti fufaniiru. Kana malees, dhaabbileen amantii kun waaqeffanna isaanii fi jaalala addunyaa wal faana deemsisuuf yaalu. Kitaabni Qulqulluun gantummaa akkasii ejja hafuuraa akka argisiisu ibsa.—Yaaqoob 4:4.

     Kitaaba Qulqulluu keessatti Baabilon Guddittiin “uffata dhiilgee fi diimaa dhiiga fakkaatu” akka uffatte, akkasumas “warqii, dhagaa gatii guddaa qabuu fi calleedhaan” akka miidhagfamte dubbata; kunis qabeenyi amantiin sobaa qabduu fi qabeenya kana argisiifachuuf yaalii akka gootu akka gaariitti ibsa. (Mulʼata 17:4) Baabilon Guddittiin madda “wantoota jibbisiisoo lafa irraa” ykn madda barumsawwanii fi gochawwan Waaqayyoon salphisanii ti. (Mulʼata 17:5) Miseensonni amantii sobaa hundi, “gosoota, uummata hedduu, sabootaa fi qooqawwan” Baabilon Guddittii deggerani dha.—Mulʼata 17:15.

 Baabilon Guddittiin “warra lafa irratti gorraʼaman hundumaa” waan ajjeesteef itti gaafatamti. (Mulʼata 18:24) Baroota darban hundatti, amantiin sobaa waraana waan kakaastee fi shororkeessitummaa waan itti caalchisteef qofa utuu hin taʼin, waaʼee Yihowaa isa Waaqa jaalalaa taʼe dhugaa isaa namoota hin barsiisne. (1 Yohaannis 4:8) Kun immoo dhiigni hedduun akka dhangalaʼu godheera. Kanaaf, namoonni Waaqayyoon gammachiisuu barbaadan, amantii sobaa irraa adda baʼuudhaan ajaja “ishii keessaa baʼaa” jedhu raawwachuuf sababii gaʼaa qabu.—Mulʼata 18:4; 2 Qorontos 6:14-17.