Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gaaʼela Utuu hin Dhaabbatin Waliin Jiraachuu Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Gaaʼela Utuu hin Dhaabbatin Waliin Jiraachuu Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun “halalummaa irraa fagaadhaa” jechuudhaan fedhii Waaqayyo namootaaf qabu ibsa. (1 Tasalonqee 4:3) Jechi “halalummaa” jedhu akka Kitaaba Qulqulluutti ejja, saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamuu fi saalqunnamtii dhiiraa fi dubartii gaaʼela hin dhaabbanne gidduutti raawwatamu kan dabalatu dha.

 Dhiirri tokkoo fi dubartiin tokko gaaʼela dhaabbachuu fi dhiisuun isaanii Waaqayyo duratti jijjiirama kan fidu maaliifi?

  •   Gaaʼelli qophii Waaqayyo biraa argame dha. Waaqayyo gaaʼela kan hundeesse yommuu ilmaan namootaa warra jalqabaa walitti fidetti ture. (Uumama 2:22-24) Dhiiraa fi dubartiin waadaa gaaʼelaa utuu hin galin akka waliin jiraatan fedhii isaa hin turre.

  •   Waaqayyo wanta ilmaan namootaatiif caalaatti gaarii taʼe beeka. Waaqayyo gaaʼela kan hundeesse dhiira tokkoo fi durba tokko gidduutti hariiroon dhaabbataa taʼe akka jiraatuuf yeroo taʼu, miseensota maatii hundaaf faayidaa fi eegumsa argamsiisa. Mee fakkeenya salphaa taʼe tokko haa ilaallu. Akkuma qajeelfamni abbaa warshaa miini tokko akkamitti akka sirriitti walitti galu argisiisu, qajeelfamni Waaqayyoos maatii wajjin hariiroo gaarii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nutti hima. Ulaagaaleen Waaqayyoo yeroo hundumaa warra isaan hordofaniif faayidaa argamsiisu.—Isaayyaas 48:17, 18.

    Qajeelfamni abbaa warshaa miini mana akkamitti akka sirriitti waliiti galu argisiisa. Qajeelfamni Waaqayyoos maatiin milkaaʼina qabaachuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe nutti hima.

  •   Saalqunnamtiin gaaʼelaan alatti raawwatamu miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, utuu hin barbaadin ulfaaʼuu, dhukkuboota saalqunnamtiitiin daddarbaniin qabamuu fi miirri keenya akka jeeqamu gochuu dandaʼa.

  •   Waaqayyo karaa saalqunnamtii dhiiraa fi dubartiidhaaf dandeettii wal horuu kenneera. Waaqayyo jireenya akka qulqulluutti ilaala; dandeettiin wal horuus kennaa dinqisiisaa dha. Waaqayyo qophii gaaʼelaaf godheef ulfina kennuudhaan, kennaa kana akka kabajnu barbaada.—Ibroota 13:4.

 Utuu gaaʼela hin dhaabbatin waliif taʼuu isaanii beekuuf waliin jiraachuu ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama?

 Gaaʼela keessatti milkaaʼina qabaachuuf jecha, waadaa gaaʼelaa utuu hin galin dursanii waliin jiraachuun barbaachisaa miti. Kanaa mannaa, hariiroon isaanii kan guddatu yommuu lamaan isaanii amanamoo waliif taʼanii fi rakkina furuuf waliin hojjetani dha. a Gaaʼelli waadaa waliif galtan kan jabeessu dha.—Maatewos 19:6.

 Hiriyoonni gaaʼelaa, gaaʼela isaanii cimsachuu kan dandaʼan akkamitti?

 Gaaʼelli mudaa hin qabne hin jiru. Taʼus, hiriyoonni gaaʼelaa gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuudhaan gaaʼela milkaaʼina qabu qabaachuu dandaʼu. Fakkeenyonni muraasni armaan gaditti ibsamaniiru:

a Mata duree “Kakuu Gaaʼelaa Kabajuu” jedhuu fi Dammaqaa!, Lakk. 2 2018 irra jiru ilaali.