Miilkiyaas 2:1-17

  • Luboonni sabicha barsiisuu dhiisan (1-9)

    • Lubichi afaan isaa irraa beekumsa qabaachuu qaba (7)

  • Jalʼinaan hiriyaa gaaʼelaa waan hiikaniif yakkamtoota taʼan (10-17)

    • “Ani wal hiikuu nan jibba” jedha Yihowaan (16)

2  “Yaa luboota nana, ajajni kun isiniif kenname.+  Isin yoo na dhagaʼuu diddan, maqaa kootiif ulfina kennuufis garaa keessanitti yoo isa qabachuu baattan, ani abaarsicha isinitti nan erga;+ eebba keessanis abaarsatti nan jijjiira.+ Eeyyee, isin garaa keessanitti waan isa hin qabanneef, ani eebba keessan abaarsatti jijjiireera” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.  “Kunoo, ani isiniin kan kaʼe, sanyii keessan isa facaafame nan balleessa;*+ fuula keessan irratti faltii, eeyyee, faltii ayyaanota keessanii nan facaasa; isinis isaa* wajjin ni gatamtu.  Achiis isin ajaja kana kanan isiniif kenne kakuun ani Leewwii wajjin gale akka itti fufuuf taʼuu isaa ni hubattu”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.  “Kakuun ani isaa wajjin gale kakuu jireenyaa fi kakuu nagaa ti; kana kanan isaaf kennes akka inni na sodaatuufi.* Inni na sodaateera, eeyyee, maqaa kootiif ulfina guddaa kenna ture.  Seerri* dhugaa afaan isaa keessa ture;+ jalʼinnis afaan isaa irratti hin argamne. Inni nagaa fi qajeelummaadhaan naa wajjin deddeebiʼeera;+ namoota hedduus dogoggora irraa deebiseera.  Lubichi yeroo hundumaa afaan isaa irraa beekumsa qabaachuu qaba; namoonnis seera* afaan isaa keessaa baʼu barbaaduu qabu;+ sababiin isaas, inni ergamaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.  “Isin garuu daandicha irraa jalʼattaniittu. Seerichaa wajjin haala wal qabateen* namoota hedduu gufachiistaniittu.+ Isin kakuu Leewwii balleessitaniittu”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.  “Kanaafuu, ani namoota hundumaa duratti kan tuffatamtanii fi kan gad qabamtan akka taatan nan godha; sababiin isaas, isin daandiiwwan koo hin eegne; kanaa mannaa seericha raawwachuu irratti loogdaniittu.”+ 10  “Hundi keenya iyyuu abbaa tokko qabna mitii?+ Kan nu uumes Waaqa tokkicha mitii? Maarree, kakuu abbootii keenyaa xureessuudhaan maaliif gocha gantummaa wal irratti raawwanna?+ 11  Yihudaan gocha gantummaa raawwateera; Israaʼelii fi Yerusaalem keessattis wanti jibbisiisaan raawwatameera; sababiin isaas, Yihudaan qulqullummaa* Yihowaa isa inni jaallatu sana xureesseera;+ intala waaqa biyya ormaas fudheera.+ 12  Inni eenyu iyyuu yoo taʼe, Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif kennaa aarsaa taʼu kan dhiheessu yoo taʼe illee, Yihowaan nama akkana godhu kam iyyuu dunkaanota Yaaqoob keessaa ni balleessa.”+ 13  “Wanti isin gootan kan biraanis* jira; innis iddoon aarsaa Yihowaa imimmaan, booʼichaa fi aaduudhaan akka guutamu kan godhu dha; kanaan kan kaʼes inni kennaa aarsaa keessaniitiif xiyyeeffannaa hin kennu yookiin wanti isin fiddan kam iyyuu isa duratti fudhatama hin argatu.+ 14  Isinis, ‘Maaliif?’ jettu. Sababiin isaas, Yihowaan sii fi haadha manaa ijoollummaa kee gidduutti ragaa baatuu dha; ishiin michuu kee fi haadha manaa kee ishii kakuu galteef* taatus ati ishii ganteetta.+ 15  Haa taʼu malee, akkana kan hin goone tokko jira; sababiin isaas, inni hamma tokko hafuuricha qaba. Inni maal barbaada ture? Sanyii Waaqayyoo barbaada ture. Kanaafuu, hafuura keessan eeggadhaa; haadha manaa ijoollummaa keessanii hin ganinaa. 16  Sababiin isaas, ani wal hiikuu nan jibba”*+ jedha Yihowaan Waaqni Israaʼel; “nama jalʼinaan uffata isaa faalus* nan jibba” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. “Hafuura keessan eeggadhaa; gantummaas hin raawwatinaa.+ 17  “Isin dubbii keessaniin Yihowaa nuffisiistaniittu.+ Isin garuu, ‘Akkamitti isa nuffisiisne?’ jettu. ‘Namni wanta hamaa raawwatu kam iyyuu ija Yihowaa duratti gaarii dha; inni isatti ni gammada’+ yookiin ‘Waaqni haqaa meerre?’ jechuudhaani.”

Miiljaleewwan

Kal., “ifadha.”
Jechuunis, faltii horii aarsaa taʼee dhihaatuu.
Ykn., “kabajuufi.”
Ykn., “Barumsi.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn tarii, “Barumsa keessaniin.”
Ykn tarii, “iddoo qulqulluu.”
Kal., “lammaffaanis.”
Ykn., “seeraan fuute.”
Kal., “inni wal hiikuu ni jibba.”
Ykn., “nama jalʼina raawwatus.”