Dhimma ijoo ta'etti seeni

Balaawwan Uumamaa Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Balaawwan Uumamaa Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Waaqayyo balaawwan uumamaa yeroo harʼaatti gaʼan fiduu baatus, waaʼeen namoota balaawwan kanaan miidhamanii garuu isa yaaddessa. Balaawwan uumamaa wantoota rakkinaaf sababa taʼanii fi Mootummaan Waaqayyoo balleessu keessaa isa tokko dha. Hammasitti garuu, Waaqayyo namoota balaawwan uumamaatiin miidhaman ni jajjabeessa.—2 Qorontos 1:3.

 Balaawwan uumamaa adaba Waaqayyoo akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

 Kitaabni Qulqulluun akka argisiisutti karaan Waaqayyo humnoota uumamaatti fayyadamu balaawwan uumamaa irraa adda dha.

  •   Balaawwan uumamaa namoota utuu adda hin baasin ajjeesu akkasumas miidhu. Faallaa kanaatiin Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffametti Waaqayyo humnoota uumamaatti fayyadamee tarkaanfii murtii kan fudhatu namoota filatee ti. Fakkeenyaaf, Waaqayyo magaalota durii Sodoomii fi Gomoraa yeroo balleessetti Loox isa nama gaarii turee fi ijoollee durbaa isaa lamaan oolcheera. (Uumama 19:29, 30) Waaqayyo garaa namoota yeroo sanatti turanii ilaaluudhaan namoota hamoo taʼan qofa balleesse.—Uumama 18:23-32; 1 Saamuʼel 16:7.

  •   Yeroo baayʼee balaawwan uumamaa akeekkachiisa xinnoo kennanii ykn utuu hin kennin gaʼu. Gama biraatiin immoo Waaqayyo humnoota uumamaatti fayyadamee namoota hamoo balleessuu isaa dura akeekkachiisa ni kenna. Namoonni akeekkachiisa kana hojii irra oolchan balaa sana irraa ooluuf carraa argatu.—Uumama 7:1-5; Maatewos 24:38, 39.

  •   Namoonni balaawwan uumamaatiif hamma tokko gumaacha ni godhu. Akkamitti? Uumama irratti miidhaa geessisuudhaan, akkasumas naannoo kirkira lafaa, lolaa fi qilleensa cimaadhaaf nama saaxilutti mana ijaaruudhaan kana gochuu dandaʼu. (Mulʼata 11:18) Filannoo namoonni godhan akkasiitiif Waaqayyo hin komatamu.—Fakkeenya 19:3.

 Balaawwan uumamaa mallattoo guyyoota dhumaa keessa akka jirru argisiisudhaa?

 Eeyyee, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu ‘dhuma sirna kanaatti’ ykn “guyyoota dhumaatti” balaawwan uumamaa akka jiran dubbatu. (Maatewos 24:3; 2 Ximotewos 3:1) Fakkeenyaaf, Yesuus bara keenya ilaalchisee, “Hanqinni nyaataa, akkasumas bakka garaa garaatti kirkirri lafaa ni taʼa” jedheera. (Maatewos 24:7) Waaqayyo dhiheenyatti balaawwan uumamaa dabalatee wantoota dhiphinaa fi rakkinaaf sababa taʼan hunda lafa irraa ni balleessa.—Mulʼata 21:3, 4.

 Waaqayyo namoota balaa uumamaatiin miidhaman kan gargaaru akkamitti?

  •   Waaqayyo namoota balaa uumamaatiin miidhaman Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee jajjabeessa. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo akka nuuf yaaduu fi yommuu rakkannu gaddi akka itti dhagaʼamu nuuf mirkaneessa. (Isaayaas 63:9; 1 Pheexiros 5:6, 7) Kana malees yeroo balaawwan uumamaa hin jiraanne akka dhufu abdii kenna.—“ Caqasoota Kitaaba Qulqulluu namoota balaawwan uumamaatiin miidhaman jajjabeessan” kan jedhu ilaali.

  •   Waaqayyo waaqeffattoota isaatti fayyadamee namoota balaa uumamaatiin miidhaman gargaara. Waaqayyo fakkeenya Yesuus akka hordofan waaqeffattoota isaa lafa irra jiranitti fayyadama. Yesuus ‘warra garaan isaanii cabee’ fi “warra gaddan” akka jajjabeessu raajiidhaan dubbatameera. (Isaayaas 61:1, 2) Warri Waaqayyo waaqeffatanis akkuma isaa gochuuf carraaqu.—Yohaannis 13:15.

     Waaqayyo namoota balaa uumamaatiin miidhamaniif gargaarsa qabatamaa gochuufis waaqeffattoota isaatti ni fayyadama.—Hojii Ergamootaa 11:28-30; Galaatiyaa 6:10.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Porto Riikoo keessatti namoota balaa obomboleettiitiin miidhamaniif gargaarsa qabatamaa gochaa jiru.

 Kitaabni Qulqulluun balaa uumamaatiif akka qophoofnu nu gargaaruu dandaʼaa?

 Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun kan barreeffame balaawwan uumamaatiif akka qophoofnu nu gargaaruuf taʼuu baatus, dhugaawwan buʼuuraa nu gargaaruu dandaʼan qabateera. Fakkeenyaaf:

  •   Balaawwan gara fuulduraatti gaʼuu dandaʼaniif dursaa karoorfadhaa. Kitaabni Qulqulluun, “Namni hubataan wanta hamaa in arga jalaas in dhokata” jedha. (Fakkeenya 22:3) Balaawwan akka tasaatiif dursanii karoorfachuun ogummaa dha. Karoorri kunis saanduqa yeroo balaan tasaa uumamu miʼa barbaachisaa itti qabannee baanu qopheessuu fi balaan yoo gaʼe eessatti akka wal argitan maatiidhaan taatanii shaakaluu dabalata.

  •   Qabeenya caalaa jireenyaaf iddoo guddaa kennaa. Kitaabni Qulqulluun “Gara addunyaatti homaa fidnee hin dhufne; achi keessaas homaa fudhannee deemuu hin dandeenyu” jedha. (1 Ximotewos 6:7, 8) Balaa jalaa baʼuuf mana keenyaa fi qabeenya keenya dhiisnee deemuuf fedhii qabaachuu qabna. Jireenyi keenya wanta kam iyyuu caalaa iddoo guddaa kan qabu taʼuu isaa yaadachuu qabna.—Maatewos 6:25.