Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Isaayaas 26:3—‘Warra Sitti Amanamaniif Nagaa Wal Irraa Hin Cinne Kennita’

Isaayaas 26:3—‘Warra Sitti Amanamaniif Nagaa Wal Irraa Hin Cinne Kennita’

 “Ati warra guutummaatti sitti hirkatan ni eegda; isaan waan sitti amanamaniif, nagaa wal irraa hin cinne isaaniif ni kennita.”—Isaayaas 26:3, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Isa garaan isaa cimsee si amanatu, sababii inni sitti of kennatuuf ati nagaa guutuudhaan in eegda.”—Isaayaas 26:3, hiika bara 1997.

Hiika Isaayaas 26:3

 Isaayaas raajichi jechoota nama jajjabeessan kanaan Waaqayyo namoota guutummaatti isatti amanaman akka eegu ibseera. Waaqayyo namoota akkanaa tasgabbii fi nagaan akka isaanitti dhagaʼamu gochuudhaan isaan gargaara.

 “Ati warra guutummaatti sitti hirkatan ni eegda.” Kutaan caqasichaa kun warra yeroo hunda guutummaatti Yihowaatti a amanamuuf murteessan argisiisa. Warri Waaqayyotti amanaman isatti of gatuun isaanii barbaachisaa akka taʼe hubachuu qabu. Fakkeenyaaf murtoo guddaa yommuu godhanitti yaada isaaniitti hirkachuu hin qaban. Kanaa mannaa, wanta godhan hunda irratti yaada Waaqayyoo xiyyeeffannaa keessa galchu. (Fakkeenya 3:5, 6) Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe hubannaadhaan dubbisuu fi wanta dubbisan irratti gad fageenyaan yaaduudhaan ilaalcha inni dhimmichaaf qabu hubatu. (Faarfannaa 1:2; 119:15) Haalawwan rakkisaa taʼan yeroo isaan mudatanitti Yihowaan akka isaan gargaaru kadhannaa garaa irraa madde dhiheessu. (Faarfannaa 37:5; 55:22) Kana gochuudhaan Waaqayyotti akka amanaman kan argisiisan yommuu taʼu innis nagaa isaaniif kenna.

 “Nagaa wal irraa hin cinne isaaniif ni kennita.” Jechi afaan Ibrootaa “nagaa” jedhu dhimma kana cimsuuf siʼa lama caqasameera; kanaafuu jechi kun “nagaa itti fufiinsa qabu,” “nagaa mudaa hin qabne” ykn “nagaa guutuu” jedhamee hiikamuu dandaʼa. Karaa garabiraa namoonni guutummaatti Yihowaatti amanaman haala akkamiiyyu yoo isaan mudate nagaafi tasgabbii keessaatu isaanitti dhagaʼama. (Faarfannaa 112:7; 119:165) Nagaan kun Yihowaa wajjin dhuunfaadhaan hariiroo cimaa qabaachuu fi wanta isa duratti sirrii taʼe raawwachuuf carraaqqii gochuudhaan argama.—Fakkeenya 3:32; Isaayaas 48:18.

 “Nagaa wal irraa hin cinne” jechuun garuu Waaqayyo tajaajiltoonni isaa rakkinni tokko utuu isaan hin mudatin dhiphina malee akka jiraatan isaan gargaara jechuu miti. (1 Saamuʼel 1:6, 7; Iyoob 6:1, 2; Faarfannaa 31:9) Kanaa mannaa, rakkoowwan isaan mudatan akka dandaʼan isaan gargaara. (Isaayaas 41:10, 13) Waaqayyo ogummaa, ciminaa fi jajjabina isaaniif kennuudhaan kadhannaa isaaniitiif deebii kenna. (Faarfannaa 94:19; Fakkeenya 2:6; Isaayaas 40:29) Kanaan kan kaʼes haalawwan rakkisaa taʼan keessatti illee tasgabbii qabaatani itti fufu.—Filiphisiyus 4:6, 7.

Yaada naannoo Isaayaas 26:3​tti argamu

 Isaayaas raajichi Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaa keessa kan jiraatedha. Yeroo sanaafi waggoota sana booda turanitti namoonni hedduun Yihudaa keessa jiraatan amanamummaadhaan Yihowaa hin waaqeffanne turan. Sababa kanaan, Yihowaan Yerusaalem magaalaa guddittiin isaanii Dh.K.D. bara 607​tti akka baddu heyyame.

 Haa taʼu malee, Yerusaalem baduu ishii waggaa dhibba tokkoo ol dura, Isaayaas Yihowaa ilaalchisee faarfannaa galataa boqonnaa 26 irra jiru barreesseera. (Isaayaas 26:1-6) Faarfannaan kun yeroo gara fuulduraa magaalaan Yihudaa keessa jirtu tokko Yerusaalem taʼuu dandeessi, deebitee akka ijaaramtu argisiisa.

 Yerusaalem Dh.K.D. bara 537​tti deebitee haareffamte. Yihudoonni amanamoon Yerusaalemitti deebiʼan tasgabbiin isaanitti dhagaʼamuu akkasumas: “Magaalaa cimtuu qabna” jechuu dandaʼu. (Isaayaas 26:1) Haa taʼu malee, magaalatii cimaa kan kan godhe dallaawwan magaalattii hin turre. Taʼus nageenyi magaalattii eebbaa fi eegumsa Yihowaa irratti kan hundaaʼedha.—Isaayaas 26:2.

 Yeroo harʼaas haaluma wal fakkaatuun, namoonni guutummaatti Yihowaatti amanaman “Qarsaa” ykn bakka kooluu itti galan godhanii waan isa ilaalaniif tasgabbiitu isaanitti dhagaʼama.—Isaayaas 26:4.

 Viidiyoo qabiyyee kitaaba Isaayaas gabaabsee ibsu kana daawwadhu.

a Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu?” jedhu ilaali