Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Fakkeenya 6—“Hubannaa Ofii Keetiitti Hin Hirkatin!”

Fakkeenya 6—“Hubannaa Ofii Keetiitti Hin Hirkatin!”

 “Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami, hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin. Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi, innis daandii kee wal siif qixxeessa.”—Fakkeenya 3:5, 6, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.”—Fakkeenya 3:5, 6, Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1997.

Hiika Fakkeenya 3:5, 6

 Murtoowwan barbaachisoo taʼan yeroo goonutti ofitti amanamuu mannaa qajeelfamoota Yihowaa a argachuuf carraaqqii gochuu qabna.

 “Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami.” Wanta hundumaa karaa Waaqayyo barbaaduun kan raawwannu taanaan akka isatti amanamnu argisiisna. Garaa keenya guutudhaan Waaqayyotti amanamuu qabna. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi ‘garaa’ jedhu yeroo baayʼee waaʼee keessa namummaa nama tokkoo kan argisiisu dha; kunis miira, fedhii, yaadaa fi ilaalcha nama tokkoo kan dabalatu dha. Kanaafuu, garaa keenya guutuudhaan Waaqayyotti amanamuun akkasumaan miira qofa qabaachuu kan argisiisu miti. Garaa guutuudhaan Uumaa keenyatti kan amanamnu inni wanta gaarii nuuf taʼe akka beeku mirkanaaʼoo waan taaneefi dha.—Roomaa 12:1.

 “Hubannaa ofii [keetiitti] hin hirkatin.” Cubbamoota waan taaneef yaada mataa keenyaatti hirkachuu waan hin dandeenyeef Waaqayyotti amanamuun nu barbaachisa. Guutummaatti ofitti amanamuudhaan ykn miiraan geggeeffamnee murtoo taʼe tokko kan murteessinu yoo taʼe, murtoon keenya kun jalqaba irratti gaarii fakkaatee nutti mulʼatus yeroo booda buʼaa gaarii hin taane argamsiisuu dandaʼa. (Fakkeenya 14:12; Ermiyaas 17:9) Ogummaan Waaqayyoo ogummaa keenya irra baayʼee kan caalu dha. (Isaayyaas 55:8, 9) Jireenya keenya karaa ilaalcha Waaqayyoo wajjin wal simuun kan geggeessinu taanaan milkaaʼoo taana.— Faarfannaa 1:1-3; Fakkeenya 2:6-9; 16:20.

 “Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi.” Sochiiwwan jireenya keenya keessatti goonu hundaan, akkasumas murtoowwan gurguddoo goonu irratti ilaalcha Waaqayyoo tilmaama keessa galchuu qabna. Qajeelfama argachuuf kadhannaa isatti dhiheessuu fi gorsa isaa isa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru hojii irra oolchuudhaan kan gochuu dandeenya.—Faarfannaa 25:4; 2 Ximotewos 3:16, 17.

 “Innis daandii kee wal siif qixxeessa.” Waaqayyo ulaagaalee qajeelinaa isaa wajjin wal simuun akka jiraannu nu gargaaruudhaan daandii keenya wal nuuf qixxeessa. (Fakkeenya 11:5) Kun immoo rakkina barbaachisaa hin taane keessa galuu irraa fagaachuu fi jireenya gammachuu qabu jiraachuuf nu gargaara.—Faarfannaa 19:7, 8; Isaayyaas 48:17, 18.

Yaada naannoo Fakkeenya 3:5, 6⁠tti argamu

 Kitaabni Fakkeenyaa qajeelfamoota buʼuuraa Waaqayyoo duratti jireenya gammachiisaa fi milkaaʼina qabu jiraachuuf nu gargaaru qabateera. Boqonnaawwan salgan jalqabaa akkaataa abbaan tokko mucaa isaa jaallatuuf gorsa itti kennuun barreeffame. Boqonnaan 3 namoonni ogummaa Uumaa isaaniitiif bakka guddaa kennanii fi hojii irra oolchan faayidaa isaan argatan akka gaariitti ibsa.—Fakkeenya 3:13-26.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti.—Faarfannaa 83:18.