Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Ibroota 4:12—“Dubbiin Waaqayyoo Jiraataa Dha, Humna Hojjetus Of Keessaa Qaba”

Ibroota 4:12—“Dubbiin Waaqayyoo Jiraataa Dha, Humna Hojjetus Of Keessaa Qaba”

 “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha; goraadee karaa lamaan qara qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka hamma gargar baasutti illee waraanee seena; yaadaa fi kaayyoo garaa namaas hubachuu dandaʼa.”—Ibroota 4:12, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda’a.”—Ibroota 4:12, Hiika Bara 1997.

Hiika Ibroota 4:12

 Ergaan Waaqayyoo ilmaan namootaatiif ergee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffame, yaadaa fi kakaʼumsa keenya isa dhugaa mulʼisuuf humna qaba. Ergaan kun jireenya namootaas jijjiiruu ni dandaʼa.

 “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa [dha].” Yaanni “dubbiin Waaqayyoo” jedhu abdii Waaqayyo kenne ykn kaayyoo isaa isa Kitaaba Qulqulluu a keessatti ibsame argisiisa. Kaayyoo isaa keessaa inni guddaan immoo, ilmaan namootaa ajajamoo taʼan nagaa fi tokkummaa dhugaa qabaatanii lafa irra bara baraaf akka jiraatanidha.—Uumama 1:28; Faarfannaa 37:29; Mulʼata 21:3, 4.

 Dubbiin Waaqayyoo ykn kaayyoon isaa “jiraataa” taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Tokkoffaa, garaa namoota dubbii kana fudhatan keessatti jijjiirama guddaa fida, abdii akka qabaatanii fi jireenya kaayyoo qabu akka jiraatan taasisa. (Keessa Deebii 30:14; 32:47) Waaqayyo inni jiraataan, abdii kenne guutummaatti raawwachuuf hojjechaa waan jiruuf waadaan inni gales ‘jiraataadha.’ (Yohaannis 5:17) Inni akka ilmaan namootaa miti; abdii kenne hin irraanfatu ykn raawwachuu akka hin dandeenye yeroo booda hin hubatu. (Lakkoofsa 23:19) Dubbiin isaa “akkanumaan gara [isaatti] hin deebiʼu.”—Isaayyaas 55:10, 11.

 “Dubbiin Waaqayyoo . . . humna qabeessa dha.” Yaanni “humna qabeessa” jedhu “humna hojjetu” ykn “wanta [dubbichi] raawwachuu barbaadu kam iyyuu kan raawwatu” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Kanaafuu, wanti Waaqni keenya Yihowaan b dubbate ykn abdii kenne kam iyyuu dhugumaan ni raawwatama. (Faarfannaa 135:6; Isaayyaas 46:10) Waaqayyo abdii kenne karaa nuyi matumaa hin eegneen illee raawwachuu ni dandaʼa.—Efesoon 3:20. c

 Kana malees, dubbiin Waaqayyoo namoota jireenyaa fi amala isaanii akka jijjiiru amananii tarkaanfii fudhatan waan gargaaruuf “humna qabeessa dha.” Barumsi Waaqayyoo yaada, akkaataa jireenyaa fi galma isaanii irratti dhiibbaa waan godhuuf kutaa jireenya isaanii taʼa. (Roomaa 12:2; Efesoon 4:24) Haala kanaan, namoota akka dubbii Waaqayyootti fudhataniif, ‘Dubbiin Waaqayyoo isaan keessatti hojjechaa jira’ jedhamuu dandaʼa.—1 Tasalonqee 2:13.

 “Dubbiin Waaqayyoo . . . goraadee karaa lamaan qara qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha.” Dubbiin Waaqayyoo humna waraanee gad seenuu dandaʼu waan qabuuf, goraadee namni kam iyyuu hojjetu caalaa qara qabeessa akka taʼe fakkeenyaan ibsameera. Ergaan Waaqayyoo barumsa ilmaan namootaa kam iyyuu caalaa garaa tuquu, jechuunis keessa namummaa nama tokkoo jijjiiruu dandaʼa. Kun wanta itti aansuudhaan Ibroota 4:12 irra jiru irratti ibsameera.

 “Dubbiin Waaqayyoo . . . lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka hamma gargar baasutti illee waraanee seena.” Kitaaba Qulqulluu keessatti, jechi “lubbuu” jedhu wanta irra keessaan mulʼatu argisiisa; jechi “hafuura” jedhu immoo keessa namummaa nama tokkoo argisiisa. (Galaatiyaa 6:18) “Dubbiin Waaqayyoo “dhuka” miiraa fi yaada keenya isa dhokataa keessa waraanee seenuu akka dandaʼu fakkeenyaan ibsameera. Keessa namummaa keenya isa dhugaa, isa ilmaan namootaa arguu hin dandeenye mulʼisuudhaan, barumsi Yihowaa jijjiirama jireenya keenya fooyyessu akka goonu nu kakaasa. Kun immoo Uumaa keenyaafis taʼe nuuf gammachuu argamsiisa.

 “Dubbiin Waaqayyoo . . . yaadaa fi kaayyoo garaa namaas hubachuu dandaʼa.” Akkaataa namni tokko dubbii Waaqayyootiif deebii itti kennu yaada isaa isa dhugaa, darbees fedhii ykn kakaʼumsa isaa isa amala isaa irratti dhiibbaa godhu mulʼisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namni tokko jireenya isaa keessatti jijjiirama barbaachisu gochuudhaan dubbii Waaqayyootiif deebii gaarii yoo kenne, nama gad of qabuu fi qajeelaa taʼuu isaa argisiisa. Uumaa isaa gammachiisuu barbaada. Karaa biraatiin immoo, dubbii Waaqayyoo ceephaʼuuf kan yaalu yoo taʼe, amala gaarii hin taane, kanneen akka garmalee kooruu ykn ofittummaa akka qabu argisiisaa jira taʼa. Tarii immoo amala Waaqayyoo hin jaallanne sirrii akka taʼe godhee dhiheessuuf yaalii gochaa jira taʼa.—Ermiyaas 17:9; Roomaa 1:24-27.

 Barreeffamni tokko, dubbiin Waaqayyoo “keessa keenya keessa gad fagaatee seenuu dandaʼa” jedheera. Keessa namummaa Waaqayyo arguu hin dandeenyee fi dubbichi gara ifaatti baasuu hin dandeenye hin jiru. Ibroonni 4:13, “Wanti hundi ija isa nu gaafatu sanaa duratti qullaa fi ifatti kan saaxilame dha” jedha.

Yaada naannoo Ibroota 4:12​tti argamu

 Kitaabni Ibrootaa Dh.K.B. bara 61​tti Phaawulos ergamaadhaan barreeffame; xalayaan kun Yihudoota Kiristiyaanota taʼan kan Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa jiraataniif geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame.

 Phaawulos boqonnaa 3 fi 4 irratti, seenaan Israaʼeloota durii Kiristiyaanotaaf akeekkachiisa akka taʼu ibseera. (Ibroota 3:8-12; 4:11) Yihowaan Israaʼeloota garbummaa jalaa baasee biyya ‘tasgabbiidhaan keessa jiraachuu’ dandaʼan akka isaan jiraachisu waadaa isaaniif galeera. (Keessa Deebii 12:9, 10) Haa taʼu malee, dhaloonni Israaʼelootaa Gibxii baʼan, irra deddeebiʼanii waadaa Yihowaan gale irratti amantii akka hin qabnee fi yeroo hunda akka isaaf hin ajajamne argisiisaniiru. Kanaan kan kaʼes, ‘gara boqonnaa Waaqayyootti hin galle,’ jechuunis Waaqayyoo wajjin hariiroo naga qabeessa qabaachuu hin dandeenye. Kanaa mannaa, lafa onaa keessatti dhuman. Sanyiiwwan isaanii Biyyattii Abdachiifamte kan dhaalan taʼus, isaanis Yihowaadhaaf ajajamuu diduu jalqaban. Yeroo boodas, akkas gochuun isaanii sabicha rakkina guddaadhaaf saaxileera.—Nahimiyaa 9:29, 30; Faarfannaa 95:9-11; Luqaas 13:34, 35.

 Phaawulos Kiristiyaanonni fakkeenya akeekkachiisaa Israaʼeloota amanamoo utuu hin taʼin hafan irraa barachuu akka qaban ibseera. Isaan irraa haala adda taʼeen, dubbii Waaqayyootiif ajajamuu fi abdii inni kenne irratti amantii guutuu qabaachuudhaan gara boqonnaa Waaqayyootti seenuu dandeenya.—Ibroota 4:1-3, 11.

 Viidiyoo kitaaba Ibroota gabaabsee ibsu kana ilaali.

a Ibroota 4:12 irratti jechi “dubbii Waaqayyoo” jedhu, Kitaaba Qulqulluu qofa kan argisiisu miti. Haa taʼu malee, Waaqayyo abdii kenne Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffamu qophii waan godheef, Ibroonni 4:12 isas argisiisuu dandaʼa.

b Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.