Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Efesoon 3:20—‘Waaqayyo Wantoota Nuti Gaafannu Yookiin Yaadnu Hundumaa Irra Hedduu Caalchisee Gochuu Dandaʼa’

Efesoon 3:20—‘Waaqayyo Wantoota Nuti Gaafannu Yookiin Yaadnu Hundumaa Irra Hedduu Caalchisee Gochuu Dandaʼa’

 “Isa humna isaa isa nu keessatti hojjetuu wajjin haala wal simuun, wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu hundumaa irra hedduu caalchisee gochuu dandaʼu sanaaf . . . ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.”—Efesoon 3:20, 21, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Inni humna isaa isa nu keessatti hojjetuun wanta nuyi kadhannuuf wanta nuyi yaaduu dandeenyu hundumaa irra safara malee caalchisee gochuu in danda’a. Isaaf hooqubaan haa taʼu!”—Efesoon 3:20, 21, Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1997.

Hiika Efesoon 3:20

 Phaawulos ergamaan Waaqayyo kadhannaa akka dhagaʼuu fi fedhii waaqeffattoota isaa karaa isaan hin eegneen akka raawwatuuf amanannaa qabu ibseera. Deebiin Waaqayyoo isa isaan yaadan ykn abdataniin ol taʼuu dandaʼa.

 “Isa humna isaa isa nu keessatti hojjetuu.” Lakkoofsa 21irratti “Isa” inni jedhu Yihowaa akka argisiisu ibsa. a Achirratti Phaawulos akkana jedhee barreesseera: “Karaa gumichaa fi karaa Kiristoos Yesuus dhaloota hundumaa biratti baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu.” Hunda caalaammoo, Waaqayyo humna ykn cimina fedhii isaa raawwachuuf nu barbaachisu nuuf kennuu dandaʼa.—Filiphisiyus 4:13.

 Lakkoofsa 20 irratti Phaawulos ergamaan dandeettii addaa Yihowaan waaqeffattoota isaa gargaaruuf qabu ibseera. Gaalee, “Isa . . . dandaʼu sanaaf” jedhamee hiikame ilaalchisee barreeffamni tokko akkana jedheera: “Dandeettiin asirratti caqasame humna qabaachuu irraa addadha; gochuu dandaʼaa laata utuu hin taʼin humna wanta tokko raawwachuuf isa dandeessisu qabaachuu isaas kan argisiisudha.” Haala nama michuu gaarii taʼerraa adda taʼeen, Yihowaan yeroo hunda wanta waaqeffattoota isaatiif barbaachisu kamiyyuu gochuu fi kadhannaa isaaniitiif deebii kennuu dandaʼa. Humnaa fi aangoo daangaa hin qabne kan qabu Yihowaa qofadha.—Isaayaas 40:26.

 ‘Waaqayyo wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu hundumaa irra hedduu caalchisee gochuu dandaʼu.’ Yihowaan waaqeffattoota isaatiif wanta hundumaa irra caalchisee ykn wanta hundumaa irra hedduu caalchisee gochuu dandaʼa. Karaa isaan ittiin eeganirra caalchisee isaan gargaaruu dandaʼa.

 Gaaleen “wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu hundumaa irra” jedhu caqasa kana ilaalchisee wanta nu barsiisu gara biraa qaba. Phaawulos ergamaan “wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu hundumaa irra” jechuudhaan Kiristiyaanonni hundi Waaqayyo haala isaan hin eegnerra caalchisee akka isaan gargaaru akka hubatan barbaadeera. Kitaabni Qulqulluun Afaan Oromoo Hiika Bara 1997 lakkoofsa 20 hima jalqabaarratti akkana jedha: “Inni humna isaa isa nu keessatti hojjetuun wanta nuyi kadhannuuf wanta nuyi yaaduu dandeenyu hundumaa irra safara.” Yeroo tokko tokko Kiristiyaanonni rakkinni isaan mudate baayʼee guddaa ykn furmaata akka hin qabne isaanitti dhagaʼama taʼa. Wanta jedhanii kadhatan illee dhabuu dandaʼu. Yihowaan garuu gargaarsa gochuuf hubannaa ykn dandeettiin isaa kan daangaʼe miti. Yihowaan yeroo isaatti rakkina akkamiiyyuu ni fura; kanas kan godhu karaa isaan matumaa hin eegneen ykn ni taʼa jedhanii hin yaanneeni. (Iyoob 42:2; Ermiyaas 32:17) Ammasitti garuu cimina rakkina isaanii dandamachuuf isaan gargaaru isaaniif kenna.—Yaaqoob 1:2, 3.

Yaada naannoo Efesoon 3:20​tti argamu

 Kitaabni Efesoon xalayaa Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota magaalaa Efesoon ishii Eeshiyaa Xinnoo yeroo harʼaa Turkii keessa turaniif barreessedha. Phaawulos xalayaa isaarratti yaada inni obboloota isaa ilaalchisee kadhannaadhaan dhiheesse barreesseera. (Efesoon 3:14-21) Kiristiyaanonni hundi yaadaa fi gochaan fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii gochuudhaan jaalala inni argisiisee wajjin akka wal baran kadhateera. Phaawulos yaadawwan Efesoon 3:20, 21 irratti caqasamaniin Waaqayyoon jajachuudhaan kadhannaa isaa xumureera.

 Viidiyoo qabiyyee kitaaba Efesoon gabaabsee ibsu kana daawwadhu.

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyoo ittiin beekamu dha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali