Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Roomaa 15:13—“Waaqayyo Inni Abdii Kennu Gammachuu fi Nagaa guddaadhaan isin haa Guutu”

Roomaa 15:13—“Waaqayyo Inni Abdii Kennu Gammachuu fi Nagaa guddaadhaan isin haa Guutu”

 “Humna hafuura qulqulluutiin abdiin akka isiniif baayʼatutti, isatti amanamuu keessaniin Waaqayyo inni abdii kennu gammachuu fi nagaa guddaadhaan isin haa guutu.”—Roomaa 15:13, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Humna hafuura qulqulluutiin abdiitti guddachaa akka adeemtanitti, Waaqayyo inni abdii namaaf kennu, isatti amanuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu!”—Roomaa 15:13, Hiika Bara 1997.

Hiika Roomaa 15:13

 Phaawulos ergamaan yaada kana dubbachuudhaan Waaqayyo warra hidhata amantii isaa taʼan “gammachuu fi nagaadhaan” akka guutu hawwii qabu ibseera. Amalawwan gaggaariin kun abdii Waaqayyo kennuu fi humna hafuura qulqulluu wajjin kan wal qabatani dha.

 Waaʼee abdii Waaqayyo kennuu Kitaaba Qulqulluu irraa baranna. Roomaa 15:4 akkana jedha: “Jabaannee dhaabbachuu keenyaan, akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf, wantoonni dursanii [Kitaaba Qulqulluu keessatti] barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.” Kitaabni Qulqulluun waadaa Waaqayyo rakkoowwan yeroo harʼaa jiran kanneen akka hiyyummaa, jalʼina haqaa, dhukkubaa fi duʼa balleessuuf gale ibsa. (Mulʼata 21:4) Waaqayyo waadaawwan kana karaa Yesuus Kiristoos waan raawwatuuf, gara fuulduraatti yeroo gaariin akka dhufu abdii qabaachuu dandeenya.—Roomaa 15:12.

 Abdiin Waaqayyo kenne kun kan nuuf ‘baayʼatu’ ykn ‘guddatu’ Waaqayyotti yoo amanne qofa dha. Waaʼee Waaqayyoo caalaatti yeroo barannu, caalaatti isatti amanamaa deemna. (Isaayyaas 46:10; Tiitoo 1:2) Namni tokko rakkoowwan garaa garaa yoo isa irra gaʼan illee abdii amansiisaa Waaqayyo kenneen kan kaʼe gammachuu fi nagaadhaan guutamuu dandaʼa.—Roomaa 12:12.

 Nagaa, gammachuu fi abdiin “hafuura qulqulluu” jechuunis humna Waaqayyoo isa hojii irra jiruu a wajjinis walitti dhufeenya qabu. Waaqayyo waadaawwan gale hundumaa raawwachuuf hafuura qulqulluutti fayyadama; kunimmoo abdii nutti hora. Hafuurri kun amalawwan gaggaarii kanneen akka gammachuu fi nagaa namoota keessatti akka guddatan godha.—Galaatiyaa 5:22.

Yaada naannoo Roomaa 15:13 jiru

 Kitaabni Roomaa xalayaa Kiristiyaanota magaalaa Roomaa jiraataniif barreeffame ture. Kiristiyaanota kana keessaa tokko tokko Yihudoota yommuu taʼan kaan garuu miti. Phaawulos, Kiristiyaanonni kun akkaataa guddinaa fi aadaa garagaraa kan qaban taʼus, yaadaa fi gochaan tokkummaa akka qabaatan hunda isaanii jajjabeesseera.—Roomaa 15:6.

 Phaawulos, Waaqayyo baroota hedduu dura yeroon itti saboonni hundi tokkummaadhaan isa waaqeffatan akka dhufu raajiidhaan dubbatee akka ture Kiristiyaanota Roomaa yaadachiiseera. Phaawulos dhugaa kana mirkaneessuuf Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa b irraa siʼa afur caqaseera. (Roomaa 15:9-12) Qabxiin isaa kana dha: Saboonni hundi Yihudootaa wajjin taʼuudhaan tajaajila Kiristoos irraa faayidaa argachuu dandaʼu. Yihudootas taʼan warri hin taane Waaqayyo biraa abdii wal fakkaatu qabu. Kanaafuu, namoonni gumii Roomaa keessa jiran akkaataan guddinaa isaanii maal iyyuu yoo taʼe ‘wal simachuu’ jechuunis gaarummaadhaan wal keessumsiisuu qabu.—Roomaa 15:7.

a Odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Hafuurri Qulqulluun Maalidha?” jedhu dubbisi.

b Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaa Kakuu Moofaa jedhamaniis ni waamamu.