Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 8

Haalli Gaddisiisaan Yommuu Isin Mudatu

Haalli Gaddisiisaan Yommuu Isin Mudatu

“Amma yeroo gabaabduudhaaf qorama garaa garaatiin gaddisiifamuun keessan kan hin oolle yoo taʼe iyyuu, baayʼiftanii in gammaddu.”—1 Phexros 1:6

Gaaʼelaafi maatii gammachuu qabu qabaachuuf hammam yoo yaaltaniyyuu, wantonni akka tasaa uumaman gammachuun keessan akka itti hin fufne gochuu dandaʼu. (Lallaba 9:11) Yommuu rakkinni nu mudatu Waaqayyo jaalalaan kakaʼee gargaarsa nuuf godha. Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu armaan gadii hojiirra yoo oolchitan, isinis taatan maatiin keessan haala gaddisiisaa isin mudate dandeessanii jiraachuu ni dandeessu.

1 YIHOWAATTI AMANAMAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!” (1 Phexros 5:7) Rakkina kan isinitti fidu Waaqayyo akka hin taane yaadadhaa. (Yaaqoob 1:13) Yommuu isatti dhihaattan, rakkina sana keessaa akka baatan isin gargaara. (Isaayaas 41:10) “Wanta garaa keessanitti yaaddan isa duratti dhangalaasaa!”—Faarfannaa 62:8.

Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu yommuu dubbistaniifi yommuu qayyabattanis jajjabina argattu. Kunimmoo, Yihowaan ‘rakkina keenya hundumaa keessatti akkamitti akka nu jajjabeessu’ jireenya keessan keessatti arguuf isin dandeessisa. (2 Qorontos 1:3, 4; Roomaa 15:4) Inni ‘nagaasaa isa hubannaa namaa hundumaa irra caalu’ akka isinii kennu waadaa galeera.—Filiphisiiyus 4:6, 7, 13.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Tasgabbiifi ilaalcha sirrii qabaachuu akka dandeessaniif Yihowaa kadhadhaa

  • Filannaa qabdan hunda erga ilaaltanii booda isa gaarii taʼe filadhaa

2 OFIIFIS TAʼE MAATII KEESSANIIF YAADAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Garaan nama hubataa beekumsa in argata, gurri nama ogeessaas beekumsa in barbaada.” (Fakkeenya 18:15) Haala maatii keessanii sirriitti beekaa. Wanta tokkoon tokkoon miseensa maatii keessanii barbaachisu adda baafadhaa. Isaanii wajjin mariʼadhaa, akkasumas isaan dhaggeeffadhaa.—Fakkeenya 20:5.

Miseensa maatii keessanii tokko duʼaan yoo dhabdanoo? Gadda isinitti dhagaʼame ibsuu hin sodaatinaa. ‘Yesusillee imimmaansaa akka dhangalaase’ yaadadhaa. (Yohannis 11:35; Lallaba 3:4) Boqonnaafi hirriba gaʼaa argachuunis barbaachisaadha. (Lallaba 4:6) Akkas gochuun keessan haala gaddisiisaa isin mudate dandaʼuuf isin gargaara.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Rakkinni tokko isin mudachuusaa dura, maatii keessanii wajjin mariʼachuu amaleeffadhaa. Yoo akkas gootan, yommuu rakkinni isin mudatu isinii wajjin mariʼachuun isaaniif salphata

  • Namoota haalli isin keessa jirtan isaan mudatee beeku mariisisaa

3 DEGGERSA GAAFADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? ‘Michuun bara hundumaa jaallata; yeroo gidiraatiif obboleessi in dhalata.’ (Fakkeenya 17:17, hiika bara 1899) Michoonni keessan isin gargaaruu kan barbaadan taʼus, maal gochuu akka qaban beekuu dhiisuu dandaʼu. Wanta isin barbaachisu isaanitti himuurraa duubatti hin jedhinaa. (Fakkeenya 12:25) Akkasumas, namoota waaʼee Macaafa Qulqulluu beekanirraa gargaarsa gaafadhaa. Qajeelfamni isaan Macaafa Qulqulluurraa isiniif kennan isin gargaaruu dandaʼa.—Yaaqoob 5:14.

Namoota Waaqayyoofi abdii inni kennetti amananii wajjin michummaa yoo uumtan gargaarsa isin barbaachisu ni argattu. Namoota jajjabinni isaan barbaachisu yeroo gargaartanitti isinis jajjabaachuu dandeessu. Amantii Yihowaafi abdii inni kennerratti qabdan isaanitti himaa. Namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaraa; warra isin jaallataniifi isiniif yaadanirraas adda of hin baasinaa.—Fakkeenya 18:1; 1 Qorontos 15:58.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Namni itti dhihaattan tokko akka isin gargaaruuf rakkina keessan itti himaa

  • Wanta isin barbaachisu adda baasaatii dhugaasaa dubbadhaa