Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 4

Akkaataa Qarshiitti Sirriitti Fayyadamuun Itti Dandaʼamu

Akkaataa Qarshiitti Sirriitti Fayyadamuun Itti Dandaʼamu

“Wanti yaadame, mareedhaan jabaatee in dhaabata.”​—Fakkeenya 20:18

Wanta maatii keenyaaf barbaachisu guutuuf hundi keenyayyuu qarshiin nu barbaachisa. (Fakkeenya 30:8) Qarshiin ykn ‘horiin nama golga.’ (Lallaba 7:12) Hiriyoota gaaʼelaa kan taatan waaʼee qarshiirratti wal faana haasaʼuun isinitti ulfaachuu dandaʼus, dhimmi qarshii wajjin wal qabate gaaʼela keessan keessatti rakkina akka uumu hin heyyaminaa. (Efesoon 4:32) Hiriyoonni gaaʼelaa itti fayyadama qarshii ilaalchisee wal amanuufi waliin taʼanii murteessuu qabu.

1 OF EEGGANNOODHAAN KAROORFADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Isin keessaa namni mana dhagaa ijaaruu barbaadu, duraan dursee horii ittiin mana kana ijaaree raawwatu qaba yoo taʼeef, taaʼee kan hin shallagne eenyu?” (Luqaas 14:28) Qarshii qabdanitti akkamitti akka fayyadamtan waliin taatanii karoora baafachuun keessan barbaachisaadha. (Amos 3:3) Wanta bituu qabdaniifi wanta sana argachuuf baasii hammamii baasuu akka dandeessan murteessaa. (Fakkeenya 31:16) Qarshii wanta tokko bituuf isin dandeessisu qabdu jechuun, wanta sana bituu qabdu jechuu miti. Liqii keessa akka hin galle of eeggadhaa. Qarshii of harkaa qabdan qofatti fayyadamaa.—Fakkeenya 21:5; 22:7.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Dhuma jiʼaarratti qarshiin yoo isin harkatti hafe, waliin taʼuudhaan maal akka ittiin gootan mariʼadhaa

  • Qarshiin isin hirʼateera taanaanimmoo, baasii keessan xiqqeessuuf karoora baafadhaa. Fakkeenyaaf, alaa nyaachuu mannaa nyaata keessan manatti qopheeffachuun gaarii taʼuu dandaʼa

2 BILISAAN WALIIN HAASAʼAA, ILAALCHA DHUGAA JIRURRATTI HUNDAAʼES QABAADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Kanaafis namni adduma addaan soba of keessaa baasee, dhugaa namatti haa dubbatu! Nuyi buʼaa dhagna walii ti.” (Efesoon 4:25) Galii hammamii akka argattuufi qarshii meeqa baasii akka goote hiriyaa gaaʼelaakee hin dhoksin.

Qarshii wajjin haala wal qabateen murtoo tokko gochuukee dura hiriyaa gaaʼelaakee wajjin mariʼadhu. (Fakkeenya13:10) Waaʼee qarshii kaasanii walii wajjin mariʼachuun gaaʼela keessa nagaan akka jiraatu gochuuf gargaara. Galiin argattu kankee qofa utuu hin taʼin kan maatiikee akka taʼetti ilaali.​—1 Ximotewos 5:8.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Utuu walitti hin himin qarshii hammamii baasii gochuu akka dandeessan, waliin taʼaatii murteessaa

  • Rakkinni qarshii wajjin wal qabate uumamuusaa dura waliin mariʼadhaa