Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

“Jireenyi Koo Garamitti Deemaa Akka Jiru Gad Fageenyaan Irratti Yaaduun Jalqabe”

“Jireenyi Koo Garamitti Deemaa Akka Jiru Gad Fageenyaan Irratti Yaaduun Jalqabe”
  • BARA DHALOOTAA: 1941

  • BIYYA DHALOOTAA: AWUSTIRAALIYAA

  • SEENAA: TAMBOO KAN XUUXUU FI DHUGAATII ALKOOLII GARMALEE KAN DHUGU

JIREENYA KOO DURAA:

Magaalaa xinnoo Niwuu Saawuz Weelsi keessatti argamtuu fi Wooriyaaldaa jedhamtu keessattin guddadhe. Haawaasni Wooriyaaldaa hoolotaa fi horii horsiisuudhaan, akkasumas hojiiwwan qonnaa kan akka midhaan facaasuu fi kuduraalee oomishuudhaan jiraatu. Magaalattiin qulqulluu dha; akkasumas bakka yakki yeroo baayʼee itti hin raawwatamne dha.

Ijoollee kudhan keessaa ani isa hangafaa waanan tureef, umurii koo waggaa 13⁠tti wanta maatichaaf barbaachisu dhiheessuuf hojii hojjechuun qaba ture. Barumsa idilee baayʼee waanan hin baranneef hojii qonnaa irrattin hirmaadha ture. Yeroo umuriin koo waggaa 15 taʼu immoo tiksee taʼeen fardeen leenjisa ture.

Hojii qonnaa irratti hirmaachuun eebbas miidhaas qaba ture. Gama tokkoon hojii koo fi bakkan oolu baayʼeen jaalladha ture. Galgala galgala ibidda qaqqaammachaa qilleensa qulqulluu bosona naannoo koo jiru keessaa dhufu argachaa baatii fi samii urjiidhaan guutamen ilaala ture. Qaamni wantoota dinqisiisoo taʼan kana hunda uume jiraachuu qaba jedhee yaadaa akkan ture nan yaadadha. Gama biraatiin immoo, bakka hojii kootti dhiibbaa gadhee tokko tokkoof saaxilameen ture. Yeroo baayʼee namoonni yeroo nama arrabsan nan dhagaʼan ture, sijaaraas salphaattin argadha ture. Kanaafuu, utuma baayʼee hin turin tamboo xuuxuu fi arrabsoon kutaa jireenya koo taʼe.

Yeroo umuriin koo waggaa 18 taʼu, gara Siidniin dhaqe. Raayyaa waraanaa keessa galuu barbaadeen ture, garuu barumsa baayʼee waanan hin baranneef fudhatama utuu hin argatinan hafe. Taʼus hojii kan biraa waanan argadheef Siidnii keessa waggaa tokkoofin ture. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin kanan wal arge yeroo kanatti ture. Affeerraa naaf dhiheessaniin walgaʼii isaanii tokko irrattin argame; yeroo kanatti wanti isaan barsiisan dhugaa taʼuu isaa hubachuuf yeroo natti hin fudhanne.

Haa taʼu malee, utuma baayʼee hin turin jireenya bosonaa kootti deebiʼuufan murteesse. Dhuma irrattis Gundiwaandii ishii Kuwiinsilaandi keessatti argamtu keessa jiraachuun jalqabe. Asitti hojiin argadhe, akkasumas nan fuudhe, kan nama gaddisiisu garuu deebiʼeen dhugaatii alkoolii dhuguu jalqabe.

Anii fi haati manaa koo ijoollee lama godhanne. Ijoolleen koo erga dhalatanii booda, jireenyi koo garamitti deemaa akka jiru gad fageenyaan irratti yaaduun jalqabe. Yeroon Siidnii turetti wantan walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti dhagaʼe tokkon yaadadhe; kanaaf akkaataan jireenya koo itti geggeessu ilaalchisee wanta tokko gochuu akkan qabun murteesse.

Masaraa Eegumsaa durii teessoo waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Awustiraaliyaa jiru qabate tokkon argadhe. Achiis akka na gargaaraniif xalayaan barreesse. Isaanis Dhugaa Baatuu garraamii fi jaalala qabeessi tokko akka na gargaaru naaf ergan. Utuma baayʼee hin turin nama sanaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun jalqabe.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa yommuun deemu, jireenya koo keessatti jijjiiramawwan guguddaa gochuu akkan qabun hubadhe. Caqasni Kitaaba Qulqulluu keessumaa garaa koo tuqe 2 Qorontos 7:1 ture. Caqasni kun, “Wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu” jechuudhaan nu jajjabeessa.

Kanaafuu, tamboo xuuxuu fi dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu koo dhiisuufan murteesse. Araadawwan kunneen yeroo dheeraadhaaf kutaa jireenya koo waan turaniif, jijjiirama kana gochuun salphaa hin turre. Taʼus karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuuf kutadheen ture. Wantoota na gargaaran keessaa inni guddaan qajeelfama Roomaa 12:2 irratti, “Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa” jedhu hojii irra oolchuu koo ture. Amalawwan gadhee qabu dhiisuuf ilaalcha koo jijjiiruu fi ilaalcha Waaqayyo amalawwan akkasiitiif qabu qabaachuu, akkasumas miidhaa kan geessisan taʼuu isaanii hubachuu akkan qabu naa galee ture. Gargaarsa Waaqayyootiin, tamboo xuuxuu fi dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu dhiisuun naaf milkaaʼuu dandaʼeera.

“Amalawwan gadhee qabu dhiisuuf ilaalcha koo jijjiiruu . . . akkan qabu naa galee ture”

Wanti hunda caalaa ulfaataa natti taʼe garuu nama arrabsuu dhiisuu ture. Gorsa Kitaaba Qulqulluu Efesoon 4:29: “Dubbii tortoraan afaan keessan keessaa hin baʼin” jedhu beeka. Taʼus, amala nama arrabsuu qabu moʼuun yeroo dheeraa natti fudhateera. Jechoota Isaayyaas 40:26 irratti argaman irratti xiinxaluun koo na gargaareera. Samiiwwan urjiidhaan guutaman ilaalchisee akkana jedha: “Ija keessan gara samiitti ol kaasaatii ilaalaa. Wantoota kana kan uume eenyu? Raayyaa isaanii lakkoofsaan kan gad baasu isa dha; inni hunda isaanii maqaa maqaadhaan ni waama. Jabina isaa isa guddaa fi humna isaa isa sodaachisaa taʼeen kan kaʼe, isaan keessaa tokko illee hin hirʼatu.” Waaqayyo humna hawaa guddaa ani ilaaluudhaan itti gammadu uumuuf isa dandeessisu erga qabaatee, nama inni itti gammadu taʼuuf jijjiirama gochuun na barbaachisu akkan godhu humna naaf kennuu akka dandaʼu homaa hin shakkisiisu jedheen yaade. Kadhannaa fi carraaqqii hedduudhaan suutuma suuta dubbii koo toʼachuu dandaʼeera.

FAAYIDAA ANI ARGADHE:

Yeroon tiksee turetti, namoonni bakka ani hojjedhu turan muraasa waan turaniif namootaa wajjin haasaʼuuf carraa hedduu hin qabun ture. Taʼus, leenjii walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti kennamuun yaada koo akka gaariitti ibsuu baradheera. Faayidaawwan leenjiin kun naaf kenne keessaa tokko, dandeettii namoota kaanitti waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabuu ti.—Maatewos 6:9, 10; 24:14.

Waggoottan hedduu darbaniif jaarsa gumii taʼee tajaajilaan jira. Namoota hidhata amantaa koo taʼan gargaaruuf wanta naaf dandaʼame gochuu dandaʼuu koo akka mirga guddaattan ilaala.

Yihowaan barumsa idilee muraasa kanan qabu taʼus, isa irraa akkan baradhu mirga waan naa kenneef guddaan isa galateeffadha. (Isaayyaas 54:13) Yaada Fakkeenya 10:22 irratti, “Eebbi Yihowaa sooressa nama godha” jedhamee wajjin guutummaattin walii gala.