Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

‘Dubartiin’ Isaayyaas 60:1 irratti ibsamte eenyu? ‘Kaatee ifa ishii kan ibsitu’ hoo akkamitti?

Isaayyaas 60:1 akkana jedha: “Yaa dubartii nana, ifni kee waan dhufeef, kaʼi, ifa kee ibsi. Ulfinni Yihowaa si irratti ni ifa.” Yaanni naannoosaa jiru ‘dubartiin’ kun Xiyoon ykn Yerusaalem ishii yeroo sanatti magaalaa Yihudaa ishii guddoo taate akka argisiistu ifa godha. a (Isa. 60:14; 62:1, 2) Magaalaan kun guutummaa sabichaa bakka buuti. Yaanni Isaayyaas dubbate gaaffiin lama akka kaʼu godha: Tokkoffaa, Yerusaalem ‘kaatee’ ifa hafuuraa kan ibsite yoomii fi akkamitti? Lammaffaa, wanti Isaayyaas dubbate bara keenyatti raawwiisaa isa guddaa argachaa jiraa?

Yerusaalem ‘kaatee’ ifa hafuuraa kan ibsite yoomii fi akkamitti? Waggoottan 70mman Yihudoonni boojuu Baabilon jala turanitti Yerusaalemii fi manni qulqullummaa ishii akkuma barbadaaʼanitti turan. Warri Medoonii fi Faarsi Baabiloniin erga injifatanii booda garuu, Israaʼelonni guutummaa Bulchiinsa Baabilon keessa jiraachaa turan gara biyya dhalootaasaaniitti deebiʼanii waaqeffannaa dhugaa deebisanii hundeessuuf bilisummaa qabu turan. (Iz. 1:1-4) Dhaloota Kiristoos Dura bara 537 kaasee Israaʼelonni amanamoon lubbuudhaan oolanii fi gosoota 12n keessaa walitti qabaman akkas godhaniiru. (Isa. 60:4) Isaanis Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuu, ayyaanota kabajuu fi mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu jalqaban. (Iz. 3:1-4, 7-11; 6:16-22) Yeroo kanattis ulfinni Yihowaa Yerusaalemirratti, jechuunis saba Waaqayyoorratti deebiʼee ifuu jalqabe. Kanaan kan kaʼes, isaan saboota karaa hafuuraa dukkana keessa turaniif madda ifaa taʼuu dandaʼaniiru.

Haa taʼu malee, raajiin Isaayyaas dubbate kun yeroo sanatti kan raawwatame hamma tokko qofadha. Israaʼelonni hedduun Waaqayyoof ajajamuusaanii itti hin fufne. (Nah. 13:27; Mil. 1:6-8; 2:13, 14; Mat. 15:7-9) Boodas, Yesuus Kiristoos isa Masiihicha taʼellee fudhachuu didan. (Mat. 27:1, 2) Dhaloota Kiristoos Booda bara 70​tti Yerusaalemii fi manni qulqullummaa ishii yeroo lammaffaatiif ni balleeffaman.

Yihowaan badiisni kun akka dhufu dursee dubbatee ture. (Dan. 9:24-27) Kanaafuu, raajiin Isaayyaas boqonnaa 60​rratti haareffamuu ilaalchisee dubbatame hundi Yerusaalem ishii lafarraa irratti akka raawwatamu kaayyoosaa akka hin turre ifadha.

Wanti Isaayyaas dubbate bara keenyatti raawwiisaa isa guddaa argachaa jiraa? Eeyyee, garuu raawwatamaa kan jiru dubartii fakkeenyaan ibsamte kan biraa, jechuunis ‘Yerusaalem ishii olii’ irrattidha. Phaawulos ergamaan dubartii kana ilaalchisee, “Ishiin haadha teenya” jedheera. (Gal. 4:26) Yerusaalem ishiin olii kutaa jaarmiyaa Waaqayyoo isa samii isa uumamawwan hafuuraa amanamoo taʼan of keessatti qabate argisiisti. ‘Ijoolleen’ ishii Yesuusii fi Kiristiyaanota dibamoo 144,000 warra akkuma Phaawulos samiirra jiraachuuf abdii qabanidha. Kiristiyaanonni dibamoon walumaan “saba qulqulluu,” jechuunis “Israaʼel Waaqayyooti.”—1 Phe. 2:9; Gal. 6:16.

Yerusaalem ishiin olii ‘kaatee ifa ishii kan ibsitu’ akkamitti? Karaa ijoollee ishii dibamoo warra lafarra jiraniiti. Muuxannoonsaanii wanta Isaayyaas boqonnaa 60​rratti raajiidhaan dubbatame wajjin kan wal simu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Kiristiyaanonni dibamoon Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti yeroo gantoota inkirdaadatti fakkeeffamaniin liqimfamanii turanitti karaa hafuuraa dukkana keessa waan turaniif ‘kaʼuun’ isaan barbaachisa ture. (Mat. 13:37-43) Yeroo sanatti boojuu Baabilon Guddittii ishii amantaawwan sobaa addunyaa maraa argisiistu jala turan. Dibamtoonni hanga “dhuma sirna kanaa” isa bara 1914​tti jalqabeetti boojuu jala turan. (Mat. 13:39, 40) Sana booda utuu baayʼee hin turin bara 1919​tti bilisa baʼan; achiis yeruma sana hojii lallabaarratti hirmaannaa guutuu gochuudhaan ifa hafuuraa ibsuu jalqaban. b Waggoota hedduudhaaf Israaʼel Waaqayyoo keessaa warra hafan, warra Isaayyaas 60:3 irratti ‘mootota’ jedhaman dabalatee saboota hundumaa keessaa namoonni gara ifa kanaa dhufaa jiru.—Mul. 5:9, 10.

Gara fuulduraatti, Kiristiyaanonni dibamoon ifa Yihowaa caalaatti calaqqisiisu. Akkamitti? Yeroo jireenyasaanii isa lafarraa xumuran kutaa “Yerusaalem Haaraa” ykn misirroo Kiristoos ishii moototaa fi luboota 144,000 of keessatti qabattee taʼu.—Mul. 14:1; 21:1, 2, 24; 22:3-5.

Yerusaalem Haaraan raajiin Isaayyaas 60:1 irratti argamu akka raawwatamu gochuurratti shoora guddaa qabdi. (Isaayyaas 60:1, 3, 5, 11, 19, 20 Mulʼata 21:2, 9-11, 22-26 wajjin wal bira qabii ilaali.) Akkuma Yerusaalem ishiin lafarraa teessoo mootummaa Israaʼel durii taate, Yerusaalem Haaraanii fi Kiristoosis mootummaa sirna isa haaraa taʼu. Yerusaalem Haaraan “samii keessaa, Waaqayyo biraa [kan] gad buutu” akkamitti? Xiyyeeffannaa ishii gara lafaatti naannessuudhaani. Namoonni Waaqa sodaatanii fi saboota hundumaa keessaa dhufan “ifa ishiitiin deddeebiʼu.” Cubbuu fi duʼa jalaallee bilisa ni baʼu. (Mul. 21:3, 4, 24) Akkuma Isaayyaasii fi raajonni kan biroon dubbatanitti yeroo sanatti wanti hundi guutummaatti ni haareffama. (HoE. 3:21) Yeroon haareffamuu guddaa taʼe kun yeroo Kiristoos Mootii taʼetti jalqabe, kan xumuramummoo dhuma Bulchiinsa Barkumeetti.

a Gaaleen Afaan Ibrootaa “ifa kee ibsi” jedhuu fi “si” jedhu dubartii kan argisiisu waan taʼeef, Hiikni Addunyaa Haaraa Isaayyaas 60:1 irratti jecha “Xiyoon” ykn “Yerusaalem” jedhu utuu hin taʼin, jecha “dubartii” jedhutti fayyadama. Jechi “dubartii” jedhu namni Afaan Oromootiin dubbisu yaannisaa dubartii fakkeenyaan ibsamte akka argisiisu hubachuuf isa gargaara.

b Yaanni karaa hafuuraa haareffamuu ilaalchisee dubbatu Hisqiʼel 37:1-14 fi Mulʼata 11:7-12 irrattis ni argama; kunis bara 1919​tti raawwatame. Hisqiʼel Kiristiyaanonni dibamoon hundi yeroo dheeraadhaaf boojuu jala erga turanii booda karaa hafuuraa akka haareffaman raajii dubbateera. Raajiin Mulʼata keessatti ibsame garee xinnoon obboloota dibamoo dura buutota taʼan of keessatti qabate deebiʼee dhalachuusaa argisiisa; gareen kun sochiidhaa ala akka taʼu kan dirqisiifame yeroo obboloonni kun jalʼina haqaatiin hidhamanittidha. Isaanis bara 1919​tti “garbicha amanamaa fi ogeessa” taʼanii muudamaniiru.—Mat. 24:45; kitaaba Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse! ful. 118 ilaali.