Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

YAADAWWAN QOʼANNAADHAAF TAʼAN

Gadi Fageenyaan Qoʼachuudhaan Dammaqii Jiraadhu

Gadi Fageenyaan Qoʼachuudhaan Dammaqii Jiraadhu

Gadi fageenyaan qoʼachuun hammam barbaachisaa akka taʼe hubachuuf Daaniʼel 9:1-19 dubbisi.

Yaada naannoosaa jiru ilaali. Taʼeewwan yeroo sanatti raawwataman maalfaʼi? Taʼeewwan kun Daaniʼelirratti dhiibbaa kan godhan akkamitti? (Dan. 5:29–6:5) Iddoo Daaniʼel utuu taatee maaltu sitti dhagaʼama ture?

Gadi fageenyaan qori. Daaniʼel “kitaabota qulqulluu” kamfaa ilaalee taʼuu dandaʼa? (Dan. 9:2, milj.; w11-AM 1/1 22 key. 2) Daaniʼel cubbuusaa fi cubbuu saba Israaʼel kan himate maaliifi? (Lew. 26:39-42; 1 Mot. 8:46-50; dp-AM 182-184) Kadhannaan Daaniʼel Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan akka qoʼatu kan argisiisu akkamitti?—Dan. 9:11-13.

Barumsa argatterratti yaadi. Akkana jedhii of gaafadhu:

  • ‘Taʼeewwan addunyaatiin xiyyeeffannaan koo akka hin hihiramne of eeguu kanan dandaʼu akkamitti?’ (Mik. 7:7)

  • ‘Akkuma Daaniʼel Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan qoʼachuun koo kan na fayyadu akkamitti?’ (w04-AM 8/1 12 key. 17)

  • ‘Mata dureewwan qoʼannaa dhuunfaa koorratti itti fayyadamuu dandaʼuu fi “dammaqee eeguuf” na gargaaran kamfaʼi?’ (Mat. 24:42, 44; w12 8/15 5 key. 7-8)