Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Isin . . . caalaa gatii guddaa qabdu.”—MAATEWOS 10:31

Waaqayyo Xiyyeeffannaa Siif ni Kennaa?

Waaqayyo Xiyyeeffannaa Siif ni Kennaa?

UUMAMNI MAAL NU BARSIISA?

Mucaan tokko erga gadameessa keessaa baʼee saʼaatii isa jalqabaa 1 keessatti sirreeffama murteessaa taʼe godha. Maaliifi? Sababiin isaas haadhotiin yeroo murteessaa kanatti mucaa isaanii wajjin hariiroo uuman, guddinaa fi jijjiirama mucaan isaanii godhu irratti fooyyaʼiinsa guddaa fidu. *

Haati takka mucaa ishii reefuu dhalate jaalalaan akka kunuunsitu maaltu ishii kakaasa? Piroofeesara kan taʼan Jaaneet Kireenshoo barreeffama Za Joornaal Oov Periinaatal Eedukeeshin jedhamu irratti hormooniin oksitoosiin jedhamu yeroo kanatti baayʼinaan burquun isaa “haati takka erga deessee booda yommuu mucaa ishii qaqqabdu, ilaaltuu fi hoosistu miirri haadhummaa akka kakaʼu godha” jedheera. Hormoonii kan biraan yeroo kanatti burqu immoo, “haati takka wanta mucaan ishii barbaadu akka isaaf gootu ishii gargaara,” akkasumas hariiroo mucaa ishii wajjin qabdu cimsa. Kun wanta iddoo guddaa qabu kan taʼe maaliifi?

Hariiroo cimaa haadhaa fi mucaa gidduu jiru kan uume ykn dizaayinii kan godhe Yihowaa isa Uumaa keenya jaalala qabeessa taʼe dha. * Daawit Mootichi “gadameessa . . . keessaa” kan isa baasee fi kaasuu haadha isaa keessatti tasgabbii akka argatu kan isa godhe Waaqayyo akka taʼe ibseera. “Ani dhalachuu kootii jalqabee sitti of gateera, erga haati koo na deesses situ Waaqayyo koo ti” jechuudhaan kadhannaa dhiheesseera.—Faarfannaa 22:9, 10.

MEE YAADI: Waaqayyo haati takka mucaa ishii jaalalaan akka eegduu fi wanta mucichaaf barbaachisu akka isaaf gootu gargaaruuf sirna wal xaxaa taʼe erga uumee, nuyi warra “ijoollee Waaqayyoo” taaneefis dhuunfaatti xiyyeeffannaa ni kenna jedhanii yaaduun sirrii mitii?—Hojii Ergamootaa 17:29.

KUNUUNSA WAAQAYYO GODHU ILAALCHISEE KITAABNI QULQULLUUN MAAL NU BARSIISA?

Yesuus Kiristoos inni nama kam iyyuu caalaa Uumaa keenya akka gaariitti beeku, “Simbirroo dimbiixiin lama saantima gatii xinnoo qabdu tokkoon ni gurguramti mitii? Taʼus, isaan keessaa tokko illee utuu Abbaan keessan hin beekin lafa irratti hin kuftu. Isin garuu rifeensi mataa keessanii tokko illee utuu hin hafin lakkaaʼameera. Egaa hin sodaatinaa; isin dimbiixota hedduu caalaa gatii guddaa qabdu” jedhee barsiiseera.—Maatewos 10:29-31.

‘Simbirroota keessaa tokko yommuu lafa irratti kuftu’ arguun haa hafuutii, muraasni keenya simbira xixinnoo arginu hundaaf iyyuu xiyyeeffannaa hin kenninu. Abbaan keenya inni samii garuu tokkoon tokkoon isaaniitiif xiyyeeffannaa kenna! Haa taʼu malee, simbirroon jechuunis, simbirroon hedduun illee isaaf namoota caalaa gatii hin qaban. Barumsi kana irraa argannu ifaa dha: Waaqayyo xiyyeeffannaa naaf hin kennu jettee ‘sodaachuu’ hin qabdu. Faallaa kanaatiin inni xiyyeeffannaa guddaa siif kenna!

Waaqayyo nageenya keenyaaf xiyyeeffannaa kenna, akkasumas eegumsa jaalala irratti hundaaʼe nuuf godha

Kitaabni Qulqulluun maal nuuf mirkaneessa?

  • “Iji Waaqayyoo iddoo hundumaa jira, isa hamaa fi isa gaarii in arga.”—FAKKEENYA 15:3.

  • “Iji Waaqayyoo gara warra qajeelotaa in ilaala, gurri isaas gara iyya isaanii in dhaggeeffata.”—FAARFANNAA 34:15.

  • “Ati gadadamuu koo argiteetta, muddama lubbuu koos anaaf beekteetta; kanaaf sagalee gammachuu nan dhageessisa, gaarummaa keettis nan gammada.”—FAARFANNAA 31:7.

“YIHOWAAN AKKA NA HIN JAALLANNE NATTI DHAGAʼAMA TURE”

Waaqayyo nageenya keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa akka kennuu fi jaalalaan akka nu eegu beekuu fi dhiisuun keenya jireenya keenya irratti jijjiirama fidaa? Kana beekuun shakkii tokko malee jijjiirama fiduu akka dandaʼu Haannaa * ishiin Ingilaandi jiraattu akkas jechuudhaan ibsiteetti:

“Yeroo baayʼee, Yihowaan akka ana hin jaallannee fi kadhannaan koo deebii akka hin arganne natti dhagaʼama. Kun kan taʼe amantii waanan hin qabneef akka taʼen yaada. Adabamaa akkan jiru ykn iddoo guddaa waanan hin qabneef akkan dagatame natti dhagaʼama. Waaqayyo akka naaf hin yaadne natti dhagaʼama ture.”

Haa taʼu malee, amma Haannaan Yihowaan xiyyeeffannaa akka ishiidhaaf kennuu fi ishii jaallatu hin shakkitu. Ilaalcha ishii akka jijjiirtu kan godhe maali dha? “Jijjiirama suuta suuta taʼe dha” jechuudhaan ibsiteetti. “Aarsaa furii Yesuus ilaalchisee haasaan Kitaaba Qulqulluu ani waggoota hedduu dura dhagaʼe tokko dhiibbaa guddaa na irratti gochuudhaan, Yihowaan akka na jaallatu mirkanaaʼaa akkan taʼu na gargaaruu isaa nan yaadadha. Kana malees, kadhannaan koo yommuu deebii argatu, Yihowaan akka na jaallatu waanan hubadhuuf, yeroo baayʼee imimmaan koo nan dhangalaasa. Akkasumas Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi walgaʼii Kiristiyaanaa irratti argamuun koo waaʼee Yihowaa, waaʼee amala isaa fi waaʼee keenya maaltu akka isatti dhagaʼamu waan hedduu na barsiiseera. Amma Yihowaan deggersa akka nuuf godhu, hunda keenya akka jaallatuu fi dhuunfaatti nu kunuunsuuf fedhii akka qabu sirriitti hubadheera.”

Wanti Haannaan dubbatte kan nama jajjabeessu dha. Haa taʼu malee, Waaqayyo miira kee akka hubatuu fi akka yaadatu akkamitti mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa? Mata dureen itti aanu gaaffii kana ibsa.

^ key. 3 Haadhotiin dhiphina daʼumsa wajjin wal qabatee dhufu qaban, mucaa isaanii wajjin hariiroo uumuun isaan rakkisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, balleessaa akka raawwatan isaanitti dhagaʼamuu hin qabu. Akka Dhaabbanni Fayyaa Sammuu Biyyoolessaa Yunaayitid Isteetis jedhetti, dhiphinni daʼumsaa wajjin wal qabatee dhufu “qaamaa fi miira wajjin kan wal qabate fakkaata . . . haa taʼu malee, wanta haati takka goote ykn utuu hin godhin hafteen kan dhufu miti.” Dhimma kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuuf, barruu Dammaqaa! Waxabajjii 8, 2003 mata duree “Dhiphina Daʼumsa Booda Dhufu Hubachuu” (Ingiliffa) jedhu ilaali.

^ key. 5 Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti.—Faarfannaa 83:18, NW.

^ key. 15 Maqaawwan mata duree walitti aanan kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.