Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Rakkinni Kan Nu Irra Gaʼu​— Waaqayyo Nu Adabaa Waan Jiruufii?

Rakkinni Kan Nu Irra Gaʼu​— Waaqayyo Nu Adabaa Waan Jiruufii?

LUUZIYAAN MIILA ISHII BITAATIIN NI OKKOLTI. Ijoollummaa ishiitti dhukkuba pooliyoo isa sirna narvii qaama namaa miidhuun qabamte. Yeroo umuriin ishii waggaa 16 taʼu dubartiin ishii hojjechiistu takka “Ati haadha teetiif waan hin ajajamnee fi intala jibbisiistuu waan taateef Waaqayyo naafa akka taatu si godhee si adabaa jira” jetteenii turte. Luuziyaan miira gaddaa ishiitti dhagaʼamee ture waggoota hedduu booda amma illee ni yaadatti.

DAMAARIS KAANSARII SAMMUUTIIN AKKA QABAMTE YOMMUU BEEKTU, abbaan ishii “Wanti akkanaa kan si irra gaʼe maal gootee ti?” jedhee ishii gaafatee ture. Achiis, “Wanta baayʼee gadhee taʼe raawwattee taʼuu qaba. Waaqayyo si adabaa kan jiru kanaafi” ishiidhaan jedhee ture. Wanti abbaan ishii dubbate kun miira Damaaris baayʼee miidhe.

Waggoota kumaan lakkaaʼamaniif, namoonni dhukkubni adaba Waaqayyo biraa dhufu akka taʼe amanaa turaniiru. Kitaabni Maaners enda Kastams oov Baayibil Laandis jedhamu bara Kiristoos jiraatetti namoonni baayʼeen “dhukkubni sababa cubbuu nama dhukkubsate sanaatiin ykn kan fira isaatiin akka dhufuu fi adaba cubbuu sanaatiif ergamu akka taʼetti” amanu turan jechuudhaan dubbata. Kitaabni Mediival Meedisin enda za Pleeg jedhamu erga Kiristoos jiraatee jaarraa hedduu booda, “namoonni tokko tokko cubbuu isaaniitiif isaan adabuuf Waaqayyo dhaʼicha akka isaanitti fide amanu turan” jedheera. Kanaafuu, jaarraa 14⁠ffaatti yeroo namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Awurooppaa keessatti dhaʼichaan duʼan Waaqayyo namoota hamoo irratti murtii raawwachaa ture jechuudhaa? Moo dhaʼichi kun kan gaʼe akka qorattoonni fayyaa bara sana booda jiraatan mirkaneessanitti sababa baakteeriyaatiini? Namoonni tokko tokko, dhuguma Waaqayyo sababa cubbuu isaaniitiif namoota adabuuf dhukkubatti fayyadamaa? jedhanii gaafatu taʼa. *

MEE YAADI: Dhukkubnii fi rakkinni adaba Waaqayyo biraa dhufu erga taʼee, Yesuus namoota dhukkubsatan kan fayyise maaliifi? Kana gochuun isaa haqaa fi qajeelummaa Waaqayyoo laaffisuu akka taʼetti hin lakkaaʼamuu? (Maatewos 4:23, 24) Yesuus tarkaanfii Waaqayyo fudhatu gonkumaa hin mormu. Inni, ‘Ani yeroo hunda wanta isa gammachiisun godha’ akkasumas “Akkuma Abbaan ana ajajetti nan hojjedha” jedheera—Yohaannis 8:29; 14:31.

Kitaabni Qulqulluun Yihowaa ilaalchisee, “Jalʼinnis isa keessa hin jiru” jechuudhaan ifatti dubbata. (Keessa Deebii 32:4) Fakkeenyaaf, Waaqayyo nama xiyyaara keessa jiru tokko adabuu barbaadee balaan xiyyaaraa akka gaʼu gochuudhaan namoonni balleessaa hin qabnee fi dhibbaan lakkaaʼaman akka duʼan hin godhu! Qajeelummaa Waaqayyoo wajjin haala walsimuun Abrahaam inni tajaajilaa Waaqayyoo amanamaa ture, Waaqayyo matumaa ‘nama qajeelaa nama jalʼaa wajjin lafa irraa akka hin balleessine’ dubbateera. Akkasumas “Abbaan firdii guutummaa biyya lafaa, firdii taʼu in kenna mitii ree?” jedheera. (Uumama 18:23, 25) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun, ‘Jalʼinni ykn dabaa hojjechuun Waaqayyo irraa haa fagaatu’ jedha.—Iyoob 34:10-12.

KITAABNI QULQULLUUN RAKKINA ILAALCHISEE MAAL NU BARSIISA?

Rakkinni nu irra gaʼu cubbuu raawwanne tokkoof adaba Waaqayyo nutti fidu miti. Yesuus yeroo innii fi duuka buutonni isaa nama erga dhalatee jalqabee qaro dhabeessa taʼe tokko arganitti waaʼee kanaa ifa godheera. “Barattoonni isaas, ‘Rabbii, namichi kun, isa moo warra isaatu cubbuu hojjennaan qaro dhabeessa taʼee dhalate?’ jedhanii isa gaafatan. Yesuusis akkana jedhee deebise: ‘Hojiin Waaqayyoo isa irratti akka mulʼatuuf kun taʼe malee, namichi kunis taʼe warri isaa cubbuu hin hojjenne.’”—Yohaannis 9:1-3.

Yaanni dogoggoraa akkanaa yeroo sanatti babalʼatee waan tureef, Yesuus namichi sun qaro dhabeessa kan taʼe cubbuu innis taʼe warri isaa hojjetaniin akka hin taane yeroo dubbatetti barattoonni isaa dinqisiifamanii taʼuu qaba. Yesuus namicha sana fayyisuu qofa utuu hin taʼin, ilaalcha dogoggoraa rakkinni adaba Waaqayyo namootatti fidudha jedhus sirreesseera. (Yohaannis 9:6, 7) Namoonni Yeroo harʼaa dhibee fayyaa cimaa taʼeen dhiphatan, Waaqayyo dhukkuba sana akka isaanitti hin fidne beekuudhaan jajjabina argachuu dandaʼu.

Waaqayyo balleessaa isaaniitiif isaan adabaa jira erga taʼee, Yesuus namoota dhukkubsatan kan fayyise maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun maal nuuf mirkaneessa?

  • “Waaqayyo wantoota hamaadhaan qoramuu hin dandaʼu; inni ofuma isaatiis nama tokko illee hin qoru.” (YAAQOOB 1:13) Dhuguma iyyuu, dhukkuba, dhiphinaa fi duʼa dabalatee ‘wantoonni hamaan’ jaarraawwan hedduudhaaf namoota dhiphisaa turan dhiheenyatti ni balleeffamu.

  • Yesuus Kiristoos, ‘namoota akka malee dhukkubsachaa turan hunda fayyiseera.’ (MAATEWOS 8:16) Ilmi Waaqayyoo namoota gara isaa dhufanii turan hunda fayyisuudhaan, wanta Mootummaan Waaqayyoo addunyaa maratti raawwatu argisiiseera.

  • “Inni [Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—MUL’ATA 21:3-5.

KAN ITTI GAAFATAMU EENYUDHA?

Dhiphinnii fi rakkinni hedduun ilmaan namootaa irra kan gaʼu maaliif ree? Ilmaan namootaa gaaffii kana jaarraawwan hedduudhaaf gaafachaa turaniiru. Kan itti gaafatamu Waaqayyo miti erga taʼee, eenyutu itti gaafatama? Deebiin gaaffiiwwan kanaa mata duree itti aanu irratti ibsamu.

^ key. 4 Waaqayyo bara duriitti cubbuuwwan tokko tokkoof namoota adabuuf yeroon itti dhukkubatti fayyadame jiraatus, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan yeroo harʼaa namoota adabuuf wantoota akka dhukkubaa ykn balaatti akka fayyadamu hin dubbatu.