Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Industiriiwwan bashannanaa gochawwan hafuurota hamoo fi taatota isaanii karaa dinqisiisaa taʼeen kan dhiheessan taʼus, balaawwan wantoota kanaa wajjin wal qabatan dagachuu hin qabnu

MATA DUREE FUULA JALQABAA | HUMNOOTA ADDAA DUUBA MAALTU JIRA?

Kitaabni Qulqulluun Gocha Hafuurota Hamoo Irratti Hirmaachuu Ilaalchisee Maal Barsiisa?

Kitaabni Qulqulluun Gocha Hafuurota Hamoo Irratti Hirmaachuu Ilaalchisee Maal Barsiisa?

NAMOONNI hedduun waaʼee humnoota addaa fi gochawwan hafuurota hamoo irratti hirmaachuu akka gowwoomsaatti ilaalu; industirii fiilmii keessatti immoo akka kalaqa sammuu barreessitootaatti kan ilaalaman taʼus, Kitaabni Qulqulluun haala kana irraa adda taʼeen ibsa. Kanaafuu, gocha hafuurota hamoo irratti hirmaachuu ilaalchisee akeekkachiisa ifa taʼe kenna. Fakkeenyaaf, Keessa Deebiin 18:10-13 akkana jedha: “Namni hooda dubbatu, namni duumessa ilaalee ayyaana hedu, beekaan, namni qoricha namatti godhus tokko illee si keessatti hin argamin! Namni nama dawweessu, namni ekeraa dubbisu, qaalluun yookiis namni warra duʼan waamu si keessatti hin argamin!” Maaliif? Caqasichi itti fufuudhaan akkana jedha: “Eenyu illee kana yoo godhe Waaqayyo duratti ciiggaʼamaa in taʼa . . . Kanaaf ati Waaqayyo gooftaa kee duratti mudaa kan hin qabne taʼi!”

Kitaabni Qulqulluun gocha hafuurota hamoo irratti hirmaachuu kan balaaleffatu maaliifi?

GOCHI AKKASII AKKAMITTI JALQABE?

Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo utuu lafa hin uumin dura, qaamota hafuuraa ykn maleekota miliyoonaan lakkaaʼaman akka uume dubbata. (Iyoob 38:4, 7; Mulʼata 5:11) Maleekota kana hundaaf mirgi filannoo, jechuunis dandeettiin waan sirrii ykn waan dogoggora taʼe filachuu kennameefii ture. Isaan keessaa muraasni isaanii Waaqayyoon mormuuf waan filataniif, bakka samii keessatti qaban gadhiisuudhaan lafa irratti jeequmsa uumuuf gara lafaatti gadi buʼaniiru. Kanaan kan kaʼes, lafti ‘wal irratti kaʼuudhaan guutamte.’—Uumama 6:2-5, 11; Yihudaa 6.

Maleekonni hamoon kun, namoota miliyoonaan lakkaaʼaman dogoggorsuudhaan, dhiibbaa guddaa akka irraan gaʼan Kitaabni Qulqulluun ni dubbata. (Mulʼata 12:9) Fedhii namoonni uumamaan waaʼee gara fuulduraa beekuuf qabanitti illee ni fayyadamu.—1 Saamuʼel 28:5, 7; 1 Ximotewos 4:1.

Dhugaa dha, humnoonni addaa tokko tokko namootaaf gargaarsa kan godhan fakkaatu. (2 Qorontos 11:14) Haa taʼu malee, maleekonni hamoon kun namoonni waaʼee Waaqayyoo dhugaa isaa akka hin hubanne gochuuf sammuu isaanii jaamsuuf yaalaa jiru.—2 Qorontos 4:4.

Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun akka jedhutti, hafuurota hamoo wajjin hariiroo uumuun bashannana miidhaa nu irraan hin geessisne miti. Namoonni barattoota Yesuus taʼuuf of qopheessaa turan, waaʼee gochawwan kanaa dhugaa isaa barachuun isaan barbaachisee kan ture kanaafi; aarsaa guddaa kan isaan kaffalchiise taʼus, ‘namoonni gargaarsa jinniitiin wantoota tokko tokko hojjetan hedduun, kitaabota isaanii walitti qabanii namoota hunda duratti gubaniiru.’—Hojii Ergamootaa 19:19.

“Qaalluuwwan mimmiidhagoon televizyinii, fiilmii fi kitaabota irratti dhihaatan, qaalluuwwan ilaalchisee wantoota shamarran umurii waggoota kurnanii keessa jiran itti amanan irratti dhiibbaa gochaa jira.”—Gaalap Yuuz Sarvey, 2014

Namoonni hedduun yeroo harʼaatti argamanis gochawwan hafuurota hamoo irratti hundaaʼan irratti hirmaachuu fi ittiin bohaaruu irraa fagaachuuf murteessaniiru. Fakkeenyaaf, Maariyaan * yommuu waggaa 12 turtetti, wantoota ykn balaawwan gara fuulduraatti uumamuu dandaʼan raaguu waan dandeessu fakkaata ture. Hiriyoota ishii wajjin barataniif kaardii waaʼee gara fuulduraa ittiin beekuuf fayyadaman dubbisaa kan turte siʼa taʼu, wantoonni ishiin dubbattu waan raawwatamaniif gochawwan hafuurota hamootti gammaduu jalqabde.

Maariyaan namoota gargaaruuf kan ishii dandeessise kennaa Waaqayyo biraa argatte akka taʼe ishiitti dhagaʼamee ture. “Haa taʼu malee, wanti na jeequ tokko jira ture” jetteetti. Dabalataanis, “Kaardicha dubbisaa kanan ture namoota kaaniif ture. Waaʼee mataa koo wanta gara fuulduraa baruu barbaadus, ofii kootiif dubbisuu garuu hin dandaʼun ture” jetteetti.

Maariyaan, sammuun ishii gaaffilee deebii hin arganne hedduudhaan waan jeeqameef Waaqayyotti kadhannaa kan dhiheessite siʼa taʼu, yeroo booda Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arguudhaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu eegalteetti. Maariyaan, dandeettiin ishiin waaʼee gara fuulduraa dubbachuuf qabdu kan argame Waaqayyo biraa akka hin taane Kitaaba Qulqulluu irraa baratte. Akkasumas, namni Waaqayyoo wajjin michummaa uumuu barbaadu kam iyyuu, wantoota hafuurota hamoo wajjin wal qabatan hunda of irraa fageessuu akka qabu baratteetti. (1 Qorontos 10:21) Kanaan kan kaʼes, Maariyaan meeshaalee itti fayyadamaa turtee fi kitaabota ishii hunda balleessiteetti. Yeroo ammaatti immoo Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu irraa baratte namoota kaanitti himaa jirti.

Maayikil yeroo umurii waggoota kurnanii keessa turetti, asoosamoota waaʼee humnoota addaa dubbatan dubbisuu baayʼee jaallata ture. “Waaʼee gootota umuriidhaan anaa wajjin wal gitanii fi yaadaan uumamanii baruun na gammachiisa ture” jedheera. Maayikil suutuma suutaan kitaabota waaʼee hafuurota hamoo fi gochawwan Seexanaa ibsan dubbisu amaleeffate. “Waa beekuuf fedhii guddaa waanan qabuuf, kitaabota hafuurota hamoo wajjin wal qabatan dubbisuu fi fiilmota wanta kanaa wajjin wal qabatan ilaaluufan kakaʼe” jedheera.

Haa taʼu malee, Maayikil Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaa haala kana gadi fageenyaan qorachuuf isa kakaaseera. Akkana jedheera: “Wantoota gocha hafuurota hamoo wajjin wal qabatan tokko tokkoon ergan tarreessee booda, wantoota sana hunda nan balleesse. Barumsa barbaachisaa tokkos baradheera. Kitaabni Qulqulluun, 1 Qorontos 10:31 irratti, ‘Wanta kam iyyuu yoo gootan, wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa’ jedha. Ammas, ‘Wanti ani dubbisaa jiru kun Waaqayyoof ulfina ni fidaa?’ jedheen of gaafadha. Yoo akkas taʼe, dubbisuun dhiisa.”

Kitaabni Qulqulluun ibsaa dha jedhamuun isaa sirrii dha. Ibsaa addaa gochi hafuurota hamoo maal akka taʼe saaxilu dha. (Faarfannaa 119:105) Taʼus, Kitaabni Qulqulluun faayidaa kana caalu qaba. Abdii dinqisiisaa gara fuulduraatti addunyaan hafuurota hamoo irraa bilisa akka baʼu ibsu qabateera. Kun immoo ilmaan namootaatiif boqonnaa guddaa argamsiisa. Fakkeenyaaf, Faarfannaan 37:10, 11 akkana jedha: “Inni jalʼaan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu, iddoo inni ture hubattee yoo ilaalte, inni hin jiru. Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.”

^ KEY. 10 Maqaawwan mata duree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.