Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtiitti Gammaduu ni Dhowwaa?

Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtiitti Gammaduu ni Dhowwaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtiitti gammaduu hin dhowwu; kanaa mannaa kennaa Waaqayyo namoota gaaʼela godhataniif kenne akka taʼe argisiisa. Inni namoota “dhiiraa fi dubartii” godhee kan uume siʼa taʼu, wanta uume kanas “baayʼee gaarii” akka taʼe ibseera. (Uumama 1:27, 31) Dhiiraa fi dubartii warra jalqabaa yommuu gaaʼelaaf walitti fidetti “isaan foon tokko taʼu” jedhee ture. (Uumama 2:24) Hariiroon cimaan kun immoo miiraan walitti hidhamuu fi saalqunnamtiitti gammaduu dabalata.

 Kitaabni Qulqulluun gammachuu abbaan manaa gaaʼela irraa argatu akka itti aanutti ibsa: “Haadha manaa dargaggummaa keettis gammadi, . . . Yeroo hundumaa harmi ishii si haa gammachiisu. Yeroo hundumaa jaalala ishiitiin boojiʼami.” (Fakkeenya 5:18, 19) Waaqayyo haadhotiin manaas saalqunnamtiitti akka gammadan barbaada. Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Abbaan manaa fi haati manaa fedhii saalqunnamtii walii isaanii guutuu qabu.”—1 Qorontos 7:3, hiika Godʼs Word Bible jedhamu.

Saalqunnamtiitti gammaduun daangaa qaba

 Waaqayyo saalqunnamtii kan heyyame hiriyoota Gaaʼelaa gidduutti qofa dha. Ibroonni 13:4 akkas jedha: “Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas qulqulluu haa taʼu; sababiin isaas, Waaqayyo namoota halalee fi ejjitoota taʼanitti ni murteessa.” Hiriyoonni gaaʼelaa amanamoo taʼuu fi waadaa waliif galan eeguu qabu. Ofii isaanii gammachiisuu irratti xiyyeeffachuu mannaa, gorsa Kitaaba Qulqulluu isa, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedhu hojii irra oolchuudhaan gammachuu guddaa argatu.—Hojii Ergamootaa 20:35.